Equipment and Accessories
Waajjirri Maallaqaa Aanaa Ada'aa bara baajataa 2019f seektaroota baajanni isaanii isa jalatti bulaniifi tajaajila oolu meeshaalee adda addaa caalbaasii ifaatin waldorgomsiisee bituu barbaada
More tags
Description
Beeksisa Caalbaasi 01/2019
Waajjirri Maallaqaa Aanaa Ada'aa Bara Baajataa 2019 tti Seektaroota baajanni isaanii isa jalatti bulaniif Kan Tajaajilu ;-
1).Meeshaalee Barreeffamaa fi Dhaabbii xixiqqaa, 2) Meeshaalee qulqullinaa,3 Meeshaalee Elektrooniksii 4)Generetera,5.Meeshaalee Dhaabbii(furniture), 6)Gommaa konkolaataa fi Mootor Saayikilootaa 7,Uffata Seeraa fi Gatii Hodhaa uffata seeraa,8) Sanyii Bosonaa fi plastic pot Caalbaasii ifaatiin Dorgomsiisee Bituu Barbaada.
Haaluma kanaan dorgomtoonni ulaagaa armaan gadii guutuu danda'an akka dorgomanni afeeraa.
1. Dorgomtoonni Heyyama Hojii daldalaa haaromfame kan qabanii fi ragaa kan dhiyeessan ta'uu qabu.
2. Dorgomtoonni Galmaa'aa TIN kan ta'anii fi kaffalaa taaksii dabalata qabeenyaa / VAT/galmaa'aa kan ta'an Kanaafiis Ragaa dhiyeessuu qabu.
3. Dorgomtoonni Galmee Dhiyeessitootaa irratti kan galmaa'an ta'ee, kanaafis ragaa dhiyeeffachuu qabu.
4. Dorgomtoonni Meeshaaleen Bitaman haala Ispeesifkeeshinii kennameefin guutee yoo dhiyeessuu baatee fi dogongorri kamiiyyuu yoo uumame itti gaafatamummaan kan dhaabbata dhiyeessichaa /dorgomaa/ ta'uu beekuu qabu.
5. Dorgomtoonni kamiyyuu gatii faayinaansiis ta'ee teeknika orjinaalaa fi waraabbii tokko tokko adda Adda erga samsee Booda bakka tokkotti Waliigala poostaa guddichaan Samsee galchuu qabu.
6. Dorgomtoonni Sanada Caalbaasii irratti Sirreeffama, Haqamaa fi Laaqama taasisuu
hin qaban.
7. Dorgomtoonni meeshaalee ittin moo'ataa ta'an geejjiba mataa isaanii fi baasii isaan itiin fe'anii dhiyeessu dhaaf, waajjiricha waliin waliigaltee mallatteessuu qabu.
8. Dorgomaan kamiiyyuu caal-baasicha irratti hirmaachuuf, kabachiisacaal-baasii:- Meeshaalee Barreeffamaa fi DhaabbiiXixiqqaa, meeshaalee Qulqullinaa, fi UffataSeeraa Hojjettota Mootummmaa fi Gatii Hodhaa uffata seeraa, Sanyii Bosonaa lootii looti dhaan Adda addatti CPO Qarshii 10,000 (kuma Kudhan) qabsiisuuqabu. Kana malees, Meeshaalee Elektirooniksii, Meeshaalee dhaabbii /Furniture/ fi Gommaa Konkolaataa lootii looti dhaan Adda addatti CPO Qar. 15,000 (kuma Kudha shan), qabsiisuu qaba. Generetraaf Qar. 60,000(kuma Jaatama) Qabsiisuu qaba.
9. Dorgomaan kamiiyyuu sanada caal-baasii irratti gatiin dhiyeesse ji'a Sadiif (3) tiif ragga'ee kan turu Ta'uu Beekuu qaba.
10. Sammudi Dhiyaatu Waraqaa kompiiteraa Qubeessaa ,Ajandaa kilaaseera, Filaashii, Galmee, Kaarboonii harkaa, uhuu, Filuudii fi uffata seeraa fi kanneen asiin olitti ibsaman caalbaasiin utuu hin banamin dursee dhiyaachuu qaba.
11. Dorgomtoonni meeshaalee dhiyeessan guutumaan guututti orijinaala ta'uu qabu. Akkasumas haala akaakuu Meeshaatiin Maqaa Biraandii fi moodelaa ibsuu Qaba.
