Cleaning and Janitorial Equipment and Service

Waajjirri Maallaqaa Aanaa Coomman Guduruu bara baajata 2019tiif meeshaalee seektaroota aanaaf kan oolu meeshaalee barreessaa, meeshaalee quiqullinaa, meeshaalee elektironiksii, meeshaalee ijaarsaa fi farnicheriif,meeshaalee dhumataa biiroo keessaa, uffata

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa

Lakk.01/2019

Waajjirri Maallaqaa Aanaa Coomman Guduruu bara baajata 2019tiif meeshaalee seektaroota aanaaf kan oolu meeshaalee barreessaa, meeshaalee quiqullinaa, meeshaalee elektironiksii, meeshaalee ijaarsaa fi farnicheriif,meeshaalee dhumataa biiroo keessaa, uffata seeraa hojjettootaa, gommaa konkolaataa, motoraa fi kalamadaariiwwalin caalbaasii ifaan dorgomsiisee bituu barbaada.

Ulangaa dorgomtootni guutun qaban:

1. Dorgomtootni eeyyama daldalaa seera qabeessaa bara 2018 haarome ykn caalbaasii bara 2019tiif xalayaa caalbaasii irratti hirmaachuu danda'an (Tax Cleaners) Abbaa Taayitaa Galiiwwanii irraa dhiyeeffachuu kan danda'u ta'uu qabu.

2. Dorgomtoonni ragaa dabalata qabeenyaa (VAT) galmee ragaa kaffalaa gibiraa (TIN Number), waraqaa galmee ragaa daldalaa fi waraqaa galmee dhiyeessummaa keessatti kan galmaa'anii fi ragaalee ifaatti mul'atan dhiyeeffachuu kan danda'an.

3. Dorgomtoonni sanada caalbaasichaa Bulchiinsaa Aanaa Coomman Guduruu mooraa ykn dallaa bulchiinsa aanaa keessatti argamu Waajjirri Maallaqaa Damee Aanaa Coomman Guduruu darbii 2ffaa waajjira lakk.28tti uffata seeraa, gommaa konkolaataa, motoraa fi kalamadaarii bakka tokkotti qarshii 1000(kuma tokko) kaffaluun sanada caalbaasii bitachuun gaafa guyyaa beeksifni kun ba'erraa eegalee guyyoota hojii 22 (digdamii lama) sa'aatii hojii mootummaa 2:30-6:30tti akkasumas, sa'aatii booda 7:30-11:30tti ta'ee gaafa guyyaa 23ffaa Aanaa Coomman Guduruu Waajjira Maallaqaa Aanaatti darbii 2ffaatti argamu kutaa bittaa lakk.28tti sanada caalbaasii dhiyyeessaa gatii keessan poostaa cuqqaalameen ykn samsameen koppii fi orijinaala tokko tokko poostaa qofa qofaan sanduuqa caalbaasii maqaa mana hojii keenyaan qophaa'e keessa galchuu qabdu.

4. Sanduuqni caalbaasichaa guyyoota hojii 22f (digdamii lamaaf) banaa ta'ee turuun gaafa guyyaa 22ffaa sa'aatii 11:30 irratti cufamee gaafa guyyaa 23ffaa(digdamii sadaffaa) sa'aatii 4:30 irratti bakka dorgomtootni ykn bakka bu'oonni sirna baniinsa caalbaasicha irratti hirmaatanii xalayaa bakka bu'insaa seera qabeessa ta'e qabatanii argamanitti kutaa Adeemsa Bittaa, Bulchiinsa Qabeenyaa fi Tajaajila Maraa Biiroo lakkoofsa 28tti ykn bakka kutaan mijaa'etti ni banama.

5. Dorgomtootni kabachiisa wabummaa caalbaasichaa akkaawontii Waajjira Maallaqaa A/Co/Guduruu kan ta'e Siingee Baankii lakk. herregaa 1071134381218 irratti qarshii 50,000( kuma shantama) galchuun islippii isaa kan dhiyeessuu danda'u, akkasumas dorgomaan mo'ate gosa meeshaa mo'ate irratti mana hojiichaa waliin waliigaltee kan mallatteessu ta'uu qaba.

6. Akkaataa qajeelfama dabalata qabeenyaa (VAT)%15 keessaa karaa mana hojichaa %7.5 citee kan hafu yeroo ta'u maallaqa citeef nagahee seera qabeessa ni kenna, akkasumas akkaataa qajeelfama Ministeera Maallaqaan bittaa mootummaa qarshii kuma kudhan ol raawwatamuuf dhibbantaa(%3) kutee hanbisuuf dirqama qaba.

7. Waldaalee IMX tiin ijaaramanii jiranis kabachiisa wabummaa caalbaasichaaf akkaawontii Waajjira Maallaqaa A/Co/Guduruu kan ta'e Siingee Bankii lakk. herregaa 1071134381218 irratti qarshii 50,000(kuma shantama) galchuun islippii isaa kan dhiyeessuu danda'uu qabu.

8. Dorgomtootni caalbaasicha mo'atan hundi gosa meeshaa waliigaltee raawwatan hundaa baasii mataa isaaniin Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Coomman Guduruutti kuusa meeshaa Waajjira Maallaqaa Aanichaatti dhiyeessuun galii gochuu qabu.

9. Waajjirichi gatii fooyya'aa yoo argate caalbaasii kana gar-tokkees ta'ee guutummaan guutuutti haquudhaaf mirga qaba.

10. Daldalaan kanaan dura meeshaalee mo'ate waliigaltee mallatteesuu didee fi meeshaalee itti mo'ate hin dhiyeessine dorgomuu hin danda'u.

11. Sanduuqni caalbaasii guyyoota hojii 22f (digdamii lamaaf) gaafa guyyaa 14/12/2018 hanga 11/01/2019tti qilleensa irra turee gaafa guyyaa 22ffaa (digdamii lammaffaa) sa'aatii 11:30tti cufamee gaafa guyyaa 23ffaa (digdamii sadaffaa) ykn gaafa guyyaa 12/01/2019 sa'aatii 4:30tti bakka dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni argamanitti Waajjira Maallaqaa Aanaa Coomman Guduruutti darbii 2ffaa kutaa Bittaa, Bul.Qab.fi Tajaajila Maraa lakkoofsa 28 ykn bakka kutaa haalli mijaa'etti kan banamu ta'a.

  • Bakka itti argamu: Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Waajjira Maallaqaa Aanaa Coomman Guduruu, Magaalaa Aagaa. Fageenyi aanaa keenyaa magaalaa Aagaa irraa hanga magaalaa Finfinneetti KM 267 daandii cirrachaa.
  • Odeeffannoo dabalataaf lakk.bilbilaa 0917 669 932 / 0913 974 383 / 0911 411 486

Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Coomman Guduruu


Tender details

  • Deadline: 2026-09-21
  • Bid closing time: 17:30
  • Bid opening: 2026-09-22 10:30
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Godina Horroo Guduruu Wallagaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Coomman Guduruu
  • Bid bond: Qarshii 50,000.00
  • Bid document price: Qarshii 1,000.00
  • Published on: Addis Zemen (Aug 20, 2026)
  • Posted at: 2026-08-20T10:33:28.000Z
← Back to all tenders