Stationery

Waajjira Maallaqaa Godina Shawaa Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Midaa Qanyii bara baajata 2019 tiif baajata I Meeshaalee bituu barbaada.

Description

Caalbaasii Ifaa Lakk.01/2019

Waajjira Maallaqaa Godina Shawaa Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Midaa Qanyii bara baajata 2019 tiif baajata Idilee fi Galii keessatiin Meeshaalee barreeffamaa, Uffata Dambii hojjettootaa Meeshaalee Qulqullinaa adda addaa, Hojiilee Maxxansaa adda addaa, Meeshaalee Dhaabbii, fi Meeshaalee Elektirooniksii adda addaa, Meeshaalee ijaarsaa adda addaa, Meeshaalee BLTO fi Gommaa Konkolaataa Labsii Bittaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lakk. 157/2002 fi Qajeelfamaa bittaa mootummaa naannoo Oromiyaa lakk. 02/2004 irratti hundaa'uudhaan caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bituu barbaada.

Ibsa Bal'inaan

Caalbaasiin kun guyyaa Gaazexaa Kallacha Oromiyaa irratti bahee jalqabee gosa meeshaalee fi odeeffannoo waa'e meeshaalee bitamuuf barbaadamanii kan ibsu sanada caalbaasii qophaa'ef Qar. 200.00 (Dhibba lama) kan hin deebine kaffaluudhaan yeroo hundumaa sa'aatii hojii mootummaa Waajjirra Maallaqaa Aanaa Midaa Qanyii dhufuudhaan bitachuun ni danda'ama.

Dirqama Dorgomtootaa

1. Gibira bara kanaa kan kaffalanii fi damee daldalaa meeshichaatiin heeyyama daldalaa haarome kan qaban, ragaa qabatamaa dhiyeessuu kan danda'an.

2. Galmaa'aa Taaksii dabala qabeenyaa "VAT" kan ta'anii fi ragaa dhiyeessuu kan danda'an.

3. Tarree dhiyeessitootaa Ministeera Maallaqaa keessatti kan galmaa'anii fi ragaa galmee dhiyeessummaa ministeera Maallaqaa (qaama sadarkaan jiru) irraa dhiyeessuu kan danda'an.

4. Dorgomtoonni kabachiisa caalbaasii bankii beekamtii qabu irraa qarshii 30,000 (Kuma soddoma) (CPO)n bankiidhan kan mirkana'ee caalbaasichaa waliin dhiyeessuu qabu.

5. Dorgomtoonni gatii ittiin dorgoman sanada caalbaasiichaa irratti guutuudhaan Orijinaalaa fi koppii Koophaa Koophaattii poostaadhaan saamsudhaan Orjinaalii fi Koopii ammo bakkaa tokkootii poostaa guddaadhaan Saamsamee maqaa fi ragaa guutuu dhaabbata isaanii irratti barreessun dhiyyeefachuu qaba.

6. Sanada Caalbasii kana guyyaa 07/12/2018 hanga 27/12/2018 sa'aatii 11:30tti Waajjira Maallaqaa Aanaa Midaa Qanyiitti Qaaman dhiyyataanii bittachuun saanduuqa kanaaf qophaa'etti galchuu ni danda'u. Caalbaasichi gaafa guyyaa 28/12/2018 sa'aatii 8:00tti cufamee dorgomtoonni ykn bakka buutonni isaanii bakka argamanitti guyyuma kana sa'aatii 8:30tti ni saaqama.

7. Dorgomtoonni mo'atan yeroo waliigaltee mallatteessan gatii waliigalaa meeshaalee mo'atan irratti 10% wabummaa raawwii caalbaasichaa baankiidhaan kan raggaassame (CPO) seera qabeessa dhiyeessuu qabu. Dorgomtoonni mo'ataman (caalbaasicha kufan) mo'ataa fi mo'atamaan caalbaasichaa erga ifa ta'ee booda kabachiisni caalbaasii dura dookumantii caalbaasii wajjin galchan battalumatti fudhachuu ni danda'u.

8.Dorgomtoonni mo'ataa baasii kam iyyuu danda'uudhaan meeshaalee mo'atan mankuusaa Waajjirri Maallaqaa Aanaa Midas Qanyiitti dhiyeessuu qabu.

9. Waajjirichi mala ykn filannoo biraa yoo argate caalbaasii kana gar tokkees ta'ee guutumaan guutuutti haquudhaaf mirga guutuu qaba. Odeefannoo dabalataa yoo barbaaddan Lakk. Bilbilaa 09 13 77 71 29 ykn 09 13 72 31 60

Waajjira Maallaqaa Godina Shawaa Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Midaa Qanyii


Tender details

  • Deadline: 2026-09-03
  • Bid closing time: 14:00
  • Bid opening: 2026-09-03 14:30
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Godina Shawaa Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Midaa Qanyii
  • Bid bond: Qarshii 30,000.00
  • Bid document price: Qarshii 200.00
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 13, 2026)
  • Posted at: 2026-08-15T08:58:27.000Z
← Back to all tenders