Equipment and Accessories
Godina Shawaa Lixaattii Waajjirrii Maallaqaa Aanaa Jalduu bara baajataa 2019'f Waajjira bulchinsa Aanaa Jalduutiif meeshaalee Elektirooniksii garaagaraa hojii instaaleeshinii fi tajaajila wiirtuu iddoo tokkoo (ME- SOB) caalbaasii ifaan waldorgomsiisee bit
Description
Beeksisa Caalbaasii Ifaa Marsaa 1ffaa Lakk.001/2019
Godina Shawaa Lixaattii Waajjirrii Maallaqaa Aanaa Jalduu bara baajataa 2019'f Waajjira bulchinsa Aanaa Jalduutiif meeshaalee Elektirooniksii garaagaraa hojii instaaleeshinii fi tajaajila wiirtuu iddoo tokkoo (ME- SOB) caalbaasii ifaan waldorgomsiisee bituu barbaada.
Ulaagaa dorgommii kanaaf barbaachisu
1.ffaa. Dorgomtoonni dame kanaan eyyama seeraa elektro mechanical kan qabanii fi gibira mootum- maa Bara 2018 kan kanfalee fi eeyyama hojii bara 2019 kan haaromfate ta'uu ragaa dhiyeeffachuu qaba.
2. faa. Dhaabbanii ykn namoonni caalbaasii kana irratti dorgomuuf dhiyaatan kabachiisa caalbaa-sii gatii waligalaa kenne irratii kan shallagamu % 10 CPO YKN maallaqa callaadhaan dhiyeffachuu qaba.
3. faa.Dorgomtoonni ykn dhaabbanni ulaagaalee ar- maan olitti caqasaman guutuu danda'an guyyaa beeksisni Kun bahe irraa eegalee guyyoota hojii walitti aanan 15'f maallaqa hin deebine qarshii 500 (dhibba shan) waajjiira A/T/Galiiwwan Aanaa jalduutii galii gochuun naga'ee fudhattanii sanada caalbaasichaa dhimma kanaaf qophaa'e waajjira maallaqaa Aanaa Jalduutii sa'aatii hojiitti fudha- chuu ni dandeessu.
4.ffaa. Dorgomaan Sanada Oriijinaalaa faayinaan- sii fi teekibika koppii kophaatti tokkoon tokkoon fuula isaa irratti chaappaa fi fi mallattoon mirkan- eessuun bakka tokkotti postaa guddaa keessa gal- chuun samsee akkasuams kooppii faayinaansii fi teekinikaa kophaa kophaatti tokkoon tokkoon fuula isaa irratti chaappaa fi mallattoon mirkanees- suun bakka tokkotti postaa guddaa keessa galchu- un deebisuu qaba.
5. ffaa. Saanduqni caalbaasii gaafa guyyaa 16ffaa sa'a duraa sa'aatii 3:00 tti cuqqallamee guyyuma sana sa'atii 3:30 irratti bakka dorgomtoonni ykn bakka buutonni isaanii argamanitti kan saaqamu ta'ee guyyaa kana dorgomaan ykn bakka bu'aan dorgomaa yoo dhiyaachuu baate komii tokko illee keessummeessuu kan hin dandeenye ta'uu fi guyyaan 16ffaan guyyaa ayyaanaa yoo ta'e guyyaa hojii itti aanuti kan darbu ta'uu ni beeksisna.
6. ffaa. Meeshaaleen Kan itti dhiyyaatu Godina sha- waa Lixaa Aanaa Jalduu Magaalaa Goojjoo yoo ta'u. Fageenya Magaalaa Finfinneerraa KM 127 ta'a,
7. ffaa. Waajjirichi mala biroo fooyya'aa yoo argate caalbaasicha gar-tokkeen ykn guutummaan haquufmirga guutuu qaba.
Godina Shawaa Lixaattii Waajjirrii Maallaqaa Aanaa Jalduu
Tender details
- Deadline: 2026-09-04
- Bid closing time: 09:00
- Bid closing (note): Guyyaa 16ffaa sa,aatti 3:00tti
- Bid opening: 2026-09-04 09:30
- Bid opening (note): Guyyaa 16ffaa sa,aatti 3:30tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Godina Shawaa Lixaattii Waajjirrii Maallaqaa Aanaa Jalduu
- Bid bond: 10%
- Bid document price: Qarshii 500.00
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 20, 2026)
- Posted at: 2026-08-26T11:19:16.000Z