Textile, Garments and Uniforms
Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Waajjirri Maallaqaa Kutaa Magaalaa Gafarsaa Gujee manneen hojii Kutaa Magaalaa fi Waajjira Mana Qopheessaa bara baajataa 2019f kan oolu meeshaalee gosa adda addaa(meeshaalee dhumeeyyii, uffata seeraa hojjettootaa, meeshaale
More tags
Description
Beeksisa Caalbaasii Ifaa
Lakkoofsa Caalbaasii: 01/2019
Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Waajjirri Maallaqaa Kutaa Magaalaa Gafarsaa Gujee manneen hojii Kutaa Magaalaa fi Waajjira Mana Qopheessaa bara baajataa 2019f kan oolu meeshaalee gosa adda addaa(meeshaalee dhumeeyyii, uffata seeraa hojjettootaa, meeshaalee qulqullinaa, elektirooniksii biiroo keessaa,farnicharoota biiroo keessaa fi gommaa konkolaattotaa) caalbaasii ifaadhaan dorgomsiisee bituu barbaada.
Haalota tarreeffaman:
Dorgomtoonni tarreeffama sanada guyyaa beeksifni kun gaazexaa irratti bahee eegalee guyyoota hojii walitti aanan 10 keessatti Bulchiinsa Kutaa Magaalaa Gafarsaa Gujee Waajjira Maallaqaatiin Baankii Siinqeetti Lakk. Herregaa 1065173571213 baname qarshii hin deebine qarshii 800 (dhibba saddeet) galii gochuun 'deposit slip' Waajjira Galii kutaa Magaalaa Gafarsaa Gujeetti gara nagaheetti jijjiiruudhaan sanada guyyaa hojii hunda waajjira Maallaqaa kutaa Magaalaa Gafarsaa Gujeetti qaamaan dhuftanii sanada caalbaasii bitachuu ni dandeessu.
Qajeelfama dorgomtootaa /Instruction to bidders/:
1. Damichaan eeyyama hojii daldalaa kan qabanii fi gibira haala qajeelfamaatiin kan kaffalanii eeyyama daldala isaanii kan haaromsan kanaaf ragaa dhiyeessuu kan danda'an.
2. Lakkoofsa addaa baasaa kaffalaa gibiraa/tax payer registration no/certificate/ kan qabanii fi ragaa dhiyeessuu kan danda'an.
3. Taaksii dabalataa(VAT) galmaa'aa fi waraqaa ragaa dorgomtoonni galmaa'ummaa kan qabu. Akkasumaas, weebsaayitii galmee dhiyeessummaa Ministeera Maallaqaa Feederaalaa ykn Biiroo Maallaqaa Naannoo ykn Ejensii bittaa fi dhabamsiisa qabeenyaa irratti kan galmaa'anii fi yeroo ammaa weebsaayitii irratti galmaa'aa ta'uu isaanii kan ibsu ragaa koppii dhiyeeffachuu qabu.
4. Dorgomtoonni manneen hojii mootummaa beekamoo ta'aniif baay'inaan, qulqullinaanii fi yeroon meeshaalee mo'atan galchuu keessaniif raawwii hojii gaariif xalayaa manneen hojii irraa isiniif barreeffame koppii xalayichaa dhiyeessuu qabdu.
5. Dorgomtoonni kamiyyuu kabachiisa caalbaasii baankiin kan mirkanaa'e/ragga'e/ CPO Lotii 1ffaa uffata seeraa hojjettootaa qarshii 50,000 (kuma shantama) Lotii 2ffaa fi Lotii 4ffaa meeshaalee dhumeeyyiif qarshii 120,000/ kuma dhibba tokkoof kuma digdama/, Lotii 3ffaa meeshaa qulqullinaa qarshii 100,000 (kuma dhibba tokko), Lotii 5ffaa gommaa konkolaattotaa qarshii 130,000 (kuma dhibba tokkoo fi kuma soddoma), Lotii 6ffaameeshaalee dhaabbii elektirooniksii biiroo 250,000( kuma dhibba lamaa fi kuma shantama) fi Lotii 7ffaameeshaalee dhaabbii farnicharoota biiroo keessaaf qarshii 150,000 (kuma dhibba tokkoo fi
kuma shantama) sanada waliin dhiyeessuuf dirqama qabu.
