Cleaning and Janitorial Equipment and Service
Waajjirri Maallaqaa Aanaa Mayyuu Muluqqee bara baajataa 2019tiif bittaa meeshaalee barruu, meeshaalee dhumataa biiroo, meeshaalee eleektirooniksii, faarniicharaa, meeshaalee qulqulinaafi gommaalee konkolaataa madda baajata idileefi fandiilee garagaraatiin
More tags
Description
Kutaa Tokkoffaa
Beeksisa Caalbaasii Ifaa
Lakkoofsa 001/2019
Waajjirri Maallaqaa Aanaa Mayyuu Muluqqee bara baajataa 2019tiif bittaa meeshaalee barruu, meeshaalee dhumataa biiroo, meeshaalee eleektirooniksii, faarniicharaa, meeshaalee qulqulinaafi gommaalee konkolaataa madda baajata idileefi fandiilee garagaraatiin seektaroota mootummaa aanaarra jiraniifi gandoota baadiyyaatiif caalbaasii ifaatiin dorgomsisee bittaa gaggeessuu barbaada
waan ta'eef dorgomtoonii seeraqabeesaafi ulaagalee armaan gaditti ibsaman guutuu danda'u kamiyyuu dorgomuu kan danda'an ta'u ibsina.
1. Tarreeffama dhiheessitootaa keessatti kan galmaahe tahuu qaba.
2. Eeyyama daldala meeshaalee stationary, electronics, furniture fi kanneen armaan olitti tuqaman kan qabuufi ragaa dhiheessu kan danda'u.
3. Sanadni caalbaasii haqaafi laaqaa kan qabu yoo ta'e battalumatti caalbaasiin ala taha.
4. Gibira bara 2018 kaffalee ragaa isaa haaromsee dhiheessu kan danda'u.
5. Meeshaalee kanneen dhiheessuuf dhaabbata muxannoo qabu raga dhiheessu kan danda'u.
6. VAT 'f galmaa'ee ragaa dhiheesuu kan danda'u.
7. TIN'f galmaa'ee Ragaa Dhiheesuu kan danda'u
8. Qaamni meeshaalee caalbaasii kana mo'ate geejiba danda'e hanga Aanaa Mayyuu Muluqqee magaalaa Huuseetti dhiheessuu kan danda'u.
9. Dorgommiin meeshaa tokko tokkoon meeshaa dhihaateen taha.
10. Dorgomaan fuula sanadaa hunda irratti sumuda (Stamp) gochuun mallatteessuu qaba.
11. Dorgomtoota mo'amaniif kabachiisni caalbaasii battalumatti kan deebi'uuf taha.
12. Caalbaasicha gufachiisuuf/jallisuuf kan yaalan kabachiisni caalbaasii isaanii dhaalamee, caalbaasii fuula duraa irrattiis dorgomuu hin danada'u.
13. Mo'ataan meeshaa qulqulina hin qabne /tajaajila kaffaltii gadii kannee yoo argame seeraan gaafatama ykn gaaffii tokko malee meeshaa sirriittiin bakka buusa.
14. Dorgomtootni adeemsa caalbaasii keessatti komii yoo qabaatan bu'aan caalbaasii eega beekkamee booda guyyoota hojii shan keessatti barreefamaan dhiheeffachuu qaba.
15. Dorgomaan gatiin dorgommii dhiheesse hangam akka turu ji'aafi bara ibsee uunkaa yaada dorgomtootaa irratti gutee dhiheessuu qaba.
16. Caalbaasiin erga banamee booda yaada jijjiiruu, fooyyessuun ykn caalbaasii keessaa of baasuun hin danda'amu.
17. Dorgomaan caalbaasii mo'e guyyoota 15(kudha shan) keessatti waliigaltee mallatteessuu qaba.
18. Dorgomaan mo'ee guyyoota 15(Kudha shan) keessatti yoo hin maallatteessine dorgomaa 2ffaaf carraan ni kennama.
19. Sanada caalbaasii maallaqa hin deebine Qarshii 500.00 (Dhibba shan) kan hin deebine kaffalee bitachuu kan danda'u.
20. Kabachisa caalbaasii CPOn ykn maallaqa callaa Qarshii 25,000 (Kuma digdamii shan) qabsisuu kan danda'u.
21. Sanada caalbaasii kana guyyaa 10/12/2018 irraa hangaa guyyaa 25/12/2018 Waajjira Abbaa Taayitaa Galiiwwan Aanaa Mayyuu Muluqqeetti argamtanii nagahee kafaltii murachuun Waajj/Maallaqaa Adee/Hoji/Bittaa fi Bul/Qabeenyaatii sanadicha fudhachuu ni dandeessu.
22. Mannii hojii motummaa bittaa raawwatee dorgoma mo'ataa ta'e filatamee waliin dhihessii waliigaltee osso hin mallatteessiin dura gatiin mo'atee osoo hin jijjiiriin baay'ina ajaja itti kennuu irraa 20% hir'isuu ykn dabaluu ni danda'ama. Dorgomaan mo'ataa ta'e yeroo tokkotti meeshaalee gaafatamee kan galchuu yoo ta'e kaffaltiin isaa yeroo sanitti kan kaffalamuuf ta'a.
23. Mo'ataan caalbaasii kamiyyuu yeroo waliigaltee raawwatu gatii meeshaalee waliigala mo'atee irratti %10 (Dhibbeenta kudhan) maallaqa callaan qabsiisuu qaba.
24. Caalbaasiin kun dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni seeraqabeesa bakka argamanitti guyyaa 26/12/2018 sa'aatii 2:00 tti ifaan banama.
25. Caalbaasin kun kan cufamu guyyaa 25/12/2018 sa'aatii 11:00tti ifaan cufama/ saamsama.
26. Dorgomtoonni kamiyyuu meeshaalee irratti dorgoman irrattii gatii VAT dabaluudhaan dhiheesuu qabu. Gatii irratti VAT osoo hin daballe qaamni dorgommitti dhihaate battalumatti dorgommii keessa haqama.
Hubachiisa:- Waajjirichi carraa biraa yoo argate caalbaasicha guutumaan guutuutti ykn gartokkeen haquuf mirga ni qabaata.
Odeeffannoo dabalataa yoo barbaaddan lakkoofsa bilbilaa 0928 174 599, fi 0915 028 628 irratti bilbiltanii gaafachuun kan danda'amu ta'u ibsina.
Godina Harargee Bahaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Mayyuu Mulluqqee
Tender details
- Deadline: 2026-08-31
- Bid closing time: 17:00
- Bid opening: 2026-09-01 08:00
- Region: Oromia
- Publishing entity: Godina Harargee Bahaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Mayyuu Muluqqee
- Bid bond: Qarshii 25,000.00
- Bid document price: Qarshii 500.00
- Published on: Addis Zemen (Aug 16, 2026)
- Posted at: 2026-08-17T11:39:36.000Z