Stationery
Godina Wallagaa Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Yuubdoo baajeta bara 2019tiin Waajjiroolee Aanichaaf Meeshaalee Barreeffamaa, Meeshaalee Qulqullinaa, Meeshaalee Elektirooniksii, Meeshaalee Farnicherii, Meeshaalee Ijaarsaa, Meeshaalee leenjii KBLTO, Uff
More tags
Description
Beeksisa Caalbaasii Bittaa Meeshaalee Marsaa 1ffas,
Godina Wallagaa Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Yuubdoo baajeta bara 2019tiin Waajjiroolee Aanichaaf:- Meeshaalee Barreeffamaa, Meeshaalee Qulqullinaa, Meeshaalee Elektirooniksii, Meeshaalee Farnicherii, Meeshaalee Ijaarsaa, Meeshaalee leenjii KBLTO, Uffata seeraa hojjetoota Mootummaa Gommaa Konko- laataa fi Motor Saayiklii Wal-dorgomsiisee bituu barbaadaa;
kanaafa dorgomtoonni Ulaagaa armaan gadii guuttan dorgomuu dandeessu.
Ulaagaalee dorgomichaaf guutamuu qaban
1. Heyyama hojii Daldalaa bara 2019tti kan haar- effate.
2.100 Waraqaa Ragaa Galmeessa Daldalaa Dhiyeef- achuu kan danda'u.
3. Waraqaa ragaa dhiyeessummaa dhiyeefachuu kan danda'u.
4. Gibira bara 2018 kaffalu isaaniif waraqaa Qulqullinaa Waajjira A/T/Galiwwanii irraa dhiyeefa- chuu kan danda'u
5. Galma'aa dabalata taaksii (VAT) fi Kaffalaa gibiraa /TIN/ ta'uu isaaniif ragaa dhiyeessuu kan danda'an
6.Kabachiisa caalbaasiif qabsifamu gatii tilmaa- ma bittaa waligalaa bu'uura godhachuun 1% Maallaqa baankiin mirkanaa'e /CPO/ cheekiin tokko tokkoo meeshaalee irratti dorgoman irratti qabsiisuu kan dan- da'u ta'ee; qaamaa kam irraayyuu bakka CPO degger- si barreefamaa dhiyaatu fudhatama kan hinqabnedha; Ragaan CPO postaa qofaa isaan saamsamee dugda poostichaa irratti maqaa, mallattoo, chaappaa fi gosa meeshaalee irratti dorgomamuf galchatee barraa'ee dhiyaachuu qaba
7. Dorgomaan mo'ate gatii waligalaan 10% ka- bachiisa waligalteef qabsiisuu qaba.
8. Ragaan Tekinikaa orjinaalaa fi koppiin poostaa adda addaatiin saamsamee poostaa tokko kees- satti ammas saamsamee dhiyaachuu qaba
9.Ragaan Faayinaansii orjinaala fi koppiin poostaa adda addaatiin saamsamee poostaa tokko kees- satti ammas saamsamee dhiyaachuu qaba
10. Poostaan dhiyaatu hundii maqaa dorgomaa, teessoo/Adress/, Chaappaa, mallattoo dorgomaa fi waan irratti dorgomu adda baasee fuula postichaa irratti dhi- yeessuu qaba.
11. Dorgomaan dhiyaatuu bara 2018tti dhiyeessi raawwatee irratti dhiyeessicha Yeroo fi qulqullinaan dhiyeessuu isaa qaama dhiyeesseef irraa waraqaa qul- qullinaa dhiyeefachuu qaba; (heyyama haaraa hin ilaal- latu)
12. Meeshaalee qulqullina qabu dhiyeessuu kan danda'an.
13. Meeshaalee kana hanga mana kuusaa Waajji- ra Maallaqaa A/Yuubdootti dhiyeessuu qaba.
14. Ragaan tekinikaa dorgommiif dhiyaatuu fi Gatiin ittiin dorgomamuuf sanada irratti guutame haqaa fi laaqaa qabaatee jennaan ragichi fudhatama qabaa- chuu hin danda'u.
15. Guyyaa beeksisi kun maxxanfamee kaasee poostaa saamsameen W/Maallaqaa A/Yuubdoo kutaa lakk.2tti kan dhiyeeffatu.
16. Sanada caal-baasii dorgomaan W/Maallaqaa A/Yuubdoo kutaa-2(lama) dhufee kan hin deebinee qar.500 (dhibba shan) W/A/T/Galiwwaniitti kaffaluun bitachuu dandeessu.
17.Meeshaalee Barreefamaa, Uffata seeraa fi Qul- qullinaa irratti guyyaa dorgommichaa Saamuda ykn Naamuunaa dhiyeessuu qaba. Saamudi dhiyaatu Dasx- aa,Pakkoo fi Lakkoofsaan adda bahee akkaataa sanada caalbaasii irratti qophaa'eetti dhiyaachuu qaba.
18. Caalbaasiin kun qilleensarra kan turu guyyoo- ta hojii 15 guyyyaa 14/12/2018 irraa eegalee hanga guyyaa 04/13/2018 sa'aatii 10:30 irratti cufama.
19. Guyyaa caal-baasiin banamu gaafa 05/13/2018 sa'aatii 3:30 irratti bakka dorgomtoonni ykn bakka bu'onni jiraniitti kan banamu ta'e, bakka bu'aan xa- layaa seera' qabeessa qaama bakka buusee irraa kan dhiyeefatu ta'ee; dorgomaan ykn bakka bu'aan argamu dhabuun caalbaasicha banamu hindangeessu.
20. Waldaan IMX nama dhuunfaa waliin dor- goman akkaataa qajeelfama Bittaa Mootummaa N/O/ Lakk.02/2004 bara 2004baheen deggersi ni godhamaaf
21.Waajjirichi haala mijataa yoo argate Caal-baasicha gar- tokkees ta'ee; guutummaan guutu- utti haquuf mirga guutuu qaba.Odee fannoo dabalataaf lakk. Bilbilaa moobaayilii 0910174188, 0929015984 tiin gaafachuu ni dandeessu.
Waajjiraa Maallaqaa Aanaa Yuubdoo
Tender details
- Deadline: 2026-09-09
- Bid closing time: 16:30
- Bid opening: 2026-09-10 09:30
- Region: Oromia
- Publishing entity: Waajjirri Maallaqaa Aanaa Yuubdoo
- Bid bond: 1%
- Bid document price: Qarshii 500.00
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 20, 2026)
- Posted at: 2026-08-26T14:03:00.000Z