Equipment and Accessories

Baajataa 2019 tti Seektaroota baajanni isaanii isa jalatti bulaniif akkasumas Kolleejji BLTO fi Hospitaalaaf Kan Tajaajilu Meeshaalee Elektirooniksii, Meeshaalee Dhaabbii (Furnicher), Meeshaalee Barreeffamaa, Meeshaalee Qulqullinaa fi Uffata seeraa hojjat

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa

Waajjirri Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Maqii Bara

Baajataa 2019 tti Seektaroota baajanni isaanii isa jalatti bulaniif akkasumas Kolleejji BLTO fi Hospitaalaaf Kan Tajaajilu Meeshaalee Elektirooniksii, Meeshaalee Dhaabbii (Furnicher), Meeshaalee Barreeffamaa, Meeshaalee Qulqullinaa fi Uffata seeraa hojjattootaa Bituu Barbaada.

Haaluma kanaan dorgomtoonni ulaagaa armaan gadii guutuu danda'an akka dorgoman ni affeera.

1. Dorgomtoonni Heyyama Hojii daldalaa haaromfame kan qaban/haarawa kan baafatanii fi ragaa kan dhiyeessan ta'uu qabu.

2. Dorgomtoonni Galmaa'aa TIN kan ta'anii fi kaffalaa taaksii dabalata qabeenyaa /VAT/ galmaa'aa kan ta'an Kanaafiis Ragaa dhiyeessuu qabu.

3. Dorgomtoonni Weeb-saayitii Galmee dhiyeesummaa Ministeera maallaqaa Federala irratti kan galmaa'anii fi yeroo ammaa weeb-saayitii irratti galma'aa ta'uu isaanii kan ibsu ragaa koppii isaa qabsiisuu kan danda'an ykn Biiroo Maallaqaa Naannooleetti Galmee dhiyeessitootaa irratti kan galmaa'an ta'ee, kanaafis ragaa dhiyeeffachuu qabu

4. Dorgomtoonni caalbaasichi erga banameen booda sanada caalbaasii irratti jijjiirama ykn fooyya'iinsa gochuu ykn caalbaasii keessaa bahuu kan hin dandeenye ta'uu beekuu qabu.

5. Dorgomtoonni Meeshaaleen Bitaman haala ispeesifkeeshinii kennameefin guutee yoo dhiyeessuu baatee fi dogongorri kamiiyyuu yoo uumame itti gaafatamummaan kan dhaabbata dhiyeessichaa /dorgomaa/ ta'uu beekuu qabu.

6. Dorgoman kamiiyyuu gatii baaqqee/tokkoo/ sanada caal- baasii Waajjirri Maallaqaa Bulchiinsi Magaala Maqii qopheesse irratti guutuun dhiyeessuu qaba.

7. Dorgomtoonni Sanada Caalbaasii irratti Sirreeffama, Haqamaa fi Laaqama taasisuu hin qaban.

8. Dorgomtoonni meeshaalee ittin moo'ataa ta'an geejjiba mataa isaanii fi baasii isaanitiin fe'anii dhiyeessudhaaf, waajjiricha waliin waliigaltee mallatteessuu qabu.

9. Dorgomaan kamiiyyuu caal-baasicha irratti hirmaachuuf, kabachiisa caal-baasii CPO Qar.50,000 (kuma shantama) Baankii daldala Itoophiyaatti Waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Maqiitiif qabsiisuu qaba.

10. Dorgomaan kamiiyyuu sanada caal-baasii irratti gatiin dhiyeesse ji'a Sadiif (3) ragga'ee kan turu ta'ee jijjiiramni gatii kan godhamu ji'a sadiin booda bu'aa qorannoo gabaa ykn gatii dorgomtoonni dhiyeessan irratti hundaa'ee kan taasifamu ta'a.

11. Dorgomaan caal-baasicha mo'ate waliigaltee erga seenee booda guyyoota hojii walitti aanaan 10(kudhan) keessatti meeshaalee galii gochuun irraa kan eeggamu yoo ta'u guyyaa jedhame keessatti yoo galchuu baatee walii galtee kennaan qajeelfama bittaa MootummaaNaannoo Oromiyaa lakk 02/2004 fi FA 1/2009 akkaataa labsii Bittaa fi Bul/Qabeenyaa lakkofsa 157/2002 tiin tarkaanfin kan fudhatamu ta'uu isaa beekuu qabu.

