Textile, Garments and Uniforms
Waajjirri Maallaqaa Aanaa Sadeen Sooddoo baajata 2019 tti Bittaa meeshaalee Uffata Seera hojatootaa, Uffata Milishaa, Meeshaalee Barreessaa, Meeshaalee QuIquilinaa, Meeshaalee Dhaabbii, Meeshaalee Elektroniksii, Gommaa konkolaataa, Sperpartii Konkolata f
More tags
Description
Beeksisa Caalbaasii Ifaa Lakk
001/2018 bara Baajataa 2019
Godiina Shawaa Kibba Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Sadeen Sooddoo magaalaa Finfinnee irraa KM 107 irratti kan argamtu Bara baajata 2019 tti Bittaa meeshaalee Uffata Seera hojatootaa, Uffata Milishaa, Meeshaalee Barreessaa, Meeshaalee QuIquilinaa, Meeshaalee Dhaabbii, Meeshaalee Elektroniksii, Gommaa konkolaataa, Sperpartii Konkolata fi Motorsayikilootaa,Meeshaalee ijaarsaa fi BLTO, Tajaajila Midhaan nyaataa fi Mi'eessitootaa seektaroota Aanaa Sadeen Sooddootiif Dhaabbata, Daldaltoota eeyyama baafatan irraa dorgomsiisee akaataa Labsii 157/2002 fi qajeelfama bittaa 2004 bahe irratti hundaa'uun dhiyyeessitoota irraa caalbaasii ifaan bituu barbaada.
A. Ibsa Waliigala Caalbaasichaa;-
- Dorgomtoonni sanada caalbaasii kana guyyaa beeksifni gaazexaa Addis Zemaniin bahe irraa eegalee hanga Hagayaa 28/2018 tti ibsa meeshaalee sanada dokumentii qarshii hin deebine Qar. 2,000.00 ( kuma lama) qofa Acc. 1071375261218 Maqaa Waajjira Maallaqaa A/S/Sooddootin gosa herrega C Baankii Siinqee tti galii gochuun nagayee Waajjira Galii A/S/Sooddoo irraa fudhachuun sanada caalbaasii guyyaa hojii guyyaa hojii sa'aa 2:30-11:30tti Waajjira Mallaqaa A/S/Sooddoo lakk. Kutaa 7tti galmaa'uun fudhachuu (bitachuu) dandeessuu.
- Sanadni caalbaasii kun sanduuqa beeksisa caalbaasiif qophaa'eetti guyyaa beeksifni kun bahee eegalee yeroo hunda guyyaa hojii sa'aa 2:30-11:30tti Waajjira Maallaqaa A/S/Sooddoo iddoo sanada fudhattan irratti gatii guutuudhaan sanduuqa dhimma kanaaf qophaa'e keessaa galchuu ykn buusuu qabu.
- Guyyaan sanadni caalbaasii bananiu ykn cufamu guyyaa ayyaanaa irra kan bu'e (oole) yoo ta'e guyyaa itti aanutti kan darbu ykn dorgomtoonnii xalayaan ta'ee bilbilaan kan beeksifamu ta'a.
B. Ulaagaa Waatnicha Caalbaasii Dorgomtoonnii guuttachuu qaban
- Dorgomtootni BMO ykn Waajjira. Maallaqaa Godiinaa irraa raga Galmee dhiyeessitootaa meeshaalee ti tajaajilaa keessatti galmaa'uu isaani ykn waraqaa raga dhiyyeessummaa kan haarome qabaachuu qabu.
- Dorgomtootni gibiraa kaffaluu isaanii kan mirkaneessu ragaa Biiroo Galiiwwanii, irraa ragaa kan dhiyessan ykn heyyama daldalaa dhiyeessu qabu.
- Dorgomaan ragaa kaffalaa taaksii dabalata qabeenyaaf /VAT/ galmaa'uu fi Lakkoofsa eenyummaa kanfalaa TIN NO isaa kan mirkaneessu waragaaragaa dhiyeessuu qaba.
- Dorgomtootni waraqaa ragaa galmeessa daldalaa dhiyeessuu qabu. Akkasumas waldaalee IMX'n gurmaa'an yoo ta'an raga gaama seerummaa haaromfame dhiyyeeffachuu qabu.
- Dorgomtootni sanada dorgommii dhiyaatu kamuu irratti maqaa dhaabbatichaa,teessoo, lakk.bilbilaa, chaappaa fi mallattoo isaanii guutamuu qaba.
- Dorgomtoonnii gatii ittiin dorgomuudhaaf sanada yaada dorgommii irratti guutan sanada caalbaasii Teeknikaa Orijinaalaa fi Kophii akkasumas sanada caalbaasii Finance Orijinaala fi Kophii isaa Poostaadhaan adda baasuun Poostaa Haadhoon saamiidhaan saamsanii sanduuqa beeksisa caalbaasii qophaa'eetti yeroo taa'e keessatti galfachuu qabu.
- Dorgomtoonni Kabachiisa Caalbaasii CPO Baankii beekamtii qaburraa qarshii 50,000.00 (Kuma shantama) qabsiisuu qaba.
- Dorgomtoonnii sanada caalbaasii ittiin moo'anii darban Kabachiisa Waliigaltee yemmuu waliigaltee mallatteessan gatii waliigala meeshaalee moo'atan irraa 10% qarshii dheedhii ykn CPO baankiidhaan mirkanaa'e qabsiisuu qabu.
- Dorgomtoonni caalbaasii kana gosa hayyama baafataniin meeshaalee caalbaasii kanaaf dhiyyaatan guutummaan guutuutti ykn gar tokkeen dorgomuu ni danda' u.
- Erga sanduuqni beeksisa caalbaasii cufamee ykn saamsameen booda sanada yaadaa dorgomii caalbaasii dhiyaatu fudhatama kan hin qabneedha.
- Guyyaan Cufiinsa sanduuqa beeksisa caalbaasii kan raawwatu gaafa guyyaa 29/12/2018 waaree dura sa'aati 6:30 ttiidha. Ta' us guyyuma kana sa'aa 6:30 hanga sa'aa 8:00tti sanduuqni caalbaasii saamsamee kan taa'uudha.
- Guyyaan baniinsa sandutuuqa beeksisa caalbaasii gaafa guyyaa 29/12/2018 waaree booda sa'aa 8:00 tti bakka dorgomtoonnii, b/bu'oonnii seeraa fi qaamni dhimmi ilaallatutti kan banamu ta'a. kun akkuma jirutti ta'ee argamuu fi dhabuun dorgomtootaa adeemsa caalbaasichaa kan hin gufachiifne ta'a.
- Dorgomtoonniturtiin gatii sanada caalbaasii isaanii guyyaa caalbaasiin banamerraa jalqabee hanga waliigaltee mallatteessuudhaan meeshaalee moo'atan hanga dhiyyeessanitti gatiin isaanii kan ragga'e ta'a.
- Dorgomtootni caalbaasichi. erga banamee booda yaada dorgommii caalbaasii dhiyeessan irratti jujitrama ykn fooyya'insa gochuu ykn caalbaasii keessaa bahuu akka hin dandeenye beekuu qabu.
- Dorgomtoonnii waldaa IMX'N bittaa meeshaalee irratti gurmaa'anii dorgommiif dhiyyaatan dhiyyaatan raga oditii herreegaa galii fi baasii gaama dhimmi ilaallaturraa dhiyyeessuu qabu. MISI
- Dorgomtoonii waldaa IMX'N bittaa meeshaalee irratti gurmaa'anii dorgommiif dhiyyaatan kabachiisa caalbaasii CPO Qars. 50,000.00 (kuma shantama) ykn 1MX haaraa yoo ta'e Xalayaa wabii kabachiisa caalbaasii Qarshii 50,000.00 ibsu ragaa dhiyyeessuu qabu.
- Adeemsi caalbaasichaa kan raawwatu Afaan Oromootiin Ta'ee ibsa meeshaalee dhiyyaatu tti Afaan Ingiliffaa itti dabaluun ni danda'ama.
- Dorgomtoonnii kamuu lakkoofsa herreega baankii Daldala Itiyoophiyaa fi Siinqeerra maqaa hayyama daldala ibsuun banachuu kan qabanii fi Nagayee Galii Dhaabbata Berhanina Selam irraa kan maxxansiifatan ta'uu qabu.
- Manni hojichaa rakkoo addaa yoo kan isa quunnamu ta'e caalbaasiicha guutummaan guutuutti ykn walakkaan haquudhaaf mirga guutuu kan qabuudha.
- Odeeflannoo Dabalataaf ;-Teessoon keenya Magaalaa Tulluboollorra kallatti Kibbaan daandii Asfaaltii fageenya 27KM irratti argainti. Lakk.Bilbilaa
011 325 0255/ 09 12 81 38 19/ 09 10 66 90 59/
Waajjira Mallaqaa Aanaa Sadeen Sooddoo
Tender details
- Deadline: 2026-09-04
- Bid closing time: 12:30
- Bid opening: 2026-09-04 14:00
- Region: Oromia
- Publishing entity: Godiina Shawaa Kibba Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Sadeen Sooddoo
- Bid bond: Qarshii 50,000.00
- Bid document price: Qarshii 2000.00
- Published on: Addis Zemen (Aug 16, 2026)
- Posted at: 2026-08-17T14:17:26.000Z