Equipment and Accessories
Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Habaaboo Guduruu bara baajata 2019tti beeksisa caalbaasii ifaa baasuudhaan bittaa meeshaalee adda addaa raawwachuu barbaada.
More tags
Description
Beeksisa Caalbaasii Ifaa
Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Habaaboo Guduruu bara baajata 2019tti beeksisa caalbaasii ifaa baasuudhaan bittaa meeshaalee adda addaa raawwachuu barbaada.
Gosa bittaa dhiyaate:
Lottoo Tokkoon. Meeshaalee armaan olitt ibsaman elektironiksii, farnicherii (meeshaalee biiroo keessaa), gommaa konkolaataa, meeshaalee barreeffamaa ,meeshaalee qulqullinaa, meeshaalee dhumataa fi uffata seeraa hojjettoota mootummaaf.
Kanaafuu, namoota eeyyama isaa qaban dorgomsiisee bituu waan barbaadeef namoonni eeyyama isaa qabdan ulaagaa armaan gadii guuttan akka dorgomtan isin affeerreerra.
Ulaagaalee barbaachisan:
- Eeyyama daldalaa haara'e kan bara 2019 kan qabuu fi gibira bara kanaa kaffalee fi kaffaluu isaa waraqaa ragaa Waajjira Galiiwwanii irraa kan dhiyeessu.
- Tarreeffama dhiyeessitootaa keessatti galmaa'aa kan ta'e.
- Galmaa' aa VAT kan ta'ee fi TIN No. kan qabu.
- Sanada caalbaasichaaf barbaachisu qarshii 1000.00 (kuma tokkoon) Waajjira Galii Aanaa Habaaboo Guduruutii kan hin deebine kaffalee Waajjira Galiiwanii Aanaa Habaaboo Guduruu irraa bitachuu kan danda'u.
- Lottoo tokkoon kabachiisa caalbaasii meeshaalee qarshii 150,000 (kuma dhibba tokkoo fi kuma shantama) CPO qabsiisuuf fedha kan qabu. Maallaqa kabachiisa sanadaaf maqaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Habaaboo Guduruu kan qabsiisuu danda'u, ta'ee caalbaasiin calalamee mo'ataan adda bahee meeshaan erga dhiyaatee booda kan deebi'u ta'a.
- Kabachiisa waliigalteef qarshii waliigalaa keessaa 10% kan qabsiisuuf fedha qabu ta'ee meeshaaleen inni mo'ate yeroo fi qulqullinaan erga dhiyeessee booda kan deebi'u ta'a.
- Dorgomaan meeshaalee mo'ate yeroo fi quiqullinaan yoo dhiyeessuu baate kabachiifni waliigaltee fi kabachiifni caalbaasii dorgomaan qabsiise kan dhaalamu ta'a.
- Dorgomaan meeshaalee mo'ate meeshaalee qulqullinaa, meeshaalee barreeffamaa, uffata seeraa fi akkasumas kan barbaachisaa jedhee itti yaadee samuda/sample/ dhiyeessuu qaba.
- Dorgomaan meeshaalee mo'atetti qaamaan dhiyaatee waliigaltee mallatteessuu qaba.
- Dorgomaan sanada kamiyyuu orjinaalaa fi waraabbii (koppii) qofa qofaatti
poostaa gagaan saamsee hunda isaa bakka tokkotti poostaa guddaan gagaan saamsee dhiyeessuu qaba. - Dorgomaan kamiyyuu ulaagaa barbaachisaa ta'e hunda guutuu qaba.
- Daldalaan meehaalee mo'ate hanga man-kuusaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Habaaboo Guduruutti kan dhiyeessu ta'a.
- Sanadi caalbaasii guyyaa beeksifni kun bahee kaasee guyyoota hojii mootummaa 21f kan gurguramu ta'ee, saanduqni caalbaasii gaafa guyyaa 21ffaa sa'aatii 10:00tti kan cufamu ta'a.
- Caalbaasichi guyyaa 21f qilleensa irra erga turee booda gaafa guyyaa 22ffaa bakka dorgomaan/bakka bu'aan seeraa jirutti Waajjira Maallaqaa Kutaa Adeemsa Bittaa lakkofsa 11tti sa'aatii 2:30tti kan banamu ta'ee dorgomaan sanada galchee baninsa isaa irraa yoo hafe caalbaasicha banuuf kan hin gufachiifne ta'uu isin beeksifna.
- Hubachiisa: Waajjirichi gatii fooyya'aa ykn filannoo biroo yoo argate caalbaasicha guutummaanis ta'ee gar-tokkeen haquuf mirga guutuu qaba. Dorgomaan baninsa caalbaasii irratti yoo hin argamne caalbaasicha banuuf hin gufachiisu.
Odeeffannoo dabalataaf Gaazexaa Bariisaa gaafa guyyaa 20/12/2018 bahe irraa dubbisuun ni danda'ama.
Odeeffannoo dabalataaf lakk. bilbilaa: 09 17 03 29 05 / 09 17 71 14 37
Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Habaaboo Guduruu
Tender details
- Deadline: 2026-09-19
- Bid closing time: 16:00
- Bid closing (note): guyyaa 21ffaa sa'aatii 10:00tti
- Bid opening: 2026-09-21 08:30
- Bid opening (note): guyyaa 22ffaa sa'aatii 2:30tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Habaaboo Guduruu
- Bid bond: Qarshii 150,000.00
- Bid document price: Qarshii 1000.00
- Published on: BARRIISAA (Aug 26, 2026)
- Posted at: 2026-08-27T11:54:52.000Z