Stationery
Naannoo Oroomiyaa Godina Shawaa Kaabaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Muloo manneen hojii mootummaa Aanichaa keessatti argamaniif Meeshaalee Wal-dorgomsiifnee bituu barbadaa
More tags
Description
Beeksisa Caalbaasii Ifaa Bittaa Meeshaalee
Naannoo Oroomiyaa Godina Shawaa Kaabaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Muloo manneen hojii mootummaa Aanichaa keessatti argamaniif Meeshaalee Barreeffamaa, Uffata Danbii, Meeshaalee Qulqullinaa Meeshaalee Elektirooniksii fi Meeshaalee Dhaabbii Biiroo keessaa bara baajataa 2019 tiif caalbaasii ifaatiin Wal-dorgomsiifnee bituu waan barbaanneef,
kanaafuu caalbaasii kanarratti dorgomtoonni hirmaachuu barbaaddan: ulaagaa dorgommichaaf barbaachisu
1/Dorgomtoonni kallattii hojii isaanitiin heeyyama daldalaa isaatiin seera qabeessa ta'e,gibira Hojii bara kanaa ittiin kaffalan facaatii /list/kenna Tajaajila keessaa raga sanadoota ittiin galmaa'anii fi tarreeffama dhiyeessitootaa keessatti ragaa dhiyeeffachuu kan danda'u ta'uu isaanii footoo koppii isaa sanada caalbaasii waliin qabsiisanii dhiyeessuu qabu.
2/Dorgomtoonni dhiyaatan galmaa'aa taaksii dabalataa/vat/galmaa'uu isaaniitiif raga dhiyeeffachuu kan danda'an ta'uu qaba.
3/Dorgomtoonni sanada Caalbaasii guyyaa beeksifni kun Gaazexaa kallacha oromiyaarratti maxxanfamee bahee irraa eegalee yeroo hundaa sa'atiihojii 2:30-6:30 7:30-- 11:00 maallaqa hin deebine qarshii 1200 kaffaluun kutaa waajjira Abbaa Taayitaa Galiiwwanii Aanaa mulootti dhiyaachuun guyyaa hojii mootummaa 15 hanga sa'aatii 11:00 tti sanadicha bitachuu ni danda'u.
4/Dorgomtoonni kamiyyuu kabachiisa caalbaasiif kan oolu gatii tilmaama bittaa waliigalaa 2% maqaa waajjira maallaqaa aanaa Muloo cheekii (cpo) 50 /kuma shantama/ baankiin mirkanaa'e sanada orriijinaala caalbaasichaa waliin qabsiisee dhiyeessuu qaba.
5/Dorgomtoonni sanada caalbaasii meeshaalee barreeffamaa,uffata danbii, meeshaalee qulqullinaa,meeshaalee Elektirooniksii fi meeshaalee dhaabbii biiroo keessaa poostaa saamsameen orijinaalaa fi koppii addaan baasuun guyyaa hojii 15 hanga saa'atii 11:00tti waajjra abbaa taayitaa galiiwwanii Aanaa mulootti saanduqa caalbaasii kanaaf qophaa'e keessa galchuu qabu.
6/caalbaasii meeshaalee barreeffamaa,uffata danbii, meeshaalee qulqullinaa,meeshaalee Elektirooniksii fi meeshaalee dhaabbii biiroo keessaa caalbaasichi guyyaa ba'e irraa guyyaa hojii kudha shan (15) qilleensarra oolee gaafa guyyaa 16 sa'aatii 4:00tti dorgomtoonni yookiin bakka bu'oonni seera isaanii akkasumas taajjabdoonni jiranitti Waajjira Maallqaa A/Muloo lakk. I(tokko) keessatti ni banama.dorgomaan ykn bakka bu'aan jiraachuu baatus caalbaasichi ni banama. Akkasumas qidaamee sanbata ykn guyyaa ayyaana irra yoo oole guyyaa hojii mootummaa itti aanuutti sa'aatii 4;00 irratti banama.
