Stationery

Godina Qellem Wallaggaatti Waajjira Maallagaa Aanaa Gidaamii Meeshaalee barreeffamaa, Meeshaalee qulqullinaa, Meeshaalee dhumatoo, Meeshaalee dhaabbii (elektirooniksii fi farnicheroota), Uffata seeraa fi Gommaa konkolaataa caalbaasii ifaatiin bituu barbaa

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa

Godina Qellem Wallaggaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gidaamii bara baajataa 2019tti

  1. Meeshaalee barreeffamaa,
  2. Meeshaalee qulqullinaa,
  3. Meeshaalee dhumatoo,
  4. Meeshaalee dhaabbii (elektirooniksii fi farnicheroota),
  5. Uffata seeraa fi
  6. Gommaa konkolaataa caalbaasii ifaatiin bituu barbaada.

Ulaagaa dorgommiif barbaachisan:

  1. Heyyama bara 2019 kan haareffate.
  2. Gibira bara 2018 kan kaffale ta'uu qaba.
  3. Dorgomaan waraqaa ragaa /TIN/galmaa'ee kan qabu.
  4. Dorgomaan waraqaa ragaa galmaa'aa VAT kan ta'e.
  5. Dorgomaan galmee dhiyeessitootaa keessatti galmaa'uu isaa ragaa dhiyeeffachuu kan danda'u,
  6. Dorgomaa sanada dorgommii maallaqa hin deebine qarshii 1000 (kuma tokkoo) bitachuu kan danda'u.
  7. Dorgomaan sanada dorgommii meeshaalee barreeffamaa, qulqullinaa fi dhumatoo poostaa tokkoon meeshaalee dhaabbii elektirooniksii poostaa tokkoon, farnicheroota poostaa tokkoon, uffata seeraa immoo poostaa biroon godhee hunda isaa poostaa guddaa tokkoongodhee orijinaalaa fi koppiin dhiyeessuu qaba. Dorgomaan gosaheyyama irratti qabu qofa dorgomuuf mirga qaba. Poostaan hundi gagaan samsamee dhiyaachuu qaba.
  8. Dorgomaan ragaa dorgommiif barbaachisan poostaa irratti meeshaa irratti dorgomu maqaa dhaabbataa, teessoo, lakkoofsa bilbilaa, mallattoo fi chaappaan mirkaneessee poostaa keessagalchuu qaba.
  9. Sanadi caalbaasii dhiyaatu barreeffama ifaa (haqaa fi laaqa) kan hin qabne ta'uu qaba.
  10. Dorgomaan mo'ate meeshaalee gaafatame hunda Waajjira Maallaqaa Aanaa Gidaamiitti walii galteedhaan uumee waggaa guutuu dhiyeessuu qaba.
  11. Dorgomaan kabachiisa caalbaasii dorgommii booda kan deebi'uu fi yoo dhiyeessuu dadhabe kan dhaalamu maallaqa callaa Qarshii 25,000 (kuma digdamii shan) ykn CPO baankii aanaa keenya keessatti argamu qabsiisee sillippii isaa dhiyeeffachuu qaba.
  12. Mo'ataan caalbaasichaa kabachiisa walii galtee gatii ittiin mo'ate 10% qabsiisuu kan danda'u ta'uu qaba.
  13. Dorgomaan guyyaa 20/12/2018 hanga 21/01/2019 sa'aatii hojii mootummaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Gidaamii lakk. 7tti dhiyyaatee sanada dorgommii bitachuu qaba.
  14. Guyyaa saanduqi caalbaasii itti cufamu gaafa 21/01/2019 sa'aatii 11:30tti ta'a.
  15. Guyyaa poostaan sanada caalbaasii itti banamu gaafa 23/01/2019 sa'aatii 3:00tti bakka dorgomtoonni ykn bakka bu'aan seeraa argamanitti Waajjira Maallaqaa kutaa lakk. 7tti ta'a.

Hubachiisa:- Waajjirichi filannoo biraa yoo argate caalbaasicha gar- tokkeen ykn guutummaan guutuutti haquuf mirga qaba. Akkasumas, dorgomaan argamuu dhabuun baniinsa caalbaasii kanaa hin gufachiisu.

Godina Qellem Wallaggaatti Waajjira

Maallagaa Aanaa Gidaamii


Tender details

  • Deadline: 2026-10-01
  • Bid closing time: 17:30
  • Bid opening: 2026-10-03 09:00
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Godina Qellem Wallaggaatti Waajjira Maallagaa Aanaa Gidaamii
  • Bid bond: Qarshii 25,000.00
  • Bid document price: Qarshii 1000.00
  • Published on: Addis Zemen (Aug 27, 2026)
  • Posted at: 2026-08-27T10:24:46.000Z
← Back to all tenders