Cleaning and Janitorial Equipment and Service

Godina Boorana Bahaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Dhaas Waajjiroota Aanaa Dhaasiifi Bulchiinsa Magaalotaa Aanaa Dhaas jalaa jiraniifi bara baajataa 2019fi meeshalee dhumoofi dhaabbii kan akka barruu, qulqullinaa, elektirooniksii faarnicharota gommaa konko

Description

Caalbaasii Marsaa 1ffaa

Godina Boorana Bahaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Dhaas Waajjiroota Aanaa Dhaasiifi Bulchiinsa Magaalotaa Aanaa Dhaas jalaa jiraniifi bara baajataa 2019fi meeshalee dhumoofi dhaabbii kan akka barruu, qulqullinaa, elektirooniksii faarnicharota gommaa konkolataafi kkf caalbaassii ifaatiin dorgomsisee bituu barbaada.

  1. Meeshaa gaafatame qulqullinnaan dhiyeessuuf gibira waggaa kan kafaleefi heyyama daldalaa kan horoomfate ta'uu isaa ragaa dhiyeessuu kan danda'u.
  2. Dorgomaan facaatii dhiyeessitoota keessaa galmaa'uu isaanii ragaa dhiyeessuu kan danda'an ta'uu qaba.
  3. Dorgomtoonni taaksii dabalataa (VAT) galmaa'aa ta'uusaanii ragaa dhiyeessuu qabu.
  4. Waraqaa ragaa dhiyeessumaa kan qabu.
  5. Waraqaa qaama seerummaa haaroomfame kan qabu. Tildegg
  6. Kabachiisa caalbaasii qarshii 6000 (Kuma jaha) CPOn Baankii seeraqabeessaan mirkanaa'e caalbaasii osoo hin banamin qabsisuu qabu. Waldaaleen Imx qaama isaan gurmeesse irraa xalayaa wabummaa hamma qarshii gaafatameef wabii ta'usaanii kan ibsu fidachuu ni danda'u.
  7. Dorgomtoonni sanada caalbaasii maallaqaa hin deebine qarshi(500) dhibba shan Abbaa Taayitaa Galiiwwanii galchuudhaan sanada caalbaasii Waajjira Maallaqaa Aanaa Dhaas irraa fudhachuun (bituun) ni danda'ama.
  8. Caalbaasiin guyyaa beeksisni kun bahee irraa eegalee guyyoota hojii 15f dorgomtootaf bana ta'a.
  9. Dorgomtoonni sanada caalbaasii guutanii orijinaalaafi koppii tokko guyyaa beeksifni kun bahe irraa eegalee guyyoota hojjii walitti aanan 15f saanduqa dhimma kanaaf qophaa'e keessa galchuu ni dandeessan
  10. Caalbaasiin guyyaa 16ffaatti sa'aatii 3:30 cufamee sa'aatii 4;00tti dorgomtoonni ykn baka bu'aan (xalayaa baka bufamu issaa kan ibsuu) isaanii bakka argamanitti ni banama.
  11. Dorgomtoonni ykn bakka bu'aan isaanii jiraachuu baatanis caalbaasiin ni banama.
  12. Baniinsi caalbaasii guyyaa hojii mootummaatiin ala yoo ta'e guyyaa hojii mootummaa itti aanuu banama.
  13. Afaan caalbaasichi ittiin geggeeffamu Afaan Oromiffaatiini.
  14. Mo'ataan (dorgoman )meeshaalee ittiin dorgomanii mo'atan baasii geejjibaa, fee'insaafi buusisaa ofii isaaniitiin hanga kutaa qabeenyaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Dhaas fiidani galii gochuu qaba. Dorgomtoonni meeshaalee barbaadamu qulqullinaafi baay'ina barbaadameen guutumaan guutuutti galchuu qaba.
  15. Samudni meeshaalee dorgomtootaan dhiyaatan dorgomtoota caalbaasii mo'amaniif ni deebi'aaf.
  16. Meeshaaleen dhiyaate qulqulinna kan hin qabne yoota'e daldalaan (dorgomaan) baasii isaatiin meeshaa jijjiiruu qaba. Waajjirri yaada fooyya'aafi filatamaa yoo argate caalbaasii gartokkeenis ta'e guutumaan guutuutti haquuf mirga qaba.

Odeeffannoo dabalataatiif lakkoofsa Bilbilaa 0931451144 ykn 0913241344

Godina Boorana Bahaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Dhaas


Tender details

  • Deadline: 2026-09-07
  • Bid closing time: 21:30
  • Bid closing (note): Caalbaasiin guyyaa 16ffaatti sa'aatii 3:30
  • Bid opening: 2026-09-07 22:00
  • Bid opening (note): Caalbaasiin guyyaa 16ffaatti sa'aatii 4፡00tti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Godina Boorana Bahaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Dhaas
  • Bid bond: 6000 qarshii
  • Bid document price: 500qarshii
  • Published on: BARRIISAA (Aug 23, 2026)
  • Posted at: 2026-08-24T11:12:58.000Z
← Back to all tenders