Textile, Garments and Uniforms
Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Malkaa Gafarsaa meeshaalee sekteroota aanaaf tajaajilu meeshaalee dhumataa fi dhaabbii biiroo keessaa: uffata seeraa hojjettootaa, meeshaalee barreeffamaa, meeshaalee q
More tags
Description
Beeksisa Caalbaasil Lakk.01/2019
Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Malkaa Gafarsaa meeshaalee sekteroota aanaaf tajaajilu meeshaalee dhumataa fi dhaabbii biiroo keessaa: uffata seeraa hojjettootaa, meeshaalee barreeffamaa, meeshaalee qulqullinaa fi dhumataa biiroo keessaa, akkasumas meeshaalee elektirooniksii fi farniicheerii caalbaasii ifaan dorgomsiisee bituu barbaada.
- Dorgomtootni eeyyama daldalaa seera qabeessa haaromee dhiyeeffachuu kan danda'u ta'uu qabu.
- Dorgomtootni ragaa dabalataa qabeenya (VAT) galmee ragaa kaffalaa gibiraa (Tin Number), waraqaa galmee ragaa daldalaa fi waraqaa galmee dhiyeessummaa keessatti kan galmaa'anii fi ragaalee ifaatti mul'atan dhiyeeffachuu kan danda'an.
- Dorgomtootni sanada caalbaasichaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootti Waajjira Maallaqaa Aanaa Malkaa Gafarsaa ykn Dallaa Bulchiinsa Aanaa Malkaa Gafarsaa keessatti argamu Waajjira Galiiwwanii Aanaa Malkaa Gafarsaatti meeshaalee barreeffamaa, meeshaalee qulqullinaa, elektirooniksii, uffata seeraa fi farniicheeriif bakka tokkotti Qarshii 2000.00 (kuma lama) qarshii hindeebine kaffaluun sanada caalbaasii bitachuun gaafa guyyaa beeksifni kun ba'ee irraa eegalee guyyoota hojii 15(kudha shan) sa'aatii hojii mootummaa 2:30- 6:30tti akkasumaas, sa'aatii booda 7:30-11:30 ta'ee gaafa guyyaa 16 Bulchiinsa Aanaa Malkaa Gafarsaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Malkaa Gafarsaa lakkoofsa 19tti sanada caalbaasii dhiyeessa gatii keessan poostaa cuqqaalameen ykn samsameen koppii fi orijinaala tokko tokkoo poostaa qofa qofaan sanduuqa caalbaasii maqaa mana hojii keenyaan qophaa'e keessa galchuu qabdu.
- Sanduuqni caalbaasichaa guyyoota hojii 15f (kudha shaniif) banaa ta'ee turuun gaafa guyyaa 16 sa'aatii 4:30 irratti cufamee gaafa guyyaa 16( kudha jahaffaa) sa'aatii 5:00 irratti bakka dorgomtootni ykn bakka bu'oonni sirna baniinsa caalbaasichaa irratti hirmaatanii xalayaa bakka bu'insa seera qabeessa ta'e qabatanii argamaanitti Waajjira Maallaqaa Aanaatti lakkoofsa 19 ykn bakka kutaan mijaa'etti ni banama.
- Dorgomtootni kabachiisa wabummaa caalbaasichaa 100,000.00 /kuma dhibba tokko/sanada caalbaasii keessan waliin CPO baankiin mirkanaa'e maqaa waajjirichaan qabsiisuu qaba. Akkasumas dorgomaan mo'ate gosa meeshaa mo'ate irratti mana hojichaa waliin waliigaltee kan mallatteessuu fi meeshaa mo'ate irratti ida'ama waliigalaa keessaa dhibbantaa(%10) CPO qabsiisuu dirqama qaba.
- Akkaataa qajeelfama dabalata qabeenyaa (VAT) % 15 keessaa karaa mana hojichaa %7.5 citee kan hafu yeroo ta'u maallaqa citeef nagahee seera qabeessa ni kenna, akkasumas akkaataa qajeelfama Ministeera Maallaaqaan bittaa mootummaa qarshii kuma digdamaa ol raawwatamuuf dhibbantaa (%3) kutee ambisuuf dirqama qaba.
- Dorgomtootni caalbaasicha mo'atan hundi gosa meeshaa waliigaltee raawwatan hundaa baasii mataa isaaniin Aanaa Malkaa Gafarsaatti kuusa meeshaa waajjira Maallaqaa Aanaatti dhiyeessuun galii gochuu qabu.
- Waajjirichi karaa fooyya'aa yoo argate guutumaa guutuutti ykn gar-tokkeen haquuf mirga qaba.
Bakka itti argamu: Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootti Waajjira Maallaqaa Aanaa Malkaa Gafarsaa.
Fageenyi aanaa keenyaa Aanaa Malkaa Gafarsaa irraa hanga Magaalaa Finfinneetti KM 16.5
Oddeeffannoo dabalataaf:
Lakkoofisa Bilb. 09 11 04 68 17/ 09 08 36 95 41/ 09 13 35 52 50 gaafachuu ni dandeessu.
Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootti
Waajjira Maallagaa Aanaa Malkaa Gafarsaa
Tender details
- Deadline: 2026-09-07
- Bid closing time: 22:30
- Bid closing (note): Sanduuqni caalbaasichaa guyyoota hojii 15f (kudha shaniif) banaa ta'ee turuun gaafa guyyaa 16 sa'aatii 4:30
- Bid opening: 2026-09-07 23:00
- Bid opening (note): Sanduuqni caalbaasichaa guyyoota hojii 15f (kudha shaniif) banaa ta'ee turuun gaafa guyyaa 16 sa'aatii 5:00
- Region: Oromia
- Publishing entity: Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootti Waajjira Maallagaa Aanaa Malkaa Gafarsaa
- Bid bond: 100,000.00 Qarshii
- Bid document price: 2000.00 Qarshii
- Published on: Addis Zemen (Aug 23, 2026)
- Posted at: 2026-08-24T09:14:55.000Z