Equipment and Accessories
Yuuniyeeniin Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Heexosaa Godina Arsii Aanaa Heexosaa Magaala Itayyaa Gandaa 02 keessatti argamu battirii soolaarii caalbaasii ifaa ta'een bituu barbaada kanaafuu dorgoomtoonni caalbaasii kanaa irratti hirmaachuu fedhii qabdan Ul
Description
Beeksisa Caalbaasii Ifaa
Yuuniyeeniin Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Heexosaa Godina Arsii Aanaa Heexosaa Magaala Itayyaa Gandaa 02 keessatti argamu battirii soolaarii caalbaasii ifaa ta'een bituu barbaada kanaafuu dorgoomtoonni caalbaasii kanaa irratti hirmaachuu fedhii qabdan Ulaagalee armaan gadiitti ibsame guutuu qabdu;
1ffaa. Heyyama daldalaa hojii daldalaa battirii irratti hirmataaniifi lakkoofsa addaa (TIN) kan qabuufi kan baraa kan haaromfame.
2ffaa. Gibira bara 2018 kan kaffaleefi haaroomfame.
3ffaa. Sanada caalbaasii unka qophaa'e maqaafi gosa battirii offiirra qabuu qarshii hin debineen qarshii 500 (dhibba shaniin) Yuuniyeenii Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Heexosaa biroo lakkoofsa ltti argamuun ykn bakka bu'aa keessaniin bitachuu dandeessu.
4ffaa. Dorgoomtoonni caalbaasii kana irrattii hirmaatan kamiyyuu ulaagalee lakkoofsa waantotaa lakk. 1-2 ibsaman hunda sanada caalbaasii orjinaala gatii itti kennitaniifi waantotaa lakk. 1-2 irratti ibsaman koppii isaa waliiniifi kabachiisa caalbaasii CPO parsaantaa 10 waliin poostaan saamsamee dhiheeffachuu dandeessu.
5ffaa. Sanada caalbaasii gatii ittiin dorgomtan erga guutamee booda maqaa dorgomaa, mallattoo kan qabu fuula sanada hundaa irrattiifi poostaa irratti mallattaa'uu qaba.
6ffaa. Caalbaasiin Gazexaa Addis Zamaniin guyyaa bahe irraa eegalee guyyaa hojii guyyaa 10 walittii aananiif sa'aatii hojii 3:00 irraa hangaa sa'aatii 11:00 bitachuu dandeessu.
7ffaa. Caalbaasiin guyyaa 11ffaatti sa'aatii 4:30 eegalee hanga sa'aatii 5:00 galee sa'aatii 5:30 iddoo dorgomtoonni jiranittii ni banama.
8ffaa. Guyyaan 11ffaan guyyaa hojii yoo hin taane guyyaa hojii itti aanu kan banamu ta'a.
9ffaa. Yuuniyeenichi filannoo fooyya'aa yoo argate caalbasicha guutumaan guutuutti ykn gartokkeen haquuf mirgi isaa eegamaadha.
10ffaa. Teessoon Godina Arsii Magaalaa Itayyaa Ganda 02 Waajjira Yuuniyeenii Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Heexosaa karaa bayyinsaa karaa Asallaa kan argamu Buufataa Boba'aa NOK irraa ol darbee meetira 50 irratti argama.
Odeeffannoo dabalataatiif Lakkoofsa bilbilaa 0223350888/0910114639 /0972845438
Godina Arsiitti Yuuniyeenii Hojii Gamtaa
Qonnaan Bultoota Heexosaa
Tender details
- Deadline: 2026-09-04
- Bid closing time: 12:00
- Bid closing (note): guyyaa 11ffaatti sa'aatii 5:00
- Bid opening: 2026-09-04 12:00
- Bid opening (note): guyyaa 11ffaatti sa'aatii 5:30
- Region: Oromia
- Publishing entity: Yuuniiyeeniin Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Heexosaa Godina Arsii Aanaa Heexosaa
- Bid bond: 10%
- Bid document price: Qarshii 500.00
- Published on: Addis Zemen (Aug 24, 2026)
- Posted at: 2026-08-26T08:17:06.000Z