Stationery

Waajjiri Mallaqaa Aanaa Ejersa Lafoo Waajjiraalee Mootummaa Aanaa keessa jiraniif Meeshaalee tajaajila adda addaatiif olan dorgomsisee bituu barbaada

Description

Beeksisa Caalbaasii

Waajjiri Mallaqaa Aanaa Ejersa Lafoo Waajjiraalee Mootummaa Aanaa keessa jiraniif Meeshaalee tajaajila adda addaatiif olan gosoota Meeshaalee Barreessaa, Elektiroonicsii, Qulullinaa, Furnicharoota fi Afataalee adda addaa,Uffata seeraa Hojjatoota,Gommaa konkolaataa fi Gommaa Motorii sayikiloota k.k.f. Caalbaasi Ifaan Magaala Olankomii irrati dorgomsisee bituu barbaada:-

Ulaagaalee dorgomtoonnii guutachuu qaban

1. Hayyama seera qabeesa hojii kanaan ibsu kan qabuu fi gibira bara2018tti kan kanfaleef kan bara 2019tiif haroomsatte.

2. Lakkoofsa TIN dhiyefachuu kan danda'u.

3. Waraqaa ragaa dhiyeessuma kan dhiyyeeffatu kan danda'u.

4. Nagahee seera qabbeessa dhiyyeefachuu kan danda'u.

5. Gatiin guutamu VAT waliin tahuu fi dhisuun adda bahuu qaba.

6. Gatiin guutamuu qabu ispesifikeeshiinii irratti haala gaafatameen tahuu qaba.

7. Dorgomtooni Sanada caalbaasii guyyaa beeksifni kun gaazexaadhaan bahee eegalee guyyaa hojii 15 keessatii bitachuu ni daanda'aa. Gatiin sanadaa caalbaasi gosaa tokkoon tokkoo/lootii lootiidhaan /qarshii hin deebinee 400(Dhibbaa ja'a) kanfaluun Adeemsaa Bittaafi Bulchinsaa qabenyaatii Gamoo waajjiraa Bulchinsaa aanaa Ejersa lafootii dhiyaachuun bittachu ni dandeesu.

8. Dorgomtooni CPO qarshi 50,000(kuma Shantamaa) ykn maallaqaa caalaa Accounti Waajjiricha 1000169512438 Ejersa L/W/G/TS/BET K/BUDG irrati galii gochuun ragaa baanki Sanada wajjin dhiyeesu qaba waldaa IMXan gurmaa'an yoo ta'e lootii lootiidhaan qarshii 50,000/kuma shantama/ bakka dhaabbata isaan gurmeesse irraa xalayaa wabii, Email fi Telegram teessoo isaa ibsu barreessuun sanada caalbaasiin walqabsiisee dhiyeeffachuu kan danda'u.

9. Dorgomtooni gatii ittiin dorgoman Sanada irrati guttudhaan Orijinaalaa fi kopi postaa samiin cuqaalameen kophaa kophaa gochuun postaa tokkoti galchuun WM A/Ejersa Lafoo jechuun maqaa guutu dhaabbatichaa barreessun yeroo hunda sa'a hojii kamiinu Adeemsaa Bittaafi Bulchinsaa qabenyaatii Sanduqa kanaaf qophaa'e keessati galchu ni danda'u

10. Caalbaasiin kun Gazeexa kallacha Oromiyaan irratti bu'uura maxanneen gaafa guyyaa 21/12/2018 irraa kaasee hanga 7/1/2019 qilleensa irraa kan turu yammuu ta'u gaafuma kana sa'aatti 8:00 irrati cufame/samsaamee/ guyyumma kana sa'aatii 8:30tti Waajiira Maallaqa Aanaa Ejersa Lafoo kutaa Adeemsa Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenyaatii bakka dorgomtooni jiranitti ykn bakka bu'oonni iddoo argamaniti ni banama, dorgomtooni ykn bakka bu'oonni yoo argamanis argamu bataniis Sanadaa calbaasii banu wantii dhorkuu hin jiru.

11. Mo'ataan caalbaasi mo'achuu isaa beeke guyyaa 5 keessati waligaltee rawwachuu qaba.

12. Mo'ataan caalbaasi Meeshaale qulqullina isaani eegatan yeroofi baayina ajajamen guyyaa 15 kan hin caale keessati baasi barbaachisuu guutuu hagugun Waajira Maallaqa Aanaa Ejersa Lafootti dhiycessuu qaba.

13. Waajjirichi Filannoo biraa yoo argate calbaasicha gutummaan guutuutti 'ykn gar-tokken haquuf mirga gutuu qaba.

Odeeffannoo Dabalataa lakk. bilbilaa 0910162043/0910754778 fi 0913850308 bilbiluun gaafachuu ni danda'ama. Finfinnee irraa KM 67 irrati argama.

Go/Sh/Lixaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Ejersa Lafoo


Tender details

  • Deadline: 2026-09-17
  • Bid closing time: 14:00
  • Bid opening: 2026-09-17 14:30
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Go/Sh/Lixaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Ejersa Lafoo
  • Bid bond: Qarshii 50,000.00 sanada tokkoo
  • Bid document price: Qarshii 400.00 sanada tokkoo
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 27, 2026)
  • Posted at: 2026-08-29T07:59:31.000Z
← Back to all tenders