Stationery

Waajjira Mallaaqaa Godina Baaleetti Waajjirri Mallaqaa Aanaa Diinshoo Bara baajataa 2019f meeshaalee taajaajila garagaraatiif kan oolan akkaatuma armaan gaditti tarrefamaniin jechuun Meeshaalee Barreefamaa, Uffata danbii, Meeshaalee dhumataa, meeshaalee Q

Description

Beeksisaa Caalbaasii Ifaa Marsaa 1ffaa

Waajjira Mallaaqaa Godina Baaleetti Waajjirri Mallaqaa Aanaa Diinshoo Bara baajataa 2019f meeshaalee taajaajila garagaraatiif kan oolan akkaatuma armaan gaditti tarrefamaniin jechuun Meeshaalee Barreefamaa, Uffata danbii, Meeshaalee dhumataa, meeshaalee Qulqullinna meeshaalee elekirooniksii addad addaa fi farnicharoota garagaraa caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bituu barbaada.

Haaluma kanaan Dorgomtoonni ulaagaa armaan Gadii Guuttan Dorgomuu ni Dandeettu.

1.Kallattiin Dameen Hayyama Daldalaa secara qa beessa kan qabufi Hayyama haarome bara 2018 kan qabu'

2.Waraqaa Ragaa Qulqullummaa Gibira Moo- tummaa Bara 2018 Kan Dhiyeeffachuu Danda'u.

3.Waraqaa Raga Dhiyeessummaa,Lakkoofsa TIN, VAT Galmaahaa Kan ta'e fi Dhiyeefachu Kan Danda'u.

4.Dorgomtoonni Guyyaa Beeksifni Calbaasii Kun Bahe Irraa Kaasee Ibsa Dokumentii Sanada Caalbaasicha Qarshii Hin Deebine 500(dhibba shan) akkawuntii baankii daldala Itiyoophiyaa 1000115558009 jedhu irratti galchuun sanada caalbaasii waajjira maal- laqa aanaa Diinshoo irraa bitachuun ni dandeettu

5. Dorgomtoonni wabii kabachisaa caalbaasii ykn CPO qarshii 40,000 (Kuma afurtama )ETB postaan saamsuun wabii kabachisaa caalbaasii jedhee irratti barreessun dhiheffachuu qaba.(xalayaa CPO dhiyaatu hin fudhannu)

6.Dorgomtoonni sanada ittiin dorgoman sanada teknikaalaa orjinaala fi kooppii akkasuma faayinaan- shaala orjinaalaa fi kooppii poostaa adda addaatiin saamsanii dhiyeefachuu qabu.

7.Dorgomtoonni moo'achuu isaanii xalayaad- haan erga ibsamee guyyaa shan booda,guyyaa jahaffaa irraa eegalee guyyaa 15 keessatti walii galtee mallat- teessuu qaba.

8.Ragaan dorgomaan dhiyeefatu Haqaama fi laaqama yoo qabatee fudhatama hin qabuu

9.Dorgomtoonni sanada Caalbaasii samiinsam- suun sanduuqa caalbaasii kanaaf qophaa'e kessa gal- chuu qabu.

10. Sanadni dorgommii caalbaasi kan banamu guyyaa beeksifni caalbaasii kun gaazexaa kallacha oromiyaatiin qilleensa irra oole kaasee guyyoota hojii walitti aanan 15 qilleensarra turuun guyyaa 16ffaa waajjira mallaqaa aanaa Diinshoo kutaa itti gaafatamaatti sa'aatii 4:00tti saamsamee, guyyama kana sa'aatii 4:30tti bakka dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni seeraa jiranitti kan banamu taha. dorgomtoonni guyyaa kanatti sanadoota hayyama hojii(legal licence) originala har- katti qabatanii dhiyaachuu qabu

11. Guyyaan baniinsa caalbaasii guyyaa Sanbataa fi Dilbataa Akkasumas Guyyaa Ayyaanaaa irra yoo oole guyyaa hojii itti aanu Iddoo gubbaatti tuqamee fi sa'atii jedhametti kan banamu ta'a.

12. Mo'ataan caalbaasii bu'aa caalbaasii erga bee- kee kabachiisa waliigaltee gatii walii galaa caalbaasii mo'ate kessaa 10% Baankiin Kan mirkanaa'e(CPO) ykn dhaabbata inshuraansii beekamaa irraaa Qabsii- suu Qabaa

13. Waajjirichi Filannoo Addaa Yoo argate Cal- basichaa guutuun guututtii Ykn gartokken haquu ni danda'a.

Odeeffannoo dabalataaf :- Lakk bilbbilaa 0932128312 ykn 0912254855 Waajjira Mallaaqaa Go- dina Baaleetti

Waajjira Mallaqaa Aanaa Diinshoo


Tender details

  • Deadline: 2026-09-07
  • Bid closing time: 10:30
  • Bid closing (note): Guyyoota hojii walitti aanan 15 qilleensarra turuun guyyaa 16ffaa waajjira mallaqaa aanaa Diinshoo kutaa itti gaafatamaatti sa'aatii 4:00tti
  • Bid opening: 2026-09-07 10:30
  • Bid opening (note): Guyyoota hojii walitti aanan 15 qilleensarra turuun guyyaa 16ffaa waajjira mallaqaa aanaa Diinshoo kutaa itti gaafatamaatti sa'aatii 4:30tti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjira Mallaqaa Aanaa Diinshoo
  • Bid bond: Qarshii 40,000.00
  • Bid document price: Qarshii 500.00
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 20, 2026)
  • Posted at: 2026-08-26T09:12:11.000Z
← Back to all tenders