Cleaning and Janitorial Equipment and Service

Godina Iluu A/Booraatti A/B/Nophaa W/Maallaqaa bara baajataa 2019 Waajjirri Maallaqaa A/B/Nophaa seektarootaa fi gandoota aanaa keenya keessatti argamaniif Meeshaalee adda addaa bituu barbaada

Description

Beeksisa Calbaasii Ifaa

Godina Iluu A/Booraatti A/B/Nophaa W/Maallaqaa bara baajataa 2019 Waajjirri Maallaqaa A/B/Nophaa seektarootaa fi gandoota aanaa keenya keessatti argamaniif dorgomtoota seera qabeessa ta'an dorgomsiisuun bittaa meeshaalee armaan gadii bituu barbaada.

1. Bittaa meeshaalee barreeffamaa fi bittaa meeshaalee qulqullinaa.

2. Bittaa gommaa konkolaataa fi jijjiirraa meeshaalee konkolaataa.

3. Bittaa meeshaalee farnicherii adda addaa.

4. Bittaa meeshaalee elektirooniksii.

5. Bittaa meeshaalee BLTO.

6. Bittaa meeshaalee jijjiirraa mootersayikilii fi bittaa mootersayikilii.

7. Bittaa huccuu seeraa fi hodhaa huccuu hojjettoota mootummaa.

8. Kiraa maashinoota suphaa daandiif oolan kiiloo meetiratti jijjiiruun dorgomsiisuu barbaada.

9. Meeshaalee ijaarsaa.

Bu'uuruma kanaan dorgomtootni ulaagaa armaan gadii guuttan dhiyaattanii dorgomuu dandeessu :

1. Hayyama seera qabeessa hojii kanaan ibsu kan qabuu fi gibira bara 2019tti kan kaffaleef kan bara 2019tiif haaromsate.

2. Lakkoofsa TIN dhiyeeffachuu kan danda'u.

3. Waraqaa ragaa fi waraqaa dhiyyeessummaa dhiyeeffachuu kan danda'u.

4. Nagahee seera qabeessa dhiyeeffachuu kan danda'u.

5. Gatiin guutamu Vaatii waliin tahuu fi dhiisuun adda bahuu qaba.

6. Sanada haqaa fi laaqaa hin qabne dhiyeeffachuu kan danda'u.

7. Gatiin guutamuu qabu ispesifikeeshiinii irratti haala gaafatameen tahuu qaba.

8. Sanadi caalbaasii kan gurguramu qarshii 300 (dhibba sadii) waajjira maallaqaa kutaa lakk. 3(sadii)tti argachuu kan danda'uu fi dorgomaan sanada bitee orjinaalaa fi koppii isaa qopha qophaan ykn postaa gara garaan guutee waajjira Maallaqaa A/B/Nophaatti sanduuqa caalbaasii ifaaf qophaa'etti guyyaa caalbaasiin kun bahee jalqabee hanga guyyaa 15tti sa'aatii hojii mootummaatti qilleensa irra waan turuuf guyyaa fi sa'aatii jedhametti sanada isaa galchuu qaba.

9. Dorgomaan CPO baankiidhaan mirkanaa'e kan qarshii 30,000 /kuma soddoma qofa/ qabsiisuu qaba.

10. Dorgomaan dorgommii yoo mo'ate meeshaaleen dhiyaatan bu'uura ispeesifikeeshiniitiin fi bu'uura waliigalteetiin hin dhiyaatne taanaan kaffaltiin kan hin raawatamnee fi akkasumas waliigalteen kan diigamu ta'a.

11. Dorgomaan dorgommii yoo mo'ate kabachiisa waliigaltee qarshichaa keessaa 10% qabsiisuun waliigaltee mallatteessuu qaba.

12. Akkaataa ispeesifikeeshiniitiin dhiyaateen kan dhiyeessuu fi hanga Waajjira Maallaqaa A/B/Nophaatti kan geejibuu danda'u.

13. Caalbaasiin kun Gaazexaa irratti bu'uura maxxaneen gaafa guyyaa 12/12/2018 irraa kaasee hanga 28/12/2018 qilleensa irra kan turu yommuu tahu gaafa guyyaa 29/12/2018 sa'aatii 4:00tti samsaamee guyyuma kana sa'aatii 4:30tti bakka dorgomtoonni jiranitti Waajjira Maallaqaa Aanaa Biloo Nophaa waajjira lakk. 6 irratti ni banama. Dorgomaan ykn bakka bu'aan argamuu dhiisuun caalbaasii kana banuu hin dhorku.

14. Waajjirichi filannoo biraa yoo argate caalbaasii kana gar-tokkeen ykn guutummaa guutuutti haquuf mirga qabaata.

15. Odeeffannoo dabalataaf lakk. bilbilaa: 0910-9684-97/07-11- 9684-97 ykn 0917854382 irratti bilbiluun ni danda'ama.

Godina Iluu Abbaa Booraatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Biloo Nophaa


Tender details

  • Deadline: 2026-09-04
  • Bid closing time: 10:00
  • Bid opening: 2026-09-04 10:30
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Godina Iluu Abbaa Booraatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Biloo Nophaa
  • Bid bond: Qarshii 30,000.00
  • Bid document price: Qarshii 300.00
  • Published on: Addis Zemen (Aug 15, 2026)
  • Posted at: 2026-08-15T10:59:35.000Z
← Back to all tenders