Stationery

Waajjirri Maallaqaa Godina Baalee Meeshaalee adadaa bituu barbadaa

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa Lakk. 01/2019

Waajjirri Maallaqaa Godina Baalee Meeshaalee Barreessaa, Meeshaalee Qulqullinaa, Meeshaalee Dhaabbii Dhumataa, Baatirii fi Gommaa Konkolaataa, Meeshaalee Ijaarsaa, Meeshaalee Dhaaabbii Biiroo keessaa Farnicharoota, Meeshaalee Eeleektrooniksii, Afaa Lafaa fi Golgaa foddaa, Maxxansaalee adda addaa, Suphaa Konkolaataa, tajaajila Rifireeshimantii, Tajaajila Galma walgahii, tajaajila fee'iinsa gogaa, bittaa Uffata seeraa, tajaajila hodhaa uffata seeraa fi Suphaa Meeshaalee Elektirooniksii caalbaasii ifaatiin dhiyeessitoota gahumsaa fi dandeettii qaban, ulaagaalee armaan gaditti ibsaman guutuu danda'an irraa wal-dorgomsiisee bituu barbaada.

Bu'uuruma kanaan:-

1. Dorgomtoonni Caalbaasicha qoodachuuf Eeyyama Hojii daldalaa kallattii qaban bara 2018/2019 tiif kan haaromee fi kanaafis Ragaa dhiyeessuu kan danda'an

2. Gibira Mootummaa kan bara 2018 kan kaffalanii fi kafaluu isaaniifis Ragaa dhiyeefachuu kan danda'an,

3. Dorgomtoonni Caalbaasicha irratti hirmaachuuf waraqaa raga dhiheessummaa (Supplier list), Ragaa lakk. TIN fi VAT dhiyeessuu kan danda'an ta'uu qabu

4. Ulaagaa sanada tarreefama meeshichaa (Specification) keessatti ibsame guutee dhiyeessuu kan danda'u

5. Dorgomaan kamiyyuu Kabachiisa Caalbaasii Lootii Iffaa M/barreessaa (6212), dhaabbii dhumataa (6219), qulqullinaa(6218), Ijaarsaa(6244), M/dhaabbii Eelektirooniksii (6313),afaa lafaa fi golgaa fooddaaf (6314), (CPO) qr. 100,000.00 (kuma dhibba tokko), lootii lootii 2ffaa Tajaajila maxxansaalee adda addaaf (6213) tajaajila Rifireeshimantiifi Kiraa Mana Siree fi galma walgahii (6233,6271), tajaajila Suphaa konkolaataaf, tajaajila fee' iinsa gogaa, bittaa Uffata seeraa fi tajaajila hodhaa uffata seeraa tokko tokkoof kophaa kophaatti kabaachiisa Caalbaasii CPO qar. 50000.00(kuma shantama), fi Tajaajila Suphaa meeshaalee eleektirooniksiif Kabachiisa Caalbaasii CPO qar. 10,000.00(kuma kudhan) Maqaa Waajjira Maallaqaa Godina Baaleetti kophaa kophaatti qabsiisee Sanada Caalabaasii teeknikaala Orijinaala wajjin dhuyeefachuu qaba.

6.Dorgomtoonni Guyyaa Beeksifni kun bahe irraa eegalee guyyoota Hojii walitti aanan guyyoota 15f Sa'aatii hojiiitti Sanada Caalbaasichaa qarshii hin deebine lootii 1ffaaf qar. 500(dhibba shan) lootii 2ffaa fi 3ffaaf qarshii 300(dhibba sadi) lakkoofsa Herrega Baankii Siinqee maqaa Waajjira Maallaqaa Godina Baaleetiin baname lakk. 1069593281212tti galii tasiisuun sanada caalbaasii Waajjira Maallaqaa Godina Baalee kutaa Lakk 10tti dhiyaachuun bitachuu kan dandeessan ta'uu,

7. Dorgomtoonni sanada isaanii irratti maqaa fi teessoo guutuu akkasumas Chaappaa dhaabbatichaa qajeelatti barreessanii mallatteessuu qabu.

8. Dorgomtooni sanada dorgommii isaanii akkaataa saamsanii dhiheessuu qaban: Sanada Faayinaanshaalaa Orijinaalaa(Haadho),Sanada Faayinaanshaalaa Koppii, Sanada Teekniikaalaa (Trade license, TIN numbers & VAT registration certificate, EGP supplier list, Tax Clearance, CPO and other technical document) poostaa sadiin (3) saamsuun Maqaa dhaabbata dorgomee, chaappaa dhabatichaa, Mallattoo Qaama dorgomee, gosa sanada dorgommii poostaa irratti barreesuun saamsamee dhiyaachu qabaa,

9.Dorgomtootni Meeshaalee Eleektirooniksii, Uffata seeraa fi Kophee irratti dorgomtan Saamuuda guyyaa caalbaasiin banamu guyyaa tokko dursuun Waajjira Maallaqaa Godina Baalee tti Lakk. 10tti dhiheefachuu gabu

10. Injifataan Caalbaasichaa bu'uuruma qajeelfama dorgomtootaatiin akka xalayaan Injifannoo barreeffamaan isaanii ibsameen kabachisiisa caalbaasii waliigaltee 10% qabsiisuu qaban hunda qabsiisuun waliigaltee waajjiricha waliin mallatteessuu qabu.

11. Sanadni caalbaasii kan banamu guyyaa hojii becksiisnii bahee irraa kaasee guyyoota 15 qilleensa irraa oolee gaafa guyyaa hojii 16ffaa Waajjira Maallaqaa Godina Baalee tti Lakk. 11tti Saa'aa 4:00 irratti saanduqni caalbaasii saamsamee guyyama kana saa'aa 4:30 irratti dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni seera gabeessa ta'an argamanitti Caalbaasichi ifaan banama haa ta'u malee guyyaan baniinsa ayyaana yookiin cufaa yoo ta'e guyyaa hojii itti aanutti kan banamu ta'uu.

12. Waajjirichi Filannoo addaa yoo argate Caalbaasicha guutuun guututti ykn gartokkeen haquu ni danda'a. Odecffannoo Dabalataaf Lakk. bilbilaa 022-665-0042 ykn 022-665-0559

Waajjira Maallaqaa Godina Baalee


Tender details

  • Deadline: 2026-09-01
  • Bid closing time: 10:00
  • Bid closing (note): guyyaa 16ffaa sa,aatti 4:00tti
  • Bid opening: 2026-09-01 10:30
  • Bid opening (note): guyyaa 16ffaa sa,aatti 4:30tti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Godina Baalee
  • Bid bond: Lootiidhaan adda addaa dha
  • Bid document price: 1ffaaf qar. 500(dhibba shan) lootii 2ffaa fi 3ffaaf qarshii 300(dhibba sadi)
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 13, 2026)
  • Posted at: 2026-08-15T07:56:22.000Z
← Back to all tenders