Equipment and Accessories

Naannoo Oromiyaa Godina Harargee Lixaa Aanaa Ancaaritti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Ancaar Tajaajila hojii Biiroo seektaroota Aanichaatif kan oolu bara baajataa 2019tiif Meeshaalee Dhaabbiif Dhumataa; Farniicharootafi Meeshalee Elektroniksii adda addaa fi M

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa Bara Baajataa 2019

Naannoo Oromiyaa Godina Harargee Lixaa Aanaa Ancaaritti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Ancaar Tajaajila hojii Biiroo seektaroota Aanichaatif kan oolu bara baajataa 2019tiif Meeshaalee Dhaabbiif Dhumataa; Farniicharootafi Meeshalee Elektroniksii adda addaa fi Meeshaalee Barruu Caalbaasli Ifaadhaan Dorgomsiisee Bituu Waan barbaaduuf dhaabbilee Daldalaa ulaagaalee armaan gaditti kaa'aman guuttan dorgomuu nidandeessu.

1. Dorgomtootni Roga kanaan hayyama daldalaa seera qabeessaafi akkasumas bara 2019 kan haaromfameefi gibira bara 2018 kafalee kan xumure ta'uu fii raga dhaleessuu kan danda'u/danda'an ta'uu qabu.

2. Dorgomtootni ragaa Taaksii Dabalata qabeenyaa/VAT/galmaa'aa ta'uu isaa agarsiisufi raga lakkoofsa TIINII /TIN Number/ waraabbii ykn copy isaa sanada caalbaasii waliin dhiyeessuu qabu.

3. Dorgomtootni kabajchiisa caalbaasitiif sanada caalbaasii waliin maallaqa callaan ykn CPO baankiidhaan mirkanaa'e qar.10,000/ kuma kudhan qofa/kan deebi'u waajjira maallaqaa Aanaa Ancaaritti qabsiisuutu irra jiraata. IMX yoota'e qaama/dhaabbata isaan gurmeesse irraa xalayaa dhaleessuu danda'uu qaba.

4. Dorgomaan kamiiyyuu ragaa gaafa guutu gabatee gatii dhiyaate akkaataa safartuu gaafatameen bifa haqaafi Laaqaa hin qabneen iddoo gatii tokkoo jedhu irratti guuttatee dhaleeffaffuu danda'uu qaba.

5. Dorgomaan kamiiyyuu Galmaa'aa EGP/Electronic Government Procurement/ ta'uu isaa kan mirkaneessu raga dhaleessuu qaba.

6. Dorgomtootni kamiiyyuu gatii isaanii kan dhiyeessan/guutan VAT waliin /With VAT/ qofa ta'uu fi ibsa With Vat Jedhu kennuu kan qabuufi kennus baatu nuti gatii guutame akka VAT waliinitti kan fudhannu ta'uu isaa beekuu qabu.

7. Dorgomtootni Guyyaa jalqabaa beeksifni kun bahee qilleensarra oole irraa eegalee walitti fufiinsaan guyyaa hojii 22/digdamii lamaaf/ tokkoon tokkoo koodii sanadichaatiin qar. hindeebine 500/dhibba shan qofa/waajjira galiiwwan Aanaa Aancaaritti kafaluudhaan nagahee ittiin kafale qabatee sanada Caalbaasii Waajjira Maallaqaa Aa/Ancaar kutaa Bittaa fil Bulchiinsa Qabeenyaatti qaaman ykn gara bakka bu'aatiin fudhachuu nidanda'u.

8. Caalbaasichi Guyyoota Hojii Walitti aanan 22/digdamii lamaaf qilleessarra erga turee guyyaa dhumaa ykn guyyaa 22ffaa isaatitti iddoo dorgomtootni ykn bakka bu'ootni seera qabeessi argamanitti ganama keessaa 3:00 sanadni gara sanduuqatti galuudhaan sanduuqichi nicufama. Guyyuma kana daqiiqaa :30 booda jechuun sa'aa 3:30 tti kan banamu ta'ee argamus baatu kan banamu ta'a.Hub.caalbaasichi guyyaan itti nibanama jedhamee ture guyyaa Ayyaanaa fi sababa adda addaatiin guyyaan sun yoo cufaa ta'e; gara guyyaa hojii itti aanutti kan darbu ta,a.

9. Dorgomaan kamiiyyuu Meeshaalee dhiyaatan keessaa Qalama/ Skiripto Bic fi Kaarboona harkaatiif Saamuda/Sample dhaleessuun dirqama ta'uu beekee yoo samuda jedhame sanada caalbaasii waliin hin dhiyeessine poostaan isaanii kan hin banamne ta'uu asumaan beekuu qaba.

10. Waajjirichi Carraa Fooyya'aa biraa yoo argate Caalbaasicha gartokkeen ykn guutuuguututti haquuf mirga niqaba.

Godina Harargee Lixaa Aanaa Ancaaritti Waajjirra Maallaqaa Aanaa Ancaar


Tender details

  • Deadline: 2026-09-11
  • Bid closing time: 09:00
  • Bid closing (note): Guyyoota hojii walitti aanan 22 (digdamii lamaaf) qilleensarra erga turee booda, guyyaa 22ffaa irratti ganama keessaa sa'aatii 3:00tti
  • Bid opening: 2026-09-11 09:30
  • Bid opening (note): Guyyoota hojii walitti aanan 22 (digdamii lamaaf) qilleensarra erga turee booda, guyyaa 22ffaa irratti ganama keessaa sa'aatii 3:30tti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjirii Maallaqaa Aanaa Ancaar
  • Bid bond: Qarshii 10,000.00
  • Bid document price: Qarshii 500.00 sanada tokkoo
  • Published on: Addis Zemen (Aug 18, 2026)
  • Posted at: 2026-08-18T13:37:20.000Z
← Back to all tenders