Stationery

Godina Shawaa Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Dirree Incinnii hojii sektaroota Aanaa Bara 2019 tiif kan oolu Meeshaalee bituu barbaada.

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa Lakk. 01/2019

Godina Shawaa Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Dirree Incinnii hojii sektaroota Aanaa Bara 2019 tiif kan oolu Meeshaalee Barreessaa, Meeshaalee qulqullinaa, Meeshaalee Eleektirooniksii, Meeshaaldhaabbataa biiroo keessaa Fernicheerota,Gommaawwan konkolaataafi Motor sayikiloota(doqdoqqee) uffata seeraa hojjettootaa labsii bittaa mootummaa naannoo Oromiyaa Lakk. 157/2002 fi Qajeelfamaa bittaa mootummaa naannoo Oromiyaa lakk. 01/2009 irratti hundaa'uudhaan caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bituu barbaada.

Ibsa Bal'inaanCaalbaasiin kun guyyaa Gaazexaa Kallacha Oromiyaa irratti bahee jalqabee gosootaa fi waliigala odeeffannoomeeshaalee bitamuuf barbaadamanii kan ibsu sanada caalbaasii gosa bittaa tokko tokkoon qophaa'e kan hin deebine qar1500.00 (kuma tokkof dhibbaa shan) Herrega baankii Waajjiirichaa 1000039320669 fi baankii siinqee 1054303911212 galchuudhaan Guyyaa Hojii kudhaa shaniif(15) sa'ati 02:30-11:30ttii Waajjirra Maallaqaa Aanaa Diree Incinnittii dhufuudhaan dookumenticha fudhachuu ni danda'ama.

1. Dirqama Dorgomtootaa (Ulaagaa Dorgomtoonni guutuu qaban)

2. Gibira barichaa kan kaffalanii fi zarfii daldala meeshichaatiin heeyyama daldalaa haarome kan qaban, ragaa qabatamaa dhiyeessuu kan danda'an.

3. Galmaa'aa Taaksii dabalata qabeenyaa kan ta'anii fi footokoppii saartefkeettii VAT dhiyeessuu kan danda'an.

4. Tarree dhiyeessitootaa keessatti kan galmaa'anii fi ragaa galmee dhiyeessummaa ministeera Maallaqaa dhiyeessuu kan danda'an.

5. Dorgomtoonni baay'ina gatii waliigala meeshaalee gosa bittaa dookumantii tokko irratti dorgoman irratti 1% kabachiisa caalbaasii (CPO) sanada caalbaasichaa waliin dhiyeessuu, ykn Maallaqa callaa hanga kabachiisa caalbaasichaa herrega baankii waajjira keenyaa 1000039320669 tti galii taasisuun naga'ee galii kutaa herregaa waajjira keenyaa erga itti citee booda koppiin naga'ee kanaa sanada caalbaasichaa waliin dhiyeessuu qabu. Dorgomtoonni Maayikiroo fi xixiqqaa (IMX) Gosa bittaa fi baayina maallaqa irratti dorgoman ibsuudhaan qaama isaan hundeesse irraa waajjira keenyaaf kallattiidhaan xalayaa wabummaa caalbaasichaa dhiyeeffachuu kan danda'an.

6. Dorgomtoonni gatii meeshaalee tokko tokkko ittiin dorgoman sanada caalbaasii bitan qofa irratti guutuudhaan orijinaala isaa fi koppii isaa adda addatti poostaa saamsameen hanga 28/12/2018 guyyaa keessaa sa'aatii 8:30 tti waajjira keenya armaan olitti ibsame lakk. Biiroo 5 tti sanduuqa caalbaasii kanaaf qophaa'e keessa galchuu qabu sa'a 9:00 irraattii immoo nii banaama.caalbaasiin kun guyyaa gaazeexa kaallaacha oromiyaan maaxansamee irraa eegalee guyyaa hojjii walitti Aanu 15 fi qillensa irra ni oola (sanadni ni gurgurama) gafuuma sanaa sa'a armaan olittii heeramee irratti cuufamee sa'a ka'aamee irratti banama.

7. Aanaan Dirree Inicinni Magalaa Guddoo Finfinnee irraa 155km Fagaattee Yoo Argamtuu magaalaa Amboo irraa 40Km Gara Kibbaa lixaatti kan argamtuu dha.

8. Dorgomtoonni mo'atan yeroo waliigaltee mallatteessan gatii waliigalaa meeshaalee mo'atan irratti 10% wabummaa/kaabachisaa walii galtee raawwii caalbaasichaa baankiidhaan kan raggaasiffame (CPO) seera qabeessa ykn Maallaqa caallaa tiin dhiyeessuu qabu. Dorgomtoonni mo'ataman (caalbaasicha kufan) mo'atamaan caalbaasichaa erga ifa ta'ee booda kabachiisni caalbaasii dura dookumantii caalbaasii wajjin galchan battalumatti fudhachuu ni danda'u.

9. Dorgomtoonni mo'atan baasii kam iyyuu of danda'uudhaan meeshaalee mo'atan mankuusaa waajjira maallagas Aanaa Dirree incinnitti dhiyeessuu qabu.

10. Kaffaltii maallaqaa gatii meeshaalee dhiyaataniif taasisamuuf akka mijaa'u dhiyeessaan kam iyyuu herrega baankii Daldala Itoophiyaatii qabaachuu fi beeksisuu qaba.

11. Waajirichi mala ykn filannoo biraa yoo argate caalbaasii kana gar-tokkees ta'ee guutumaan guutuutti 09 12 92 73 78 aquudhaaf mirga qaba. Odeffannoo Dabalataan barbaadamuuf Lakk. Bilbilaa 09 21 05 01 00 yka 09 10 81 68 39

Godina Shawaa Lixaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Dirree Incinnii


Tender details

  • Deadline: 2026-09-03
  • Bid closing time: 14:30
  • Bid opening: 2026-09-03 15:00
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Godina Shawaa Lixaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Dirree Incinnii
  • Bid bond: 1%
  • Bid document price: Qarshii 1,500.00 sanada tokkoo
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 13, 2026)
  • Posted at: 2026-08-15T08:30:38.000Z
← Back to all tenders