Cleaning and Janitorial Equipment and Service
Waajjirri Maallaqaa Kutaa Magaalaa Sabbataa bara baajataa 2019f meeshaalee tajaajilaa seektarootaa kutaa magaalaafi mana qopheessaa kutaa magalaatiif kan oolu, meeshaalee adda addaa caalbaasii ifaatin waldorgomsiisee bituu barbaada.
More tags
Description
Beeksisa Caalbaasii ifaa
Lakkoosfa Caalbaasii:-001/2019
Waajjirri Maallaqaa Kutaa Magaalaa Sabbataa bara baajataa 2019f meeshaalee tajaajilaa seektarootaa kutaa magaalaafi mana qopheessaa kutaa magalaatiif kan oolu, lootii tokko (1) meeshaalee kanneen akka isteeshinarii, qulqullinaa, uffataa seeraa (danbii)fi meeshalee biiroo keessaa akkasumas lootii lammaffaa (2) meeshaalee kanneen akka elektirooniksii, gommaa konkolataafi motor saayikiliifi farnicharoota adda addaa caalbaasii ifaatin waldorgomsiisee bituu waan barbaaduuf dhaabbileen dhuunfaa/waldaalee IMX/ fedhii qabdan ulaagaalee dorgomtootaa armaan gaditti caqafaman hordofuun hirmaachuu kan dandeessan ta'uu isin beeksifna.
Ulaagaalee dorgommii
1. Gosa dhiyeessii itti dorgomu irratti heyyama haaromfame kan qabu, gibira barichaa kan kaffaleefi ragaa waraqaa qulqulinaa (clearance) dhiyeeffachuu kan danda'an ta'uu qabu.
2. Lakkoofsa kaffalaa gibiraa /TIN/ kan qabaniifi kanaafis ragaa dhiyeeffachuu kan danda'an ta'uu qabu.
3. Galmaa'aa VAT kan ta'ee akkasumas tarreeffama dhiyeessitootaa meeshaaleefi tajaajilaa /supplier list/ Ministeera Maallaqaa yookan Biiroo Maallaqaa Oromiyaa Waajjiraalee maallaqaa bulchinsaa magalaafi kutaa magaalaa keessatti galmaa'aa ta'uu isaatiif ragaa dhiyeefachuu kan danda'u ta'uu qaba;
4. Dorgomtoonni guyyaa caalbaasiin kun Gaazexaa Addis Zaman irratti bahee jalqabee guyyoota hojii 15 /kudha shan/ Waajjira Maallaqaa Kutaa Magaalaa Sabbataa lakkoofsa herrega Baankii Siinqee 1064814111214 itti maallaqa hin deebine qarshii 600/dhibba jaha/ Lootii tokkoon tokkoof maqaa "Sebeta Sub City Finance Office galii taasisuun ragaa galii baankii/bank deposit slip/Waajjira Galiiwwan Kutaa Magaalaa Sabbataa Gamoo Wiirtuu Kenna Tajaajilaa Iddoo Tokkootti dhiyeeffachuudhan nagahee akka mursiifattanii, Waajjira Maallaqaa Kutaa Magaalaa Sabbataa Gamoo haraa bulchinsaa magaalaa G+5 darbii 2ffa dhufuun adeemsaa bittaa, bulchiinsaafi dhabamsiisa qabeenyaafi tajaajila maraa irraa sanada caalbaasii bitachuu kan dandeessan ta'uu isin yaadachiifna.
5. Dorgomaan kamiyyuu kabachiisa caalbaasichaatiif lootii tokkoo tokkoof CPOqofa qarshii 150,000.00 (Kuma dhibba tokkoof kuma shantama) maqaa Waajjira Maallaqaa Kutaa Magaalaa Sabbataatiin hojjisiisuu qaba. CPOn dhiyaatu duubaa isaarratti chaappaafi lakkofsaa bilbilaa baankii qabaachuu qaba.
6. Dorgomtoonni yaada dorgommii /gatii isaanii sanada orjinaala caalbaasichaaf qophaa'e irratti qofa guutuudhan orjinaalaafi koppiidhan adda baasuun poostaadhaan saamsamee saanduqa caalbaasii dhimma kanaaf qophaa'etti Gamoo haaraa bulchinsaa magaalaa G+5 darbii 2 Waajjira Maallaqaa Kutaa Magaalaa Sabbataa Kutaa Adeemsaa Bittaa, Bulchiinsaafi Dhabamsiisa Qabeenyaafi Tajaajila Maraa galchuu qabu;
7. Dorgomtoonii gatin baaqqee dhiheessan hundumtuu VAT /15% dabalatee guutuu qaba.
8. Dorgomtoonni meeshaa mo'atan iddoo manaa kuusaa qophaa'etti galchuuf baasii geejibaa humna namaa barbaachiisu hundaa kan uwwisu ta'a.
9. Meeshaa mo'ataan galchuun dura qulqulinni isaa ogeessa dhimmi ilaallatuun ergaa mirkanaahee booda ta'a.
10. Caalbaasichi guyyaa 16 ganama sa'aatii 4:00 irratti cufamee guyyuma kana sa'aatii 4:30 irratti bakka dorgomtoonni yookan bakka bu'oonni seeraa qabeessa argamanitti gamoo haraa bulchinsa magaalaa G+5 darbii 2ffa WMKS Kutaa Adeemsaa Bittaafi Bulchiinsa Qabeenyaafi Tajaajila Maraatti ni banama. Haata'u malee, guyyichi guyyaa hojii mootummaa yoo hintaane guyyaa hojii mootummaa itti aanu ta'a.
11. Manni hojichaa filannoo fooyya'aa yoo argate caalbaasicha walakkaadhan yookan guutumaan guutuutti haquu ni danda'a. Odeefannoo dabalataatiif lakkoofsa bilbilaa 0113-384-292 bilbiluun Hhhubachuu ni danda'u.
Teessoo Gamoo haaraa Bulchinsa Magaalaa darbii 2ffaa Waajjira Maallaqaa Kutaa Magaalaa Sabbataa Sabbataa
Bulchiinsa Maallagaa Shaggaritti Waajjira Maallaqaa Kutaa Magaalaa Sabbataa
Tender details
- Deadline: 2026-09-07
- Bid closing time: 10:00
- Bid closing (note): Guyyaa 16 ganama sa'aatii 4:00
- Bid opening: 2026-09-07 10:30
- Bid opening (note): Guyyaa 16 ganama sa'aatii 4:30
- Region: Oromia
- Publishing entity: Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Kutaa Magaalaa Sabbataatti Waajirri Maallaqa Aanaan Caffee
- Bid bond: Qarshii 150,000.00
- Bid document price: Qarshii 600.00 sanada tokkoo
- Published on: Addis Zemen (Aug 22, 2026)
- Posted at: 2026-08-22T08:48:46.000Z