Stationery

Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Waajjirri Maallaqaa Bul. Magaalaa Asallaa tajaajila waajjiraalee magaalaatiif kan oolu

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa Lakk.01/2019

Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Waajjirri Maallaqaa Bul. Magaalaa Asallaa tajaajila waajjiraalee magaalaatiif kan oolu.

  1. Meeshaalee barreessa gosa adda addaa
  2. Meeshaalee qulqullina gosa adda addaa
  3. Kompitaraa fi meeshaalee isa waliin deeman
  4. Uffata dambii (uffata seeraa)
  5. Gatii hodhaa harka uffata seeraa
  6. Meeshaalee biiroo (furniture)
  7. Gommaa konkolaataa caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bituu waan barbaaduuf ulaagaalee caalbaasichaa kan guuttan hunduu akka dorgomtan ni affeera.

1. Hayyama daldalaa damee isaatiin kan haaromfame yookaan xalayaa qulqullinaa waajjira A.T.Galiiwwanii irraa dhiyeessuu kan danda'u.

2. Galmaa'aa VAT kan ta'e.

3. TIN kan qabu.

4. Facaatii dhiyeessitootaa keessatti kan galmaa'e (Supply list Registration EGP) kan qabuu fi ragaalee lakk. 1-4 eeraman guutan ragaa isaanii orjinaalaa fi koppii isaa sanada caalbaasii waliin qabsiistanii dhiyeessuu qabdan.

5. Dorgomtoonni sanada caalbaasii yookaan facaatii meeshaalee caalbaasiin kun beeksifni isaa Gaazexaa irratti guyyaa bahe irraa eegalee guyyoota walitti aanan 15 (kudha shaniif) lootii tokko tokkoo isaatiif Qarshii 500.00 (dhibba shan) kan hin deebine Baankii Siinqee lak.1051274171218 maqaa Asella Finance office centeral Treasure tiin galii gootanii nagahee qabattanii Waajjira Maallaqaa 'Ground yookaan 'basement' tti dhiyaachuun sanada bitachuu ni dandeessu.

6. Kabachiisa caalbaasii lootii I,III,IV,fi VI tokko tokkoo isaatiif Qarshii 120,000.00, lootii II,V fi VII tokko tokkoo isaatiif Qarshii 70,000.00 CPO Baankichaan mirkanaa'e qofa dhiyeessuu qabu.

7. Dorgomtoonni sanada faayinaansii orjinaalaa fi koppii, sanada teekiniikaa orjinaalaa fi koppii isaa poostaan adda baastanii hapheessiitanii saanduqa caalbaasii kanaaf qopha'e keessatti galchuu qabdu.

8. Guyyaa caalbaasichi itti saaqamu caalbaasichi guyyaa Gaazexaa irratti bahee irraa kaasee guyyoota walitti aanan 15 (kudha shan) sanada yaada dorgommii bitachuun ni danda'ama. Gaafa guyyaa 16 sa'aa 8:00tti waaree booda cufamee guyyuma sana sa'aa 8:30tti waaree booda bakka dorgomtoonni yookaan nama seeraan bakka buusanii fi taajjabdoonni jiranitti saanduqni ni saaqama. Guyyaa 16ffaa kana yoo Ayyaana ta'e yookaan Waajjirri cufaa ta'e guyyaa itti aanu saʼaatii eerametti ni saaqama.

9. Moo'ataan caalbaasichaa kan adda bahu, gamaaggama teekinikaa darbee gamaaggama faayinaansii gatii gadi aanaa dhiyeesseen ta'a.

10. Meeshaaleen saamunni dhiyaatuu qaban qajeelcha caalbaasii keessatti ibsameera.

11. Moo'ataan caalbaasichaa moo' achuu isaanii erga itti himamee (beeksifamee) guyyaa shan (5) keesatti kabachiisa waliigaltee qabsiisee waliigaltee mallatteessuu qaba. Meeshaalee hundaa baasii ofitiin hanga Waajjira Maallaqaa Bu.Magaalaa Asallaatti ni dhiyeessa.

12. Waajjirichi bittaa raawwatu keessaa %20 dabaluu yookaan hir'isuu ni danda'a.

13. Waajjirichi carraa biroo yoo argate caalbaasicha guutummaa guututti yookaan walakkaan haquu ni danda'a.

Odeeffannoo caalmaatiif: 09 11 83 72 44/ 09 78 57 91 91 bilbiluun gaafachuun ni danda'ama.

Bulchiinsa Magaalaa Asallaatti Waajjira Maallaqaa Magaalaa Asallaa


Tender details

  • Deadline: 2026-09-10
  • Bid closing time: 14:00
  • Bid closing (note): guyyaa 16 sa'aa 8:00tti
  • Bid opening: 2026-09-10 14:30
  • Bid opening (note): guyyaa 16 sa'aa 8:30tti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Bulchiinsa Magaalaa Asallaatti Waajjira Maallaqaa Magaalaa
  • Bid bond: Lootiidhaan adda addaa dha
  • Bid document price: Qarshii 500.00 tokkoon tokkoon
  • Published on: Addis Zemen (Aug 26, 2026)
  • Posted at: 2026-08-26T14:05:22.000Z
← Back to all tenders