12. Dorgomtoonnicaalbaasicha gufachiisuufyaalancaalbaasiin ala kan ta'an ta'ee, qajeelfama bittaa Mootummaa 02/2004 fi akkaataa labsii lakkofsa 157/2002 tiin kan gaafataman ta'uu isaa beekuu qabu.

13. Dorgomtoonni erga moo'ataniin booda meeshaaleen isaan dhiyeessan guutumaan guututti qulqullinaa fi sadarkaa isaanii kan eeggatan ta'uu qabu.

14. Dorgomtoonni Sanada caal-baasii ittin dorgoman maallaqa hin deebine Qar. 2000 (Kuma lama) kaffaluun guyyaa beeksifni kun Gaazexaa Addis Zamaniin bahe irraa eegalee Waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Maqii kutaa lakk. 11tti qaamaan dhiyaachuun bitachuu ni danda'u

15. Dorgomaan kamiiyyuu poostaa sanadni caal-baasii ittin saamsamee dhiyaatu irratti maqaa dhaabbata isaa fi teessoo isaa qixa sirriin ibsee chaappaa dhaabbatichaa itti dhahuun sanada caal-baasiii irrattii mallatteessee Orijinaala fi kooppii adda addatti poostaan saamsudhaan dhiyeessuu qaba.

16. Caal-baasiin kun guyyaa beeksifni bahe irraa eegalee guyyoota hojii 15 (kudha Shan) qilleensarra kan turu yoo ta'u; guyyaa 16ffaatti ganama keessa sa'aatti 5:00tti cufamee waaree booda sa'aatii 8:30 tti bakka dorgomaan ykn bakka bu'aan, koreen bittaa fi Tajjabdoonni jirutti kan banamu ta'a.

17. Manni hojichaa baayina meeshaalee bitamuufbarbaadamuu %20 dabaluus ta'ee hir"isuu ni danda'a.

18. Dorgomaan caal-baasiicha mo'ate kabachiisa walii galtee gatii walii gala irraa %10 CPO qabsiisuu qaba.

19. Haaluma armaan olitti ibsameen dorgomtoonni dirqama caal-baasichaa bahachuu yoo baatanii fi walii galtee seenaan seeran yoo raawwachuu baataan kabachiisa caal-baasichaa fi kabachiisa walii galtee qabsiisan dhalamanii wajjirichaaf galii ta'ee qajeelfama bittaa 'Mootummaa lakk. 02/2004 fi FA 1/2009 fi akkaataa labsii lakkofsa 157/2002 tiin waajjirichi tarkaanffii kan fudhatu ta'uu isaa beekuu qabu.

20. Dorgomaan kamiyyuu sanada caal-baasii irratti ibsa, sirreeffama, yaada fi gaaffi yoo qabaate sanadni caalbaasii osoo hin banamin guyyaa 5(shan) dura waajjirichaaf barreeffaman dhiyeessuu qaba.

21. Waajjirri filannoo biraa yoo argate caalbaasicha gartokkeen ykn guutumaa guututti haquudhaaf mirgi isaa kan eegame ta'uun isaa beekamuu qaba.

Teessoon:- Bul/ Magaalaa Maqii

Odeeffannoo dabalataatiif Lakkoofsa Bilbilaa

+251916412008/0922479427 Bilbilanii dubbisuun ni danda'ama

Godina Shawaa Bahaati Waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Maqii


Tender details

  • Deadline: 2026-09-09
  • Bid closing time: 12:00
  • Bid closing (note): 16ffaatti ganama keessa sa'aatti 5:00tti
  • Bid opening: 2026-09-09 14:30
  • Bid opening (note): 16ffaatti ganama keessa sa'aatti 8:30tti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjirri Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Maqii
  • Bid bond: Qarshii 50,000.00
  • Bid document price: Qarshii 2000.00
  • Published on: Addis Zemen (Aug 22, 2026)
  • Posted at: 2026-08-22T07:57:56.000Z
← Back to all tenders