Equipment and Accessories

Godina Arsii Lixaatti Waajjiri Mallaqaa Aanaa Shaashamannee Sektaroota Aanaa Keessattii argamaniif Bara Baajataa 2019 Caal-baasii Marsaa 1ffaa baasee Bu'uura Tarree armaan gadii jiruun meeshaalee adda addaa bituu barbaada. Haaluma kanaan meeshaalee gosa a

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa Lakk Caalbaasii 01/19

Godina Arsii Lixaatti Waajjiri Mallaqaa Aanaa Shaashamannee Sektaroota Aanaa Keessattii argamaniif Bara Baajataa 2019 Caal-baasii Marsaa 1ffaa baasee Bu'uura Tarree armaan gadii jiruun meeshaalee adda addaa bituu barbaada. Haaluma kanaan meeshaalee gosa adda addaa kanneen akka Faarnicharaa, Elektiroonikisii, Meeshaalee barreefamaa fi Meeshalee dhumaa biiroo, Meeshaalee Qulqullinnaa, Motor Saayikilii, Uffataa Danbii, Jenereetera Xiqqaa fi Suphaa Konkolaataa fi Motoroota Caalbaasii ifaa ta'een dhaabbilee dandeetti seera qaban dorgomsiisee bituu barbaada.

Hirmaatonni Caal-baasii Qajelfama armaan gadii jiru hordofuudhaan caal-baasii kana akka hirmaatan Affeeramtanii jirtu.

1) Hirmaatoni Caal-baasii irratti hirmaachuuf hayyama Daldalaa seera qabeessa fi Gibiraa Bara 2019 kan kaffalan akkasumas Hayyama Daldalaa haromfamee fi kaffalaa Vaatii kan ta'an Laakkoo TIN dhiyeessuu kan danda'an

2) Hirmaataan Caalbaasii kamiyyuu Caalbaasiin erga banameen booda Sanada Caalbaasii irratti Haalawwan ibsaman kamiinuu fooyyeesuu,jijjiruu akkasumas yaada jijiireera jechuu hin danda'u.

3) Hirmaataan Caalbaasii kamiiyyuu Bittaa Mootummaa keessatti hirmaatuun isaa kan ibsu qaamaa seera qabeessa irraa kan kennameef waraqaa ragaa dhiyeessuu qabu.

4) Dorgomtootni tarreeffama dhiyeessitootaa (supply List) keessatti galmaa'uu isaani waraqaa ragaa qabaachuu qabu.

5) Hirmaatonni Caal-baasii damee hojii Daldalaa irratti hojjataniif hayyama daldalaa sirrii ta'e dhiyeessuu qabu.

6) Hirmaatonni Caal-baasii Kabajjisiisaa Caalbaasii meeshaalee olitti ibsamaniif qarshii 80,000 CPO Baankiin mirkanaaye dhiyeessuu qabu.

7) Dhaabbanni Mooya'ataan Samuda meeshaa qabatee dhiyaachuu qaba.

8) Mooyataa yoo ta'an meeshaa fe'aanii hanga mana kuusaa mana hojii keenyaa dhiyeessuu kan danda'an ta'uu qabu.

9) Hirmaatonni Caal-baasii biyya keessaa meeshaan ittii hojatamee fi modeelaa isaa ibsuu qabu.

10) Hirmaatonni Caal-baasii Sanada Caalbaasii Kooppii fi Orjinaala Postaa adda addaatiin dhiyeesuu qabu.

11) Hirmaatonni Caal-baasii gatiin caal-baasii kan irratti guutamuu sanada ittii gurgurame qofa irratti ta'uu qaba.

12) Meeshaalee Waajjiri keenya Caal-baasii irratti dorgoomsisu%20 dabaluun ykn hirdhisuun ajajuu ni danda'a.

13) Hirmaatonni Caalbaasii Sanadoota irratti maqaa isaanii guutuu teessoo Lakkofsa Bilbilaa,Lakkofsa Telegiraamaa fi Lakkofsa Faaksii sirriitti barreesuudhaan mallateessanii Chaappaa irratti rukutuu qabu.

14) Hirmaatonni Caal-baasii bu'uura gabatee dhiyeessaa gatii ibsameen gatii sirrii ta'ee irratti safartuu meeshaalee fi gosa isaa akkasumas baayina sirritti guutanii Inveelooppii maqaa isaaniitiin Samiidhaan samsaamun dhiyeessuu qabu.

15) Gurgurtaan Sanadaa kan turu guyyaa beeksifni bahee irraa eegalee Guyyaa hojii 15/12/2018 hanga 5/13/18 Qilleensa irraa turee Caalbaasiin kan banamu Guyyaa 4/01/2019 Ganama sa'aatii 4:00 irratti cufamee bakka hirmaatonni caal-baasii ykn bakka bu'oonni isaanii argamanitti sa'aatii 4:30 irratti haala ifaa ta'een guyyuma san ni banama.

16) Tarreen Sanada Caalbaasii Guyyaa Caalbaasiin bahee irraa eegalee Godina Arsii Lixaa Waajjira Galiiwwaan Aanaa Shaashamanneetti mallaqa hin deebinee qarshii 800 Lakkofsa herreegaa Baanki daldala 1000018918653 fi Baankii Siinqee Lakk 1071414401811 Waajjira Mallaqa A/Shaashamannee ta'eetti kafaludhaan fudhachuu ni danda'a.

17) Daldalaan caal-baasii moo'atee yeroo waligaltee gale keessatti meeshaa xumuree kan hin galchiine yoo ta'ee seeraan kan gaafachiisiisuu ta'uu beekuu qaba.

18) Waajjirichii daandii fooyya'aa yoo argatee caalbaasii guutuumaan guutuu ykn walakkaa haquu mirga guutuu qaba.

Odeeffannoo caalmaatiif 0461104779/0461104279
Godina Arsii Lixaatti Waajjira Mallaqaa Aanaa Shaashamannee


Tender details

  • Deadline: 2026-09-14
  • Bid closing time: 10:00
  • Bid opening: 2026-09-14 10:30
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Godina arsii Lixaatti Waajjira Mallagaa Aanaa Shaashamannee
  • Bid bond: Qarshii 80,000.00
  • Bid document price: Qarshii 800.00
  • Published on: Addis Zemen (Aug 21, 2026)
  • Posted at: 2026-08-21T09:40:36.000Z
← Back to all tenders