6. Dorgomtoonni (mo'atoon) waliigaltee yemmuu mallatteessan kabachiisa waliigaltee wabummaa baankii irraa mirkanaa'e CPO (wabummaa % 10) qabsiisuu isaan barbaachiisa.
7. Dorgomaan kamiyyuu caalbaasii erga mo'atanii booda meeshaalee mo'atan hunda geejjiba isaanii fi baasii isaaniitiin iddoo waajjirichi qopheessetti dhiyeessuu qabu.
8. Dorgomtoonni kamiyyuu gatii sanada caalbaasii waajjirichi qopheesse irratti guutuu qabu.
9. Dorgomtoonni caalbaasichi erga banameen booda sanada caalbaasii irratti jijjiirama ykn fooyya'insi gochuu ykn caalbaasii keessa bahuun hin danda'amu.
10. Dorgomtoonni meeshaalee bitaman haala ispeesifkeeshinii kennameefin guutee yoo dhiyeessuu baate fi dogongorri kamiyyuu yoo uumame itti gaafatamummaan kan dhaabbata dhiyeessichaa/dorgomaa/ ta'uu beekuu qabu.
11. Dorgomaan caalbaasii mo'atee waliigaltee erga seenee booda guyyoota hojii walitti aanan 10 (kudhan) keessatti meeshaalee galii gochuu qaba. Yeroo jedhame keessatti galii gochuu yoo baate waliigaltee kennaan haala qajeelfamaatiin tarkaanfii kan fudhatu ta'uu beekuu qabu.
12. Dorgomaan kamiyyuu ispeesifkeeshinii meeshaalee gatii kenne ittiin injifateen ala filannoo biroo dhiyeessuu hin danda'u.
13. Waajjirichi ispesifikeeshinii (specification) kaa'e kan jijjire dorgommiin ala kan ta'u ta'uu isaa ni ibsina /beeksisna/.
14. Dorgomtoonni gatii ittiin dorgoman sanada caalbaasii irratti adda baasuun guutuudhaan orginaalaa fi koppiidhaan poostaa saamsuudhaan caalbaasiin guyyaa gaazexaa irratti bahee jalqabee guyyaa hojii walitti aanan hanga guyyaa 11ffaatti ganama irraa sa'aatii 4:00tti Waajjira Maallaqaa Kutaa Magaalaa Gafarsaa Gujeetti saanduqa dhimma kanaaf qophaa'e keessa galchuu ni dandeessu.
15. Caalbaasichi guyyaa 11ffaaguyyaa keessaa sa'aatii 4:00 irratti cufamee guyyuma sana sa'aatii 4:30 irratti bakka dorgomtoonni ykn bakka bu'ootni dorgomtootaa seera qabeessa ta'an bakka argamanitti ni banama.
16. Dorgomtoonni meeshaalee dhiyeessan guutummaan guutuutti orginaala ta'uu qaba.
17. Dorgomtoonni ykn bakka bu'ootni dorgomtootaa seera qabeessa ta'an hundi baninsa caalbaasii irrattis yoo hin argamnes caalbaasicha hin guufachisu.
18. Waajjirichi mala/tooftaa fooyya'aa /filannoo/ biroo yoo argate caalbasicha walakkeessaanis ta'e guutummaan guutuutti haquu mirgi isaa kan eegameedha.
Ragaa dabalataa yoo barbaaddan
lakk. bilbilaa: 0952818558/0949539545/ bilbiluun hubachuu ni dandeessu.
Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Waajjira Maallaqaa Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujee
Tender details
- Deadline: 2026-08-27
- Bid closing time: 12:00
- Bid closing (note): 11ffaaguyyaa keessaa sa'aatii 4:00 irratti
- Bid opening: 2026-08-27 12:00
- Bid opening (note): 11ffaaguyyaa keessaa sa'aatii 4:30 irratti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritii Waajjira Maallaqaa Kutaa Magaalaa Buraayyuutti
- Bid bond: Lootiidhaan adda addaa dha
- Bid document price: Qarshii 800.00
- Published on: Addis Zemen (Aug 15, 2026)
- Posted at: 2026-08-15T08:10:55.000Z