Stationery

Godina Wallaggaa Lixaatti Wajjirri Mallaqaa Aanaa Jaarsoo Bara bajeeta 2019 itti seekteroota jala jiraaniif bituu barbadaa

Description

Beeksisa Caalbaasii Bittaa Meesdhaalee Bra 2019

Godina Wallaggaa Lixaatti Wajjirri Mallaqaa Aanaa Jaarsoo Bara bajeeta 2019 itti seekteroota jala jiraaniif;- 1.Meeshaalee Isteeshinerii fