Cleaning and Janitorial Equipment and Service
Godina Shawaa Lixaattii Waajjirrii Maallaqaa Aanaa Jalduu bara baajataa 2019'f Sektaroota Aanaa isa jala jiran hundaaf beeksiisa caalbaasii ifaadhaan dorgoomtoota Seeraa qabeessaa ta'an waldorgomsisuun meeshaalee bituu barbaada.
More tags
Description
Beeksiisa Caalbaasii Ifaa marsaa 1ffaa Lakk.
Caalbaasii 001/2019
Godina Shawaa Lixaattii Waajjirrii Maallaqaa Aanaa Jalduu bara baajataa 2019'f Sektaroota Aanaa isa jala jiran hundaaf beeksiisa caalbaasii ifaadhaan dorgoomtoota Seeraa qabeessaa ta'an waldorgomsisuun meeshaalee qulquullinaa Uffaata seeraa, Elektirooniksii fi Dhaabbii, gommaa konkolaataa fi Meeshaalee Leenjii barnoota Kolleejjii BLTO waldorgomsiisee bituu barbaada.
Ulaagaa dorgommii kanaaf barbaachisu
1. Gibira Mootummaa Bara 2018 kan kanfalee fi eeyyama hojii bara 2019 kan haaromfate ta'uu qaba.
2. Dhaabbanii ykn namoonni caalbaasii kana irratti dorgomuuf dhiyaatan kabachiisa caalbaasii gatii waligalaa kenne irratii kan shallagamu % 1 CPO YKN maallaqa callaadhaan dhiyeffachuu qaba.
3. Dorgomtoonni ykn dhaabbanni ulaagaalee armaan olitti caqasaman guutuu danda'an guyyaa beeksisni Kun bahe irraa eegalee guyyoota hojii walitti aanan 15'f maallaqa hin deebine Qar. 1000 (kuma tokko) waajjiira A/T/Galiiwwan Aanaa jalduutii galii gochuun naga'ee fudhattanii sanada caalbaasichaa dhimma kanaaf qophaa'e waajjira maallaqaa Aanaa Jalduutii sa'aatii hojiitti fudhachuu ni dandeessu.
4. Dorgomaan Sanada Oriijinaalaa faayinaansii kophaatti fuula isaa irratti chaappaa fi fi mallattoon mirkaneessuun postaa keessa galchuun samsee akkasuams kooppii faayinaansii kophaatti fuula isaa irratti chaappaa fi mallattoon mirkaneessuun lamaan isaa bakka tokkotti postaa guddaa keessa galchuun deebisuu qaba.
5. Saanduqni caalbaasii gaafa guyyaa 16ffaa sa'a duraa sa'aatii 3:00 tti cuqqallamee guyyuma sana sa'atii 3:30 irratti bakka dorgomtoonni ykn bakka buutonni isaanii argamanitti kan saaqamu ta'ee guyyaa kana dorgomaan ykn bakka bu'aan dorgomaa yoo dhiyaachuu baate komii tokko illee keessummeessuu kan hin dandeenye ta'uu fi guyyaan 16ffaan guyyaa ayyaanaa yoo ta'e guyyaa hojii itti aanuti kan darbu ta'uu ni beeksisna.
6. Meeshaaleen Kan itti dhiyyaatu Godina shawaa Lixaa Aanaa Jalduu Magaalaa goojjoo yoo ta'u. Fageenya magaalaa finfinneerraa KM 127 ta'a,
7.Waajjirichi mala biroo fooyya'aa yoo argate caalbaasicha gar- tokkeen ykn guutummaan haquuf mirga guutuu qaba
Godina Shawaa Lixaattii Waajjira Maallaqaa Aanaa Jalduu
Tender details
- Deadline: 2026-09-14
- Bid closing time: 09:30
- Bid closing (note): guyyaa 16ffaa saa,aatti 3:00tti
- Bid opening: 2026-09-14 21:30
- Bid opening (note): guyyaa 16ffaa saa,aatti 3:30tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Godina Shawaa Lixaattii Waajjira Maallaqaa Aanaa Jalduu
- Bid bond: 1%
- Bid document price: Qrshii 1000
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 27, 2026)
- Posted at: 2026-08-29T08:43:49.000Z