Cleaning and Janitorial Equipment and Service
Waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu: Beeksisa Caalbaasii Ifaa Lakk. 01/2019
Description
Beeksisa Caalbaasii 01/2019
Waajjirri Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu dhiheessitoota eeyyama daldalaaseera qabeessa qaban caalbaasiidhaan waldorgomsiisee;
- meeshaalee barreessaa, qulqullinaa, elektironiksii, labtooppotaa fi desktooppota,
- gommaa konkolaattota adda addaa fi kkf bituu barbaada. Dorgomaan caalbaasicha irratti hirmaachuuf fedhii qabu ulaagaa armaan gadii fi qajeeltoowwan dorgomtootaa irratti kaa'amu guuttachuudhaan dorgomuu danda'a.
1. Eeyyama daldalaa bara 2019f kan haaromfatee fi ragaalee seera qabeessa ta'an hunda dhiheeffachuu qabu.
2. Sanada caalbaasichaa Lootii hunda kan hin deebine Qr 1000 (kuma tokko) baankii Siinqee lakk. herregaa 1064473351216 maqaa Waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuutiin galii gochuudhaan nagahee Waajjira Galii Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuutii fudhachuudhaan guyyaa caalbaasiin kun qilleensa irra oolee jalqabee hanga gaafa 2/1/2019tti qofa Waajjira Maallaqaa Adeemsa Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenyaatii bitachuun ni danda'ama.
3. Dorgomtoonni sanada caalbaasichaa haala qajeeltoowwan dorgomtootaa irratti bu'uureffachuun qapheeffachuu qabu.
4. Kabachiisa caalbaasii kan Lootii hundaa bakka tokkotti Qr 100,000 (kuma dhibba tokko) bifa CPO n ykn "bank guaranty" maqaa Waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuutiin dhiheessuun dirqama.
5. Dorgomaan gatii sanada caalbaasichaa 'ORIJINAALA' Lootii lootiidhaan adda addatti poostaa adda addaatiin saamsuudhaan lootii isaa poostaa irratti barreessuun poostaa lootii hunda poostaa tokkoon saamsee, sanada teekinikaa tokko waliin saamsame dhiheessuu qaba. Gatiin meeshaalee samuudaa isaanii dhufanii of danda'ee qofaatti saamsamee dhihaachuu qaba.
6. Caalbaasicha gaafa 4/1/2019 sa'aa 8:00 irratti cufamee yeroodhuma sana sa'aa 8:30 irratti bakka dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni isaanii argamanitti ni banama.
7. Waajjirichi filannoo biroo yoo argate caalbaasicha gartokkoonis ta'e guutummaa guutuutti haquuf mirga ni qabaata.
Lakkoofsa bilbilaa:+2511114301758
Waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu
Tender details
- Deadline: 2026-09-14
- Bid closing time: 14:00
- Bid opening: 2026-09-14 14:30
- Region: Oromia
- Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu
- Bid bond: Qarshii 100,000.00
- Bid document price: Qarshii 1000.00
- Published on: Addis Zemen (Aug 28, 2026)
- Posted at: 2026-08-28T09:26:31.000Z