7/moo'ataan caalbaasiitiif qarshiin kan kaaffalamuuf meeshaalee mana kuusaa waajjira mallaqaa Aanaa muloo moodela 19 erga galchee fi nagahee seera qabeessa erga dhiyeesseen booda kan kaffalamuuf ta'a. moo'ataan meeshaalee ittiin moo'ate hunda hanga Waajjira Maallaqaa Aanaa mulootti dhiyeessuu qaba.
8/Dhaabbanni caalbasicha moo'ate waajjira Maallaqaa Aanaa Muloo wajjin walii galtee uumee buraayyuu irraa km34 irratti kan argamuu waajjira maallaqaa A/Muloo magaalaa Hojja Dureetti baasii hunda danda'ee dhiyeessuu kan danda'u.
9/caalbaasicha gufachiisuuf dorgomaan yaalu gara fuulduraatti caalbaasii irratti akka hin hirmaanneefi caalbaasiin/dorgommiin/ ala ta'ee,kabachiisa caalbaasii CPO qabamee akka dhaalamu ta'a.
10/sanada dorgommiif dhiyeessan irratti maqaa dhaabbataa,teessoo dorgomaa,chaappaa fi mallattoon jiraachuu qaba.
11/Dorgomaan caalbaasichaa with holding 3% kan kaffalamuurraa akka seera faayinaansiitti kaffaluuf eeyyamama ta'uu qaba.
12/erga caalbaasiin banameen booda dorgomaan kamiyyuu yaada isaa jijjiiruu yookiin fooyyeessuu kan hin dandeenye ta'uufi caalbaasicha irraa adda of taasisuu hin danda'u
13/ Gatiin dhiyaatu vaatii dabalatee kan dhiyeessu ta'uu qaba.
14/ dorgomaan caalbaasii erga moo'ateen booda caalbaasii keessaa of haquu kan hin dandeenye ta'uu
15/ Afaan caalbasii Afaan Oroomiffaatiin.
16/ Waajjirri filannoo fooyya'aa yoo argate caalbaasicha guutumaan guututti yookiin gartokkee isaa haquudhaaf mirgi isaa seeraan kan eegamedha.
17/ Dorgomaan kamiyyuu meeshaalee dorgomee moo'ate irratti sample original dhiyeessuu kan qabu ta'uu isaa ni beeksifna.
Waajjira Maallaqaa Aanaa Muloo Qajeelfama waligaltee
1.uffata danbii dhaaf kan barbaadaniif uffataa diriraa/ bittinii fakeenya isaa sanada wajjiin waliin qabisisanii dhiyeessuu qabu.
2.mo'ataan calbasii erga beekamee boodaa kabachisaa walligalitee bittaa 2% qabisisee walligalitee uumuu qaba.
3.meeshalee dhiyeessan hundaaf qulqullina isaatiif wabii dhiyeesuu kandanda'uu.
4,waldaan imx dhaan gurmaa'ee qaama isaa gurmeessee irraawabi kabachisaa calbasii xalayaa dhiycesuu qaba
5.meeshaa dhiyeesuu hundaa orijinalaa isaa dhiyeessuu kan dandau ta'u qaba.
Odeeffannoo dalataaf Lakk. Bilbilaa 0921165097 ykn 913326320
Godina Shawaa Kaabaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Muloo
Tender details
- Deadline: 2026-09-14
- Bid closing time: 17:00
- Bid closing (note): Guyyaa hojii 15 hanga saa'atii 11:00tti
- Bid opening: 2026-09-15 10:00
- Bid opening (note): Guyyaa hojii kudha shan (15) qilleensarra oolee gaafa guyyaa 16 sa'aatii 4:00tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Aanaa Muloo.
- Bid bond: 2% maqaa waajjira maallaqaa aanaa Muloo cheekii (cpo) 50 /kuma shantama/
- Bid document price: Qarshii 1,200.00
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 27, 2026)
- Posted at: 2026-08-29T08:38:39.000Z