Cleaning and Janitorial Equipment and Service

Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Liiban Cuqqaalaa seektarota aanaa keenyaa jalattii argamaniif bara bajataa 2019 marsa 1ffaa meeshaalee adda addaa seektarootaaf dorgomsiisee caalbasiidhaan bituu baraba

Description

Beeksisa Caalbaasii

Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Liiban Cuqqaalaa seektarota aanaa keenyaa jalattii argamaniif bara bajataa 2019 marsa 1ffaa meeshaalee adda addaa seektarootaaf dorgomsiisee caalbasiidhaan bituu barabaada

isaanis:- 

1. Meeshaalee barreeffamaa

2. Meeshaalee qulqullinaa

3. Meeshaalee akka farniicharaa

4. Qalama piriintaraa orjiinaala

5. Kompiyutarootaafi Lap Top

6. Uffata seeraa

Akkuma armaan olitti lakkoofsa 1-6 ibsame ulaagaa guutachuu danda'an:- Heyyamaa daldalaa haarome kan qabu, galmaa'aa VAT ta'uu raga kan qabu, gibiraa baraa kan kaffale, lakkoofsa (TIN) fi tarree dhiyyeesitoota keessa jiraachuu ragaa dhiyyeeffachuu kan danda'u ta'u qaba.

1. Dorgomaan kamiyyuu caalbaasii yoo guutan VAT itti ida'ee gatii meeshaalee teechisuu qaba.

2. Dorgomaan kamiyyuu caalbaasiin erga banamee booda yaada jijjiruu ykn fooyyesuufi caalbaasii keessa ofi baasuun hin danda'amu.

3. Dorgomaan kamiyyuu kabachiisa caalbaasii % 1 maallaqaan ykn CPO'dhaan, gatii waliigalaatiin herregee galchuu qaba

4. Caabaasii burjaajessuufi dogoggorsuu qaamni yaalii godhe caalbaasiidhaaf gatii qabsisee mootummaaf galii ta'e caalbaasii keessaa haqama. Fuuladuras caalbaasii mootummaa irratti akka hin hirmaanne taasifama.

5. Qaamni caalbaasii mo'ate xalayaan ykn bilbilaan guyyaa itti himame ykn beeksifame irraa eegalee guyyoota hojii shan keessatti kabachiisa waliigaltee %10 (CPO) dhiyeessuun waliigaltee mallatteessuu qabu.

6. Qaamni caalbaasii mo'ate waliigaltee mallatteessuuf eeyyamamaa ta'uu yoo baate maallaqni qabsiise galii mootummaaf ta'ee dorgomaa lammaffaaf kennama.

7. Dorgomtoonni sanada gatii dorgommii caalbaasii orjjinala tokkoofi koppii tokko Invelooppii ykn poostaa adda addaattii samsaamee orijjinalaafi koppii jechuun adda baasuu dugda poostaa gubbaatti barreessanii dhiyeessuu qabu.

8. Gatiin kabachiisa caalbaasii qabsiifame qaama mo'atameef battalumatti kan deebi'u yoo ta'u qaamni mo'ate waliigaltee mallatteessee hanga meeshaa dhiyeessee xumurutti tura.

9. Dorgomaan kamiyyuu sanadaa haqamaafi laaqamaa kan dhiyeessu yoo ta'e fudhatama hinqabu.

10. Dorgomaan kamiyyuu meeshaa gaafatameen ala yoo dhiyeesse waajjirri kan hin fudhanne ta'uu isaa beekuu qabu

11. Waajjirichi meeshaalee waliigala bitu keessaa 20% dabaluu ykn hir'isuu ni danda'a.

12. Dorgomtootni kamiyyuu sanada caalbaasii qarshii hin deebine Qarshii. 500(Dhibba shan qofa) kaffaluun Waajjira Maallaqaa A/Liiban Cuqqaalaa kutaa bittaatii bitachuu danda'u.

13. Beeksisni caalbaasii guyyaa beeksisni Gaazexaa Addis Zaman irratti bahee eegalee guyyoota hojjii 15 kan turu ta'ee gaafa guyyaa 16ffaa sa'aatii 8:00 irratti bakka dorgomtootni ykn bakka bu'aan jirutti kan banamu ta'a.

14. Waajjirichi filannoo fooyya'aa yoo argate caalbaasicha guutummaanis ta'e walakkaadhaan haquu mirga guutuu qaba.

Odeeffannoo dabalataaf lakkoofsa bilbilaa 0913 130 502 / 0910 276 053

Adulaalaa

Godina Shawaa Bahaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Liiban Cuqqaalaa


Tender details

  • Deadline: 2026-09-03
  • Bid closing time: 17:00
  • Bid closing (note): Beeksisni caalbaasii kun guyyaa beeksisni Gaazexaa Addis Zaman irratti bahee eegalee guyyoota hojjii walitti fufan 15 kan turu
  • Bid opening: 2026-09-04 14:00
  • Bid opening (note): Guyyaa 16ffaa sa'aatii 8:00
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Godina Sh/Bahaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Liiban Cuqqaalaa
  • Bid bond: 1%
  • Bid document price: Qarshii 500.00
  • Published on: Addis Zemen (Aug 18, 2026)
  • Posted at: 2026-08-18T14:29:22.000Z
← Back to all tenders