Cleaning and Janitorial Equipment and Service
Bulchiinsaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godinaa Lixaa Shawaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Ada'aa Bargaa Meeshaalee bituu barbaada.
More tags
Description
Beeksiisa Caalbaasii Lakk 01/2019
Bulchiinsaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godinaa Lixaa Shawaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Ada'aa Bargaa Meeshaalee Barreeffamaa, Meeshaalee Qulqullinaa,Meeshaalee Dhaabbii Biiroo keessaa, Meeshaalee Elekitirooniksii, Meeshaalee Uffata Seeraa hojjeettootaa, Gommaa Konkoolaataa fi Doqdooqqee akkasumas Meeshaalee Ijaarsaa Seektaraalee mootummaa Aanaa Ada'aa Bargaatiif bara baajataa 2019 caalbaasii ifaan dhaabbilee dhiyeessuu danda'aan wal dorgomsiisee bituu barbaada.
Haaluma kanaan
1. 1.Dorgomtoonni caalbaasiichaa guyyaa gazeexaan Kallacha Oromiyaa kun ba'ee irra eegaalee guyyota hojii 15/kudha shaniif bittaa sanadaa caalbaasii kanaaf kan oolu qarshii hin deebiinee tokkoon tokkon sanada caalbasichaatiif qarshii 200.00(Qarshii dhibba lama) Waajjira Galiiwwanii Aanaa Ada'aa Bargaatti kanfaluun sanadaa caalbaasii waajjira maallaqaa A/A/Bargaa lakk 4 irraa bittachuu ni dandeessu.
2. Dorgoomtonii heyyamaa daldalaa Kan Bara 2019 haronfamee galii gibiraa Kan kanfalee fi lakkoofsa eenyummaa kanfala gibiraa (Tiinii) fi galma'aa Vatii kan qabu ta'uu qabu.
3. Dorgomtoonni tarreefama dhiyyeesitoota meeshaalee ministeerii maallaqaa qopheessee keessattii argamuu keessan ragaa dhiyyeeffachu kan danda'an ykn waraqaa raga dhiyeessitootaa "Supplyer list dhiyeeffaachu qabu.
4. waldaleen IMX akkaata qajeelfamaa imx irratti hunda'uun caalbaasii kan irratti hirmachuu ni danda'uu .waldaleen Imx qaama isaan gurmeessee irraa walitti hidhinsaa gabaa yeroo meeqaaf akka argaataanxalayyaa deeggarsaa dhiyeeffachuu qabu.walitti hidhaminsa gabaaa IMXn tokko yeeroo sadii fi isa ol argataan kabachisa caalbaasii CPO qabsiisuu qabu. Akkasumas waldaleen IMX xalayyaa kabachisaa caalbaasii waajjiraa daldaala, CHUO fi Inveestimeentii irraa dhiyeeffachuu kan qabaan yoo ta'u hanga maallaqaa kabachisa caalbaasii itti ta'uu danda'an ibsamuu qaba.
5. Dorgoomtoonii caalbaasiichaa kabachiisaa caalbaasii gatii waliigalaa keessa 1% CPO Kan baankiin mirkaanaa'ee Sanadaa caalbaasii waliin kan galchuu qabdan yommuu ta'u bid-bondii kan hin fudhanne ta`u isa isiin beeksiisna.
6. Mo`attoonii raawwii hojii kabachiisa waliigaltee gatii meeshaa mo`atan keessa 10% (kudhan) kan baankii mirkaanaa'ee CPO dhan qabsiisu qabu.
7. Dorgoomtonnii Sanadaa caalbaasii irratti gatii guutun poostaa samiin (gagaadhaan) samsuun orjinaalaa fi kooppii jechuun adda addaa baasuun kophaa kophaatti qopheessuun hangaa 29/12/2018 ganamaa keessa sa'attii 4:00tti Waajjira Maallaqaa A/A/Bargaa kutaa lakk 4 sanduqaa caalbaasii keessa galchu ni dandeessu.
8. Caalbaasichii gaafa guyyaa 29/12/2018 ganamaa keessa sa'aatii 4:30tti bakka dorgomtoonnii fi bakka bu'oonni seera qabeessaa argamanitti ni banama. Caalbaasichii bakka dorgomaan hin jirreettis ni banamaa.
9. Dorgomtoonii gosaa meeshaalee irraatti dorgomaan irratti yeroo sanada caalbaasii galchaan sammuda/ sample/ dhiyeesuu qabu
10. Dorgomtoonni meeshaalee mo`aatan baasii ofii isaniitiin hangaa Waajira Maallaqaa A/A/Bargaa kutaa mana kusaattii dhiyeesun galii gochuuf dirqama qabu.
11. Dorgomtoonni caalbaasiichaa yeemmuu gatii guutaan ibsa meeshaalee 'Brand' ibsuu qabu.Biraandiin yoo ibsamuu baate xinxaala keessaatti fudhatama hin argatu.
12. Bayyiinnii meeshaalee tarreeffamee 20% Dabaluu fi hiriisuu ni danda'a.
13. Waajjirii haala foyya'aa yoo argatee caalbaasicha guutumaa guututti yokiin gartokkeen haquuf mirgaa guutu gaba
Hubachisa:-Ulaagaa beeksiisa caalbaasii kana guutuummaa isaa sanada caalbaasii qopha'e irra argachuu ni dandeessu. Teessoon Aanaa Ada'aa Bargaa Magaala Incinnii. Lakk bilbilaa :-09 24 43 44 79 ykn 09 13 72 16 19
Bulchiinsaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godinaa Lixaa shawaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Ada'aa Bargaa
Tender details
- Deadline: 2026-09-04
- Bid closing time: 10:00
- Bid opening: 2026-09-04 10:30
- Region: Oromia
- Publishing entity: Bulchiinsaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godinaa Lixaa shawaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Ada'aa Bargaa
- Bid bond: 1%
- Bid document price: Qarshii 200.00 sanada tokkoo
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 13, 2026)
- Posted at: 2026-08-15T08:42:29.000Z