Stationery
Waajjirri Maallaqaa Aanaa Xiichoo, Bara baajataa 2019 seektaraalee Aanaa fi Gandoot Aanaa keennatiif oolu Meeshaalee Barreessaa, Qulqullinaa, Elektirooniksii,Meeshaa Dhaabbii/ Furniture Uffata Seeraa hojjettootaafi Uffata Ispoortii,Goommaa Konkolaataa fi
More tags
Description
Beeksisa Caalbaasii Ifaa Bittaa Meeshaalee Bara Baajataa 2019
Waajjirri Maallaqaa Aanaa Xiichoo, Bara baajataa 2019 seektaraalee Aanaa fi Gandoot Aanaa keennatiif oolu Meeshaalee Barreessaa, Qulqullinaa, Elektirooniksii,Meeshaa Dhaabbii/ Furniture Uffata Seeraa hojjettootaafi Uffata Ispoortii,Goommaa Konkolaataa fi Motoraa fi Meeshaalee Ijaarsaa mala bittaa caalbaasii ifaatiin wal -dorgomsiisee bituu barbaada.Kanaafuu:-
1.Bittaa gaafatameef, dorgomtoonni ragaa heeyyama daldalaa 2018/2019, ragaa kaffalaa taaksii dabalata Qabeenyaa (VAT), ragaa Lakkofsa kaffalaa gibiraa (TIN), fi waraqaa raga dhiyeessummaa bittaa /"Supplier List",akkasuma tokko tokkoo sanada caalbaasiitiif kabachiisa caalbaasii (CPO) meeshaalee barreessaa qar.20,000.00,qulqullinaa qar,5,000.00,elektirooniksii qar.20,000.00,meeshaa dhaabbii/furniture qar.20,000.00 uffata seeraa hojjettootaa fi uffata ispoortii qar. 10,000.00,goommaa konkolaataa fi motoraa qar.20,000.00 fi meeshaalee ijaarsaa qar.30,000.00,Baankii beekama ta'e irraa maqaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Xiichoo tiin qabsiifamee poostaa originaala keessa galuun dhihaachuu qaba,akkasuma dorgotoonni tokko tokkoo sanada caalbaasii dorgomaniif poostaa lama lama orijinaala fi kooppii qofa dhiheessuu qabu.
2.Dorgomtoonni Heeyyama hojii Daldalaa rogummaa/kallattii qabu/ "Licensing Category Code" kallattiin irratti bobba'aniin ala dorgomuu hin danda'an.
3. Dorgomtoonni xalayaa gibira bara 2018 kaffalanii xumuuruu isaanii fi xalayaa calbaasii irratti hirmaachuu isaan dandeessisu ragaa ji'a 6 /jahaa/ as yeroon daangeffamee kenname Waajjira Galiiwwan Sadarkaan jiru irraa dhiyeeffachuu kan qaban yoo ta'u, qaama caalbaasii baaseef xalayaan kallattiin kan barreeffame taanaan ragaan dhiyaatu oorjinaala ta'uu qaba. Ragaan dhiyaatu maqaa, gahee hojii fi Mallattoo Abbaa /qaama ragaa kennee/kan qabuu fi kan dubbifamu /mul'atu/ ta'uu qaba. Ragaan chaappaa hin qabne ykn. hin mul'anne, lakk. fi guyyaa ragaan itti kenname hin mul'anne /hin dubbifamne/ fudhatama hin qabu.
4.Dorgomtoonni sanada caalbaasii bitachuuf dhufan tokko tokkoo sanada caalbaasiitiif qarshii hin deebine qar.200.00/qarshii dhibba lama/ maqaa Waajjira Maallaqaa Aanaa xiichoo lakk. Acct 1071500940314 galii gochuun kutaa lakk. 08ti bitachuu ni danada'a.
5.Mo'ataan calbaasii meeshaalee dhiyeessuuf waliigaltee dhiyeessa bittaa itti mallatteesse baasii geejjiba isaatiin hanga Waajjira Maallaqaa Aanaa Xiichoo, Magaalaa Xiichootti argamutti dhiyeessuu kan danda'u ta'uu qaba.
6.Dorgomtoonni caalbaasii haala kamiinuu sirni adeemsa raawwii calbaasichaa jijjiirsisuufis ta'ee dogongorsiisuuf yaalii yoo kan godhan ta'e, maallaqni kabachiisa calbaasiitiif qabsiisan dhaalamee gara saanduqa mootummaatti galii gochuun caalbaasii gara fuulduraa bahu irratti akka hin hirmaanne ni godhama.
7. Waajjirichi saanduqni caalbaasii erga cufameen booda, dorgomtoota barfatan /"Late Bidders" keessummeessuu hin danda'u.
8. Guyyaa Beeksifni caalbaasii ifaa gaazexaa Kallacha Oromiyaa bahe irraa eegalee guyyaa hojii 15 qilleensa irra turee gaafa guyyaa 16ffaa sa'aatii 3:00tti kutaa lakk.08 cufamee,guyyama kana sa'aatii 3:30 bakka dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni argamanitti ni banama, haata'u malee dorgomaan ykn bakka bu'aan jiraachuu dhabuun baniinsa caalbaasii hin gufachiisu
9.Waajirichi carraa fooyya'aa biroo yoo argate caalbaasicha cinaanis ta'ee guutumaa guututti haquuf mirgi isaa eeggamaa dha. Odeeffannoo dabalataa 0922757196
Waajjira Maallaqaa Aanaa Xiichoo.
Tender details
- Deadline: 2026-09-14
- Bid closing time: 09:30
- Bid closing (note): guyyaa 16ffaa sa,aatti 3:00tti
- Bid opening: 2026-09-14 09:30
- Bid opening (note): guyyaa 16ffaa sa,aatti 3:30tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Aanaa Xlichoo
- Bid bond: Lootiidhaan adda addaa dha
- Bid document price: Qarshii 200.00 tokkoon tokkoof
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 27, 2026)
- Posted at: 2026-08-29T07:24:28.000Z