Cleaning and Janitorial Equipment and Service
Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Waajjira Maallaqaa Bul/Magaala Shaambuu meeshaalee barreeffamaa, meeshaalee qulqullinaa, meeshaalee biiroo keessaa, elektirooniksii, farniicharoota, gommaa konkolaataa, uffata seeraa hojjettootaa daldaltoota hayyama seer
Cleaning and Janitorial Equipment and ServiceStationeryOffice Supplies and Services
Oromia
More tags
Equipment and AccessoriesElectrical, Electromechanical and ElectronicsComputer and AccessoriesIT and TelecomOffice Machines and AccessoriesSpare Parts and Car Decoration MaterialsTextile, Garments and UniformsTextile, Garment and LeatherShoes and Other Leather ProductsOffice FurnitureFurniture and FurnishingEnglish2merkatoGodina Horroo Guduruu Wallaggaatti Waajjira Maallaqaa Bul/Magaala Shaambuu
Description
Beeksisa Caalbaasii Ifaa Lakk. 01/2019
Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Waajjirri Maallaqaa Bul/Magaala Shaambuu bara bajataa 2019tiif Sekteroota Bulchiinsa Magaalichaa jala jiraniif:-
- meeshaalee barreeffamaa,
- meeshaalee qulqullinaa,
- meeshaalee biiroo keessaa,
- elektirooniksii,
- farniicharoota,
- gommaa konkolaataa,
- uffata seeraa hojjettootaa daldaltoota hayyama seera qabeessa qaban waldorgomsiisee caalbaasii ifaatiin bituu barbaada.
- Heyyama daldalaa seera qabeessa kan qabaniif gibira bara 2018/2019 kan haaromfattanii xalayaa caalbaasii irratti hirmaachuu danda'an (tax cleaners) waajjira A/T/Galiiwwanii irraa dhiyeeffachuu kan danda'u ta'uu qabu.
- Galmaa'ota taaksii dabalata qabeenyaa(VAT), galmee kaffalaa gibiraa (TIN Number) Waraqaa galmee ragaa daldalaa kan qabaniif ragaa kan dhiyeeffachuu danda'an.
- Galmee dhiyeessitootaa keessatti kan galmaa'anii ragaa dhiyeeffachuu kan danda'anii fi bittaa isaa Qarshii 20,000 (kuma digdama) ol ta'eef 3% (with holding) kaffaluuf fedhii kan qabu.
- Waajjirichi akka barbaachisummaa isaatti meeshaalee bitu hanga 20% dabalee ykn hir'isee kan bitu ta'uu isaa beekee kan dorgomu.
- Dorgomtoonni sanada caalbaasichaa Waajjira Galiiwwan Bulchiinsa Magaala Shaambuutii qarshii hin deebine 1000.00 (kuma tokko) kaffaluun sanada caalbaasii W/Mallaqaa Bulch/Magaala Shaambuu kutaa bittaa lakk.3 irraa fudhachuu dandeessu.
- Beeksifni kun guyyaa ba'ee irraa eegalee guyyoota hojii 15 (kudha shan) keessatti sa'aatii hojii mootummaatti 2:30-6:30tti akkasumas, sa'aatii booda 7:30-11:30 ta'ee gaafa guyyaa hojii 15ffaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Magaala Shaambuu kutaa bittaa lakk. 3tti sanada caalbaasii dhiyeessa gatii keessan poostaa kan cuqqaalameen ykn samsameen orijinaalaa fi koppii isaa sanduuqa caalbaasii mana hojii keenyaan qophaa'e keessa galchuu qabdu.
- Sanduuqni caalbaasichaa guyyoota hojii 15 (kudha shan) banaa ta'ee turuun gaafuma guyyaa kanaa sa'aatii 4:00 irratti cufamee guyyuma kana 4:30 irratti bakka dorgomtootni ykn bakka bu'oonni sirna baniinsa caalbaasichaa irratti hirmaatanii xalayaa bakka bu'iinsa seera qabeessa ta'e qabatanii argamanitti Waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Mag/Shaambuu kutaa bittaa lakk. 3ffaa keessatti ni banama. Yoo dorgomtootni ykn bakka bu'oonni hirmaachuu baatanis caalbaasichi ni banama.
- Dorgomtoonni kabachiisa wabummaa Qarshii 150,000 (kuma dhibba tokkoo fi kuma shantama) caalbaasii keessan waliin CPO baankiin mirkanaa'e maqaa waajjirichaan qabsiisuu qaba, akkasumas dorgomaan mo'ate gosa meeshaa mo'ate irratti mana hojiichaa waliin waliigaltee kan mallatteessuu fi meeshaa mo'ate irratti ida'ama waliigalaa keessaa dhibbantaa (%10) CPO qabsiisuu dirqama qaba.
- Akkaataa qajeelfama dabalata qabeenyaa (VAT) % 15 keessaa karaa mana hojichaa % 7.5 citee kan hafu yeroo ta'u maallaqa citeef nagahee seera qabeessa ni kenna, akkasumas akkaataa qajeelfama Ministeera Maallaaqaan bittaa mootummaa qarshii kuma digdamaa ol raawwatamuuf dhibbantaa (%3) kutee hambisuuf dirqama qaba ogeessaan ilaalamee walharkaa fudhiinsi ni godhama.
- Dorgomtootni caalbaasicha mo'atan hundi gosa meeshaa walii galtee raawwatan hunda baasii mataa isaaniin Waajjira Maallaqaa Bulch/Mag/ Shaambuutti dhiyeessuun galii gochuu qabu.
- Waajjirichi karaa fooyya'aa yoo argate guutummaa guututti ykn gar-tokkeen haquuf mirga qaba.
Bakka itti argamu :- Waajjira Maallaqaa Bul/Magaala Shaambuu Magaala Shaambuu
Fageenyi Magaalaa Shaambuu irraa hanga Magaalaa Finfinneetti km 314 daandii asfaaltii
Odeeffannoo dabalataaf lakk. 09-25-77-25-12/ 09-66-40-50-10/ 09-17-07-61-40 / 09-10-17-05-56
Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Waajjira Maallaqaa Bul/Magaala Shaambuu
Tender details
- Deadline: 2026-09-10
- Bid closing time: 10:00
- Bid closing (note): guyyaa 15 (kudha shan) sa'aatii 4:00 irratti
- Bid opening: 2026-09-10 10:30
- Bid opening (note): guyyaa 15 (kudha shan) sa'aatii 4:30 irratti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Waajjira Maallaqaa Bul/Magaala Shaambuu
- Bid bond: Qarshii 150,000.00
- Bid document price: Qarshii 1000.00
- Published on: Addis Zemen (Aug 25, 2026)
- Posted at: 2026-08-26T09:15:25.000Z