Stationery
Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Giraar Jaarsoo sektaroota aanaa keessa jiraniif baajataa Bara 2019 Meeshaa bituu barbaada
More tags
Description
Beeksiisa Caalbaasii ifaa Lakk 01/2019
Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Giraar Jaarsoo sektaroota aanaa keessa jiraniif baajataa Bara 2019 tiin lootii 1 1. Meeshaa barreessaa 2. Meeshaalee Qulqullinaa 3. Meeshaalee xixiqqaa biiroo keessaa lootii 2a 1. Uffata hojjettoota deegarsaa Lootii 3ffaa 1.Meeshaalee Eelektirooniiksii 2.Meeshaalee dhaabbataa biiroo keessaa lootii 4faa 1. Meeshaalee Ijaarsaa lootii 5ffas 1. Gommaa Konkolaataa Caalbaasii ifaadhaan dorgomsiisee bituu barbaada
Haaluma kanaan
1. Dorgomtootni Eeyyama daldalaa kallattii Kan haaromfame, Waraqaa qulqullina, Galmaa'aaa VAT Kan ta'ee, Lakk.Eenyummaa kaffalaa Gibiraa(TIN), Waraqaa ragaa dhiheesitootaa (ppf) galmaa'ee dhiheessuu kan danda'an
2. Kabachiisa caalbaasii Gaatii walii galaa dhiheessu irraa %1 CPO baankiin dhiheessu kan danda'u
3. Dorgomtootni guyyaa calbaasiin gaazexaadhan bahe irraa kaasee hanga guyyaa hojii 15 tti qarshii hin deebine qarshii lootii 1ffaa 1000.00 (Kuma tokkoo) lootii 2ffaa qarshii 500 (dhibba Shan) lootii 3ffaa qarshii 500.00 (dhibba shan) lootii 4ffaa qarshii 500 (dhibba shan) lootii 5ffaa qarshii 500 (dhibba shan) Lakk. Herrega baankii G/J/W/finance office central Tresasury baankii Siinqee 1054614551211 irratti galii gochuun sanada caalbaasii kutaa bittaa Lakk 6 irraa bitachuu danda'u
4. Dhiheessitooni sanada dhiheessan irratti Mallattoo fi chaappaa dhaabbata isaanii gochuu qabu
5. Dorgomtootni guyyaa beeksifni caalbaasii Kun qilleensa irra oolee eegalee hanga guyyaa 16ffaa (Kudha jahaffaa) sa'a 8:00 A.L.I waaree boodatti waajjira Maallaqaa aanaa Giraar Jaarsootti sanduuqa dhimma kanaaf qophaa'eetti galee saamsamuu qaba. Sanadni caalbaasii guyyuma kana waaree booda sa'a 8:30 A.L.I irratti bakka dorgomtootni ykn bakka bu'ootni seera qabeessa ta'an argamanitti banama. Dorgomtootni ykn bakka bu'ootni Kan hin argamne yoo ta'es caalbaasii kana banuuf waanti dhorku hin jiru.
6. Guyyaa fi sa'aatii baniinsa caalbaasiin alatti sanadin caalbaasii dhihaatu fudhatama hin qabu
7. Guyyaan baaniinsa caalbaasii guyyaa hojiitiin ala yoo ta'ee guyyaan hojii itti aanu guyyaa cufiinsaa fi baniinsa caalbaasii ta'a
8. Dorgomtootni Caalbaasii meeshaalee samuuda filataman dhiheessuu dirqama qaba
9.Caalbaasiin erga banamee booda caalbaasii keessaa of baasuun hin danda'amu
10. Ragaalee fi sanada caalbaasii haqamaa fi laaqqamaa ta'ee fudhatama hin qabu
11. Mo'ataan caalbaasii meeshaalee ajajaman baasii isaatiin mana meeshaa waajjira Maallaqa Aanaa Giraar Jaarsootti dhihessuu qabu
12. Waajjirichi haala mijaa'aa yoo argate caalbaasicha gar-tokkeen ykn gutumaan guutuun haquu mirga qaba
13. Dorgomtootni caalbaasii meeshaa mo'atan xalayaadhaan erga isaaniif ibsamee booda guyyaa hojii 5(shan) keessatti dhiaatee walii galtee seenuu qaba
Teessoo:- Daandii Goojjam deemu Finfinne irraa KM 112 Magaala Fiichee Etho Telecom fuul dura
Odeefannoo Dabalataaf Lakk. Bilbilaa 011-160-9470
Godina Shawaa Kaabaatti Waajjira Maaliaqaa Aanaa Giraar Jaarsoo
Tender details
- Deadline: 2026-09-11
- Bid closing time: 14:30
- Bid closing (note): Guyyaa 16ffaa (Kudha jahaffaa) sa'a 8:00
- Bid opening: 2026-09-11 14:30
- Bid opening (note): Guyyaa 16ffaa (Kudha jahaffaa) sa'a 8:30
- Region: Oromia
- Publishing entity: Godina Shawaa Kaabaatti Waajjira Maaliaqaa Aanaa Giraar Jaarsoo
- Bid bond: 1%
- Bid document price: Lootiidhaan Adda addaa dha
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 27, 2026)
- Posted at: 2026-08-29T08:49:54.000Z