Stationery
Wajjiiri Mallaqaa Godina Shawaa Kaabaa Seektaroota Godinichaa jalaa jiraniif bara 2019 Meeshaalee bittuu barbaada.
Description
Caalbaasii Ifaa Bittaa Meeshaalee Marsaa 1ffaa
Lakk WM 001/2019
Wajjiiri Mallaqaa Godina Shawaa Kaabaa Seektaroota Godinichaa jalaa jiraniif bara 2019 Meeshaalee Barrefama, Meeshaalee Eleektiroonkiisii, Meeshaalee Qulqulinaa, Gommaa Konkolataa, Meeshaalee Biroo Keessaa, fi Meeshaalee Dhabbii (Furniture) Caalbaasii ifaan bituu barbaada waan ta'eef qaamni ulagaalee dorgomichaa armaan gadiitti jiran guutuu danda'an irraa wal-dorgomsisee bittuu barbaada.
Ulaagaalee Dorgomichaaf Barbaachiisan
1. Galm'aa VAT kan ta'ee fi Hayyama Daldala kan Haaromsee, Taaksii fi Gibira kan baraa kaffalusa ragaa A/T/Galiiwwan irraa dhiyeessuu kan danda'u,Ragaa TIN (Tax Identifacation Number/ kan dhiyesuu fi Waraqaa Ragaa Dhiyesummaa Dhiyeeffachuu kan danda'u
2.Dorgomaan Sanada Caalbaasii guuyyaa beeksifni kun Gaazexaadhan bahee eegalee guyyoota hojii walittii aanan 15 (Kudha Shan) keessaatti Qarshii hin deebinee Qar.500 /Dhibbaa Shan/ Kafaludhaan Sanada Caalbasii qophaa'ee Waajjira Mallaqaa Godina Shawaa kaabaa Gamoo 1ffaa kutaa bittaa tii dhiyaatee bituu ni danda'a
3. Dorgomaan Kamiyyuu Kabachiisa Caalbaasii /CPO/ Qarshii 100,000 (Kuma Dhibba Tokkoo) baankiin mirkana'ee qabsiisuu kan danda'u ta'u qaba.
4.Dorgomtootni Sanadaa Caalbaasichaa qophaa'ee guutudhan Orijinalaa fi Kooppii addaan baasuun guyyaa 16ffaa haanga sa'aattii 4:30 galchuun saamsame (Cuufamee) Guyyuuma sanaa Sa'attii 5:00ttii bakkaa dorgomtootnii ykn bakka bu'oonii jiraniitti ni banama. Guyyaa 16ffaa Guyyaa Sanbataa ykn Aayyaana irraa yoo oole guyyaa hojii itti aanutti kan seenu fi banamu ta'e.
5. Mo'ataan Caal-baasii Meeshaale mo'atee hundaa hangaa Mana Meeshaa Wajjiira Mallaqaa Godina Shawaa kaabaatti Gattii Gejibaa fesisuu fi busisuu of-danda'e fiduu qabaa.
6. Wajjirichi caal-baasichaa guutumaan guututti ykn gar-tokkee isaa haquudhaaf mirgi isaa seeraan kan eegame dha.
Odeeffanoo dabalataaf Lakk Bilbilaa 0911 347 224 ykn 0985 371 614
Waajjira Mallaqaa Godina Shawaa Kaabaa Fiichee
Tender details
- Deadline: 2026-09-11
- Bid closing time: 10:30
- Bid closing (note): Guyyaa 16ffaa haanga sa'aattii 4:30ttii
- Bid opening: 2026-09-11 11:00
- Bid opening (note): Guyyaa 16ffaa haanga sa'aattii 5:00ttii
- Region: Oromia
- Publishing entity: Waajjira Mallaqaa Godina Shawaa Kaabaa
- Bid bond: Qarshii 100,000.00
- Bid document price: Qarshii 500.00
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 27, 2026)
- Posted at: 2026-08-29T08:04:41.000Z