Stationery

Godina Wallaggaa Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Boojji Coqorsaa bara baajetaa 2019tti Meeshaalee Barreeffamaa fi dhumataa, Meeshalee Ijaarsaa, Gommawwan konkolaataa fi Dodhokee/motor saayiklii/, Meeshalee Eleektirooniksii, Farniicherootaa fi uffata Se

Description

Beeksisa Caalbaasii Bittaa Meeshaalee

Godina Wallaggaa Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Boojji Coqorsaa bara baajetaa 2019tti Meeshaalee Barreeffamaa fi dhumataa, Meeshalee Ijaarsaa, Gommawwan konkolaataa fi Dodhokee/motor saayiklii/, Meeshalee Eleektirooniksii, Farniicherootaa fi uffata Seeraa hojjettootaa caalbaasii ifaatiin wal dorgomsiisee bituu barbaada.

Ulaagaalee Barbaachisan

1.Hayyama daldaalaa hojii kanaaf barbaachisu kan bara 2019 kan haareffatan.

2.Waraqaa Ragaa dhiyeessumaa kan haara'e Qaama aangoon kennameefiin ykn qaama inni bakka buuse irraa dhiyeeffachuu kan danda'u.

3.Kabachiisa caalbaasiif IMX yoo ta'e qama isa gurmeesse irraa waraqaa wabummaa dhiyeeffachu qaba, dorgomaa dhunfaa yoo ta'e qarshii 50,000/kuma shantama/ CPO Baankiin mirkanaa'ee ykn Qarshii callaa dhaan tokkoon tokkoo gosa dorgomuutti dhiyeeffachu qaba.

4. Ragaa VAT fi TIN dhiyeeffachuu kan dan- da'u.

5.WIMX yoo ta'e Waraqaa ragaa qaama seerummaa waajjira Daldaalaa carraa hojii uumuu fi Inveesti- mentii irraa kennamu kan haara'e dhiyeeffachuu kan danda'u.

6. Dorgomaan sanada ittiin dorgomu kan teekinikaa Oriijinaalaa fi koppii akkasumas faayinaan- sii orijiinalaa fi kooppii poostaa qofa qofaan cufamee poostaa tokko keessatti saamsamee dhiyeeffachuu qaba, akkasumas Maqaa, Mallattoo fi chaappaa dhaab- batichaa,lakkoofsa bilbilaa,Fax yoo qabaate itti guutu- un dhiyeessuu qaba.

7.Dorgomaan dogongoraan poostaa orijinaalaa fi kooppii wal jala yoo fuudhe (misplacement) caalbaa- siin isaa kufaa ta'e.

8.Dookumentii caalbaasii qophaa'e waajjira Maallaqaa Aanaa B/Coqorsaa irra qarshii hin deebine 500/dhibba shanii/n bitatee galma'uu kan danda'u.

9. Caalbaasichii guyyaa inni Gaazexaa kallacha Oromiyaa irratti maxxanfamee ba'ee kaasee guyyaa hojii 15 f qilleensa irra turee gaafa guyyaa 16ffaa sa'atii 4:00 irratti cufamee gaafasuma sa'atii 4:30 irratti banama.haata'u malee guyyaan 16ffaan sanbata yoo ta'e guyyaa itti aanutti ni darba.

10.Waajjirri Filannoo biraa yoo argate caalbaa- sicha guutumman guututtis ta'e gartokkeen haquu ni danda'a Odeeffannoo dabalataaf Lak.Bilbilaa 0934708790 ykn 0917892344

Waajjira Maallaqaa Aanaa Boojji Coqorsaa


Tender details

  • Deadline: 2026-09-07
  • Bid closing time: 10:00
  • Bid closing (note): Guyyaa hojii 15 f qilleensa irra turee gaafa guyyaa 16ffaa sa'atii 4:00tti
  • Bid opening: 2026-09-07 10:30
  • Bid opening (note): Guyyaa hojii 15 f qilleensa irra turee gaafa guyyaa 16ffaa sa'atii 4:30tti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Aanaa Boojji Coqorsaa
  • Bid bond: Qarshii 50,000.00 tokkoon tokkoo gosa
  • Bid document price: Qarshii 500.00
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 20, 2026)
  • Posted at: 2026-08-26T13:55:22.000Z
← Back to all tenders