Cleaning and Janitorial Equipment and Service

Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godina H/Lixaa A/Bookeetti Waaj/ Maallaqaa A/Bookee Bara Baajataa 2019tti meeshaalee dhumoo fi dhaabbii mannneen hojii aanichaatiif barbaachisan caalbaasii ifaa baasee dorgomsiisee bitee dhiyeessuu barbaada

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa

Lakk. Caalbaasii 01/W/M/A/B/2019

Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godina H/Lixaa A/Bookeetti Waaj/ Maallaqaa A/Bookee Bara Baajataa 2019tti meeshaalee dhumoo fi dhaabbii mannneen hojii aanichaatiif barbaachisan caalbaasii ifaa baasee dorgomsiisee bitee dhiyeessuu barbaada.

Kanaafuu, dorgomtoonni ulaagaa armaan gadii guuttan caalbaasicha irratti hirmaachuu ni dandeessu.

1. Meeshaa qulqullinaan dhiyeessuuf hayyama daldalaa kan haaromee fi gibira waggaa kan kaffale ta'uu isaa ragaa dhiyeessuu kan danda'u.

2. Dorgomaan hayyama daldalaa kan 2019 kan haaromseefi hayyamni hojii isaa dhimma kanaan kan walilaallatu ta'uu qaba.

3. Dorgomaan waraqaa ragaa qulqullinaa kaffalaa gibiraa waajjira galii irraa dhiyeessuu kan danda'u.

4. Dorgomtoonni galmee dhiheessitoota keessatti kan galmaahan tahuu qabu. Kanaafis ragaa dhiheessuu qabu.

5. Dorgomaan lakkoofsa eenyummaa kaffalaa gibiraa/TIN Number/ kan qabu ta'uu qaba.

6. Dorgomtoonni caalbaasiin erga banamee booda yaada jijjiiruus ta'ee fooyyessuu, akkasumas caalbaasii keessaa bahuu hin danda'an.

7. Dorgomaan osoo caalbaasiin hin banamin dura kabachiisa caalbaasii (CPO) maallaqa Itoophiyaa Qr.30.000 (Qarshii kuma soddoma qofa) karaalee baankiilee biyya keenyaatiin hojjachiisee dhiyessuu qaba.

8. Mo'ataan (dorgomaan) meeshaalee ittiin dorgoman tiraanispoortii/ baasii isaaniitiin hanga kutaa Qabeenyaa Waajjira Maallaqaa A/ Bookeetti galii gochuu qabu.

9. Dorgomaan/mo'ataan meeshaalee barbaadamu qulqullinaa fi baayyina barbaadameen guutummaan guutuutti galchuu qaba.

10. Dorgomaan guyyaa beeksisni caalbaasii kun bahee qilleensa irra oole irraa jalqabee sa'aa hojii mootummaatti Wiixataa hanga Jimaataatti sanada caalbaasii Waajjira Galiiwwanii A/Bookee irraa qarshii hin deebine Qr.1000(Qarshii kuma tokko qofa)'n bitachuu ni dandeessu.

11. Dorgomaan mo'ataan hanga meeshaalee mo'atee galchuu yoo baate kabachiisa caalbaasii kan dhaalamu ta'a.

12. Dorgomaan kamiiyyuu ragaan caalbaasii inni galfate haqaa fi laaqa kan qabuu fi kan hin dubbifamne yoo ta'e fudhatama hin qabu.

13. Dorgomaan kanaan dura adabbii/uggura bittaa qabu kamuu dorgomuu hin danda'u.

14. Caalbaasichi kun guyyaa qilleensa irra oole eegalee guyyoota hojii idilee 20'f qilleensa irra erga turee booda gaafa guyyaa 21fia ifatti kan banamu ta'a.

15. Dorgomaan sanada yaada dorgommii isaa orjinaalaa fi kooppii postaan samiin samsame sumuda, maqaa fi mallattoon mirkaneessanii hanga guyyaa 21 sa'aa 8:00 waaree boodatti sanduuqa waajjirri maallaqaa A/Bookee qopheesse keessatti galfachuu ni dandeessu. Caalbaasichi guyyuma kana keessa waaree booda sa'aa 8:00tti cufamee sa'aa 8:30tti bakka dorgomaan ykn bakka bu'aan dorgomaa seera qabeessi jirutti ni banama. Argamuu dhabuun isaanii garuu caalbaasicha hin gufachiisu.

16. Waajjirichi haala mijaa'aa yoo argate caalbaasii quutummaattis ta'ee gar-tokkeen haquuf mirga qaba.

Godina Harargee Lixaa Aanaa Bookeetti Waajjira Maallaqaa Aanaa Bookee


Tender details

  • Deadline: 2026-09-04
  • Bid closing time: 12:00
  • Bid closing (note): Guyyaa 21 sa'aa 8:00tti
  • Bid opening: 2026-09-04 12:00
  • Bid opening (note): Guyyaa 21 sa'aa 8:30tti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Godina Harargee Lixaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Bookee
  • Bid bond: Qarshii 30,000.00
  • Bid document price: Qarshii 1,000.00
  • Published on: Addis Zemen (Aug 15, 2026)
  • Posted at: 2026-08-15T11:04:23.000Z
← Back to all tenders