Stationery

Godina Harargee Bahaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Haramaayaa baajata idilee bara 2019tiin, waajjiraalee aanichaa keessatti argamaniif bittaa meeshaa isteeshinarii, qulqullinaa, elektirooniksii fi farnicherii caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bituu barbada

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa Lak. 001/2019

Godina Harargee Bahaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Haramaayaa baajata idilee bara 2019tiin, waajjiraalee aanichaa keessatti argamaniif bittaa meeshaa isteeshinarii, qulqullinaa, elektirooniksii fi farnicherii caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bituu barbada. Kanaafuu, dhaabbattoonni ulaagaa armaan gadii guuttan akka dorgomtan affeeramtanii jirtu.

1. Tarreeffama dhiyeesittootaa keessatti kan galmaa'e ta'uu qaba.

2. Ragaa dirqama kaffaltii gibira bara 2018 kaffalee hayyama daldalaa 2019 kan haaromse ta'uu qaba.

3. Hayyama meeshaa barruu,meeshaa qulqullinaa, meeshaa elektirooniksii fi meeshaa fernicherii dhiyeessuu kan qabuu fi muuxannoo waajjira mootummaaf dhiyeessuu kan ragaa qaban.

4. Sanadni caalbaasii haqaa fi laaqa qabu caalbaasii ala ta'a.

5. Meeshaan dhiyaatu qulqullinni isaa kan sadarkaa qulqullina biyyoolessaan mirkanaa'e ta'uu qaba.

6. Qaama taaksii dabalata qabeenyaa "VAT galmeessuu" irraa galmaa'uu isaaf ragaa kan qabu.

7. Gatiin meeshaa dhiyaatu gatii vat 15% duraa ta'uu qaba.

8. Dorgomtoonni sanada caalbaasii maallaqa hin deebine qarshii 600 (dhibba jaha qofaa) Baankii Siinqee 1071232371212 galii gochuun sanada caalbaasii W/Maallaqaa Aanaa Haramaayaa kutaa Adeemsa Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenyaa lakk. 7 irraa bitachuu ni dandeessu.

9. Dorgomaan fuula sanada hunda irratti sumuda (stamp) gochuun mallatteessuu qaba.

10. Dorgomaan kamiyyuu caalbaasii kana bitee kabachiisa caalbaasiitiif ragaa baankiitiin kan mirkanaa'e/ C.P.O/qarshii 50,000 (kuma shantama qofa) maqaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Haramaayaa hojjachiisee qabsiisuu qaba.

11. Dorgomtoota moo'atamaniif kabachiisni caalbaasii yommuu deebi'u kan moo'aniif kabachiisa waliigaltee irratti herregamaaf.

12. Dorgomtoonni moo'atan meeshaa ittiin moo'atan mana kuusaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Haramaayaa konkolaataan ykn akka isaaniif mijaa'uun geejibuu qabu.

13. Dorgomtoonni dhiyeessa gatii yommuu guutan/specifications/sirrii fi wantoota walitti hidhaminsa qabu akka hammateetti beekee guutuu qaba.

14. Dorgomaan meeshaa gaafatame/specifications/ cinaa guutee cinaa keessa dhiisuu hin qabu. Meeshaa gaafatame sirriitti xiinxaluun gosa meeshaa tarreeffamee qofa gatii guutuu qaba.

15. Caalbaasicha gufachiisuu/jallisuuf/ kan yaalan kabachiisni caalbaasii isaa dhaalamee caalbaasii fuula dura bahu irrattis dorgomuu hin danda'u.

16. Dorgomaan gatiin dorgommii dhiyeessee yeroo hangamiif akka turu ji'aa fi bara ibsee unkaa yaada dorgomaa sanada caalbaasii keessa jiru irratti guutee dhiyeessuu qaba.

17. Meeshaaleen dhiyaatu sirritti kan samsaame (packed) ta'uu qaba.

18. Caalbaasiin guyyaa beeksisni kun bahe irraa jalqabee guyyaa hojii 15 qilleensa irra turee guyyaa 16 ganama sa'aatii 4:00tti cufamee guyyuma kana sa'aatii 4:30tti bakka dorgomtootni ykn bakka bu❜oonni argamanitti ifatti ni banama. Guyyaan 16 guyyaa hojii mootummaatiin alaa yoo ta'e guyyaa hojii itti aanu kan banamu ta'a.

19. Sanadni caalbaasii poostaa 2 (lamaan) orjinaalaa fi koppiin ragaa hunda qabatee dhihaachuu qaba.

20. Caalbaasiin eega banamee booda yaada jijjiiruu, fooyyessuun ykn caalbaasii keessaa of-baasuun hin danda'amu.

21. Dorgomtootni adeemsa caalbaasii keessatti komii yoo qabaatan moo'ataan eega beekamee booda guyyoota hojii 5 (shan) keessatti komii isaanii barreeffamaan dhiyeeffachuuf mirga qabu.

22. Dorgomaan moo'e guyyaa 15(kudha shan) keessatti waliigaltee yoo hin mallatteessine dorgomaa lammaffaa baheef caarraan ni kennama.

23. Qaamni bittaa raawwatu meeshaa ykn tajaajila gaafate %25 dabaluu ykn hir'isuuf mirga qaba.

24. Mo'ataan meeshaa qulqullina hin qabne ykn tajaajila kaffaltii gadii kennee yoo argame seeraan gaafatama.

25. Kabachiisa caalbaasii biittaa waliigalaa irraa hamma maallaqaa %2 qabsiisuu qaba.

26. Qaamni beeksisa caalbaasii kana baase carraa fooyya'aa yoo argate caalbaasicha gar tokkeen ykn
guutummatti haquuf mirga qaba.

Teessoon keenya kutaa Magaalaa Haramaayaa Itiyoo telecoomii fuula dura Lakk.
bilbilaa-0911997163/0913948395/0984842784

Godina Harargee Bahaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Haramaayaa


Tender details

  • Deadline: 2026-09-05
  • Bid closing time: 12:00
  • Bid closing (note): guyyaa hojii 16 ganama sa'aatii 4:00tti
  • Bid opening: 2026-09-05 12:00
  • Bid opening (note): guyyaa hojii 16 ganama sa'aatii 4:30tti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Godina Harargee Bahaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Haramaayaa
  • Bid bond: Qarshii 50,000.00
  • Bid document price: Qarshii 600.00
  • Published on: Addis Zemen (Aug 19, 2026)
  • Posted at: 2026-08-19T07:22:24.000Z
← Back to all tenders