Cleaning and Janitorial Equipment and Service

Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Ku/Ma/Eekkaa Xaafootti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Laga Daadhii Daallee bara baajataa 2019 tiif kan tajaajilu: Meeshaalee Barreeffamaa, Meeshaalee Qulqullinaa, Meeshaalee Dhaabbii, Meeshaalee elektirooniksii, Uffata seeraa Seekta

Description

Beeksisa Caal-baasii

Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Ku/Ma/Eekkaa Xaafootti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Laga Daadhii Daallee bara baajataa 2019 tiif kan tajaajilu:

1. Meeshaalee Barreeffamaa

2. Meeshaalee Qulqullinaa

3. Meeshaalee Dhaabbii

4. Meeshaalee elektirooniksii

5. Uffata seeraa

Seektaroota Mootummaa Aanicha jalatti argamaniif dorgomsiisee caal- basiidhaan bituu barabaada.

Ulaagaalee Dorgommichaaf Barbaachisan:-

1. Heyyamaa Daldalaa haarome kan qabu/du,

2. Galmaa'aa "VAT" ta'uu isaaf ragaa kan qabu/du, gibira bara 2018 kan kaffale, 

3. Lakkoofsa (TIN) fi tarree dhiyeessitootaa keessa jiraachuu ragaa dhiyeeffachuu Kan danda'u,

4. Dorgomaan kamiyyuu Caal-baasii yoo guutan "VAT" itti ida'uun gatii meeshaalee teechisuu qabu.

5. Dorgomaan kamiyyuu Caal-baasiin erga banamee booda yaada jijjiiruu ykn fooyyesuu fi caal-baasii keessaa of baasuun hin danda'amu. Dorgomaan kamiyyuu kabachiisa caalbaasii %30 Maallaqaan ykn CPO dhan, gatii waliigalatiin herreegee galchuu qaba.

7. Caal-baasii burjaajessuu fi dogoggorsuu qaamni yaalii godhe caal- baasiidhaaf gatii qabsiise mootummaaf galii ta'ee caal-baasii keessaa haqama. Fuula duras caal-baasii mootummaa irratti akka hin hirmaanne taasifama.

8. Qaamni caal-basii moo'ate xalayaan ykn bilbilaan guyyaa itti himame ykn beeksi fame irraa eegalee guyyoota hojii shan keessatti kabachiisa waliigaltee %30 (CPO) dhiyeessuun waliigaltee mallatteessuu qaba/du.

9. Qaamni caalbaasii Moo'ate walii galtee mallateesuuf eeyyamamaa ta'uu yoo baate maallaqni qabsiise mootummaaf galii ta'ee dorgomaa lammaffaaf kennama.

10. Dorgomtooni sanada gatii dorgommii caal-baasii orjinaalaa fi Koppii isaa poostaa adda addaatiin. erga saamsanii booda duuba poostaa irratti orjinaalaa fi koppii jechuudhaan erga ibsanii lamaan isaa poostaa tokkoon (mother envelop)fayyadamuun hapheedhaan ykn samiidhaan cuqqaalanii dhiyeessuu qabu,

11. Gatiin kabachiisa caal-baasii qabsiifame qaama mo'atameef battalumatti kan deebi'u yoo ta'u qaamni moo'ate walii galtee mallattessee hanga meeshaa dhiyeessee xumurutti tura.

12. Dorgomaan kamiyyuu sanada haqamaa fi laaqamaa kan dhiyeessu yoo ta'e fudhatama hin qabu.

13. Dorgomaan kamiyyuu meeshaa gaafatameen ala yoo dhiyeesse waajjirri kan hin fudhanne ta uu isaa beekuu qabu.

14. Waajjirichi meeshaalee walii gala bitu keessaa 20% dabaluu ykn hir'isuu ni danda'a.

15. Dorgomtootni kamiyyu sanada caal-baasii qarshii hin deebine 1000(kuma tokko) kaffaluun waajjira Maallaqaa Aanaa Laga Daadhii Daallee kutaa bittaatii bitachuu danda'a.

16 Beeksisni caal-baasii guyyaa beeksisni kun gaazexaa Addis Zaman irratti bahe irraa eegalee guyyoota hojjii 15 kan turu ta'ee gaafuma san saa atii 6;30tti cufamee sa aatii 8:00 irratti bakka dorgomtootni ykn bakka bu'aan isaanii argamanitti kan banamu ta'a.

17. Waajirichi filannoo fooyya'aa yoo argate caal-baasicha guutummaanis ta'e waiakkaadhaan haquu mirga guutuu qaba.

Odeeffannoo dabalataaf Lakk.. Bilbilaa 0920 955 392 / 0910 277 133

Waajjira Maallaqaa Aanaa Laga Daadhii Daallee


Tender details

  • Deadline: 2026-09-02
  • Bid closing time: 12:00
  • Bid closing (note): Guyyoota hojjii 15 kan turu ta'ee gaafuma san saa atii 6፡30tti
  • Bid opening: 2026-09-02 12:00
  • Bid opening (note): Guyyoota hojjii 15 kan turu ta'ee gaafuma san sa aatii 8:00
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Aanaa Laga Daadhii Daallee
  • Bid bond: 30%
  • Bid document price: Qarshii 1,000.00
  • Published on: Addis Zemen (Aug 17, 2026)
  • Posted at: 2026-08-18T12:24:05.000Z
← Back to all tenders