Stationery
Godina Shawaa Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Tokkee Kuttaayee Bara Baajata 2019tiif Meeshaalee bituu barbaada.
More tags
Description
Beeksisa Caalbaasii Ifaa Lakk. 01/2019
Godina Shawaa Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Tokkee Kuttaayee Bara Baajata 2019tiif Baajata Idilee, Bakka Bu'iisaa (Warshaa Nooraa fi Hospitaala Gudar), SLMP, RIP fi fandiiwwan adda addaatiif Meeshaalee barreeffamaa, Uffata Dambii, Meeshaalee Qulqullinaa, Hojiiwwan Maxxansa adda addaa, Meeshaalee Dhaabbii, Meeshaalee Elektirooniksii adda addaa, Meeshaalee ijaarsaa adda addaa, Haaromsa Maashinoota Warshaa, Haaromsa Motor fi Saaykilii fi konkoolataa, biittaa motoraa fi Nyaata Dhukkubsattootaa hospitalaa Gudar labsii bittaa mootummaa naannoo Oromiyaa Lakk. 157/2002 fi Qajeelfamaa bittaa mootummaa naannoo Oromiyaa lakk. 02/2004 irratti hundaa'uudhaan caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bituu barbaada.
Ibsa Bal'inaan
Caalbaasiin kun guyyaa Gaazexaa Kallacha Oromiyaa irratti bahee calqabee gosootaa fi waliigala odeeffannoo meeshaalee bitamuuf barbaadamanii kan ibsu sanada caalbaasii gosa bittaa tokko tokkoon qophaa'e kan hin deebine qar. 1000.00 (kuma tokkoo) kaffaluudhaan yeroo hundumaa sa'aatii hojii mootummaa Waajjirra Maallaqaa Aanaa Tokkee Kuttayee lakkoofsa 3 dhufuudhaan bitachuun ni danda'ama.
Dirgama Dorgomtootaa
1. Gibira barichaa kan kaffalanii fi damee daldalaa meeshichaatiin heeyyama daldalaa haarome kan qaban, ragaa qabatamaa dhiyeessuu kan danda'an.
2. Galmaa'aa Taaksii dabala qabeenyaa kan ta'anii fi footokoppii sartefkeettii VAT dhiyeessuu kan danda'an.
3. Tarree dhiyeessitootaa keessatti kan galmaa'anii fi ragaa galmee dhiyeessummaa ministeera Maallaqaa (qaama sadarkaan jiru) irraa dhiyeessuu kan danda'an.
4. Dorgomtoonni kabachiisa caalbaasii dorgoman irratti qarshii 50,000(Kuma Shantamaa) Caallaa kan qabsisee sanada caalbaasichaa waliin dhiyeessuu qabu. Dorgomtoonni Maayikiroo fi xixiqqaa (IMX) Gosa bittaa fi baayina maallaqa irratti dorgoman ibsuudhaan qaama isaan hundeesse irraa waajjira keenyaa kallattiidhaan xalayaa wabummaa caalbaasichaa dhiyeessuu ni danda' qabu.
5. Dorgomtoonni gatii ittiin dorgoman sanada caalbaasiichaa irratti guutuudhaan Orijinaalaa fi koppii Koophaa Koophattii postaadhaan saamsudhaan Orjinaalii fi Koopii bakkaa tokkootii poostaa Guddaadhaan Samsamee maqaa fi ragaa guutuu dhaabbata isaanii irratti barreessu dhiyyeefachuu qaba.
6. Saradau Calbasii kana guyyaa 07/12/2018 hanga 28/12/2018 sa'aatii 4:00 tti Waajjira Maallaqaa Aanaa Tokkee Kuttayee biiroo lakk. 3 tti Qaaman dhiyyataanii bittaachuun saanduuqa kanaaf qophaa'etti galchuu ni danda'u. Caalbaasichi gaafa guyyaa 28/12/2018_sa'aatii 4:00tti cufamee dorgomtoonni ykn bakka buutonni isaanii bakka argamanitti guyyuma kana sa'aatii 4:30tii ni saaqama..
7. Dorgomtoonni mo'atan yeroo waliigaltee mallatteessan gatii waliigalaa meeshaalee mo'atan irratti 10% wabummaa raawwii caalbaasichaa baankiidhaan kan raggaassame (CPO) seera qabeessa dhiyeessuu qabu. Dorgomtoonni mo'ataman (caalbaasicha kufan) mo'ataa fi mo'atamaan caalbaasichaa eega ifa ta'ee booda kabachiisni caalbaasii dura dookumantii caalbaasii wajjin galchan battalumatti fudhachuu ni danda'u.
8. Dorgomtoonni mo'ataa baasii kam iyyuu danda'uudhaan meeshaalee mo'atan mankuusaa Waajjirri Maallagaa Aanaa Tokkee Kuttayeetti dhiyeessuu qabu.
9. Kalfalti maallagas gatii meeshaalee dhiyaataniif taasisamuuf akka mijaa'u dhiyeessaan kam iyyuu herreega baankii daldala Itoophiyaatii qabaachuu fi beeksisuu qaba.
10. Waajjirichi mala ykn filannoo biraa yoo argate caalbaasii kana gartokkees ta'ee guutumaan guutuutti haquadhaaf mirga guutuu qabaOdeefannoo dabalataa yoo barbaaddan Lakk. Bilbilaa 0112820731 ykn 0913063404
Waajjira Maallaqaa Aanaa Tokkee Kuttayee
Tender details
- Deadline: 2026-09-03
- Bid closing time: 10:00
- Bid opening: 2026-09-03 10:30
- Region: Oromia
- Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Aanaa Tokkee Kuttayee
- Bid bond: Qarshii 50,000.00
- Bid document price: Qarshii 1,000.00 sanada tokkoo
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 13, 2026)
- Posted at: 2026-08-15T09:10:13.000Z