Stationery
Godina Shawaa Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Liibaan Jaawwii hojii sektaroota Aanaa bara 2019 tiif kan oolu Meeshaalee dorgomsiisee bittuu barbaada.
More tags
Description
Beeksisa Caalbaasii Ifaa
Lakk. 01/2019
Godina Shawaa Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Liibaan Jaawwii hojii sektaroota Aanaa bara 2019 tiif kan oolu Meeshaalee Barreessaa, Meeshaalee qulqullinaa, Meeshaalee Eleektirooniksii, Meeshaalee dhaabbataa biiroo keessaa, Gommaawwan konkolaataa fi uffata seeraa hojjettootaa labsii bittaa mootummaa naannoo Oromiyaa Lakk. 157/2002 fi Qajeelfamaa bittaa mootummaa naannoo Oromiyaa lakk.02/2004 irratti hundaa'uudhaa ncaalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bittuu barbaada.
Ibsa Bal'inaan
Caalbaasiin kun guyyaa Gaazexaa Kallacha Oromiyaa irratti bahee calqabee gosootaa fi waliigala odeeffannoo meeshaalee bittamuuf barbaadamanii kan ibsu sanada caalbaasii gosa bittaa tokko tokkoon qophaa'e kan hindeebine qar. 1000 (kuma tokko) kaffaluudhaan yeroo hundumaa sa'aatii hojii mootummaa Waajjirra Maallaqaa Aanaa Liiban Jaawwii lakkoofsa biiroo 2 dhufuudhaan bittachuun ni danda'ama.
Dirqama Dorgomtootaa
- Gibira barichaa kan kaffalanii fi dame daldala meeshichaatiin heeyyama daldalaa haarome kan qaban, raga qabatamaa dhiyeessuu kan danda'an. Galmaa'aa Taaksiidabala qabeenyaa kan ta'anii fi footo koppii sartefkeettii VAT dhiyeessuu kan danda'an.
- Tarree dhiyeessitootaa keessatti kan galmaa'anii fi raga galmee dhiyeessummaa ministeera Maallaqaa (qaama sadarkaan jiru) irraa dhiyeessuu kan danda'an.
- Dorgomtoonni kabachiisa caalbaasii gatii waliigalaa irraa 1% (persenti tokko ) (CPO) sanada caalbaasichaa waliin dhiyeessuu qabu. Dorgomtoonni Maayikiroo fi xixiqqaa (IMX) haaraan Gosa bittaa fi bay'ina maallaqa irratti dorgoman ibsuudhaan qaama isaan hundeesse irraa waajjira keenyaa kallattiidhaan xalayaa wabummaa caalbaasichaa dhiyeessuu ni danda'u
- Dorgomtoonni gatii meeshaalee tokko tokkko ittiin dorgoman sanada caalbaasii irratti guutuudhaan orijinaalaisaa fi koppii isaa adda addatti poostaa gagadhaan saamsameen, guyyaa caalbaasiin kallacha Oromiyaa irratti bahe irraa eegalee guyyaa hojii 16 hanga guyyaa keessa asa'a 6:30tti waajjira keenya armaan olitti ibsame lakk. Biiroo 2 tti sanduuqa caalbaasii kanaaf qophaa'e keessa galchuu qabu.
- Caalbasiin kun guyyaa armaan ol lakk. 5 irratti ibsame guyyaa keessaa sa'aatii 8:00tti dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni seeraa isaanii fi qaamoleen irratti hirmaachuu barbaadan bakka argaman itti ni banama.
- Dorgomtoonni mo'atan yeroo waliigaltee mallaneessan gatiiwaliigalaal meeshaalee mo'atan irratti 10% wabummaa raawwii caalbaasichaa
- baankiidhaan kan raggaassame (CPO) seera qabeessa dhiyeessuu qabu.
- Dorgomtoonni mo'ataman (caalbaasicha kufan) mo'ataa fi mo'atamaan caalbaasichaa eega ifata'ee booda kabachiisni caalbaasii dura dookumantii caalbaasii wajjin galchan battalumatti fudhachuu ni danda'u.
- Dorgomtoonni mo'ataa baasii kamiyyuu danda'uudhaan meeshaalee mo'atan mankuusaa Waajjirri Maallaqaa Aanaa Liiban Jaawwiitti dhiyeessuu qabu
- Kaffaltii maallaqaa gatii meeshaalee dhiyaataniif taasisamuu bakka mijaa'u dhiyeessaan kamiyyuu herreega baankii daldala Itoophiyaatii qabaachuu fi becksisuu qaba. Waajjirichi mala ykn filannoo biraa yoo argate caalbaasii kana gartokkees ta'ee guutumaan guutuutti haquudhaaf mirga guutuu qaba
Odeefannoo dabalataa yoo barbaaddan Lakk. Bilbilaa 0965036530 /0912372578
Waajjira Maallaqaa Aanaa Liiban Jaawwii
Tender details
- Deadline: 2026-09-14
- Bid closing time: 12:30
- Bid closing (note): Guyyaa hojii 16 hanga guyyaa keessa asa'a 6:30tti
- Bid opening: 2026-09-14 14:00
- Bid opening (note): Guyyaa hojii 16 hanga guyyaa keessa asa'a 8:00tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Aanaa Liiban Jaawwii
- Bid bond: 1%
- Bid document price: Qarshii 1,000.00 sanada tokkoo
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 27, 2026)
- Posted at: 2026-08-29T08:25:42.000Z