12. Dorgomaan kamiiyyuu ispeesifikeeshinii meeshaalee gatii kennee ittin injifateen ala filannoo biraa dhiyeessun hin danda'amu.
13. Dorgomtoonni Sanada caal-baasii ittin dorgoman maallaqa hin deebine Qar.1000 (kuma tokkoo) kaffaluun beeksifni Gaazexaa Addis Zamaniin guyyaa bahe irraa eegalee guyyoota hojii 15 (kudha shan) walitti aansudhaan sanada caal-baasi Waajjira Maallaqaa Aanaa Ada'aa biiroo lakkoofsa 03tti dhiyaachuun bitachuu ni danda'u.
14. Dorgomaan kamiiyyuu sanada caal-baasii irratti maqaa dhaabbataisaa fi teessoo isaa qixa sirriin ibsee chaappaa dhaabbatichaa itti dhahuun sanadacaal-baasii irrattii mallatteessee sanada caal-baasii Orijinaala fi kooppii haala kanaa olitti ibsameen Galchuu qaba.
15. Sanadni caal-baasii beeksifni Gaazexaa Addis Zamaniin guyyaa bahe irraa eegalee guyyoota hojii 15 (kudhashan) walitti aansudhaan sa'aati 2:30 hanga 11:30 tti gurguramuun dorgomtoonni sanadni caal-baasi guyyaa beeksifni caal-baasichaa bahee irraa eegale hanga guyyaa hojii guyyaa 16 ffaa (guyyaa kudha jahaffa) hanga sa'a 6:00 tti saanduqa caal-baasichaaf qophaa'e keessa galchuun guyyuma kana sa'a 6:00 tti saamsamee sa'a 8:30 tti iddoo dorgomtoonni ykn bakka bu❜oonni caal- baasicha irratti hirmaachuu barbaadan argamanitti banama.
16. Dorgomaan kamiiyyuu meeshaalee ittin dorgomu Meeshaalee Barreeffamaa fi Dhumeeyyii, Meeshaalee Qulqullinaa fi UffataSeeraa Hojjettoota Mootummaa fi meeshaalee hojii sanadni caal-baasii osoo hin banamin samuudaa qaamaan dhiyeessuu qabu. Kana malees, Meeshaalee Elektirooniksii fi Meeshaalee dhaabbii/ Furniture/samuudaa qaamaan ykn fakkiidhan (Footoodhaan) Ispesifikeshinii dhaan haala ifa ta'een caal-baasichi osoo hin banamin samuudaa poostaan saamsamee maqaa fi teessoo qixa sirriin chaappaa itti godhee dhiyeessuu qaba.
Waajjirri Maallaqa Aanaa Ada,aa filannoo biraa yoo argate caalbaasicha gar-tokkeen ykn guutumaa guututti haquu dhaaf mirgi isaa kan eegame ta'uun isaa beekamuu qaba.
Hubachisaa;-
- Dhaabbanni dorgomu kamiiyyuu ulaagaa ittin dorgoman guutumaa guututti qixa sirriin mirkaneeffatee hubachuu qaba. Yoo kana ta'uubaate dogongora uumamu kamiifiyyuu sirreeffamni kan hin godhamne ta'uu ibsina.
- Dorgomtoonni Gatiin dhiyyeesaan VAT duraa ta'uu isaa fi VAT bodaa ta'uu isaa ifattii sanada caalbaasii gatiin irratii dhiyyatuu irratii ibsuu qabu
Teessoon:-Magaalaa Bishooftuu (lakk Bilbilaa 0114335405)(0924082613)
Waajjira Maallaqaa Aanaa Ada'aa
Tender details
- Deadline: 2026-09-09
- Bid closing time: 12:00
- Bid closing (note): Guyyaa hojii guyyaa 16 ffaa (guyyaa kudha jahaffa) hanga sa'a 6:00 tti
- Bid opening: 2026-09-09 14:30
- Bid opening (note): Guyyaa hojii guyyaa 16 ffaa (guyyaa kudha jahaffa) hanga sa'a 8:30 tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Waajjira Maallaaqaa Aanaa Ada’aa
- Bid bond: Lootiidhaan Adda addaa dha
- Bid document price: Qarshii 1,000.00
- Published on: Addis Zemen (Aug 22, 2026)
- Posted at: 2026-08-22T09:24:57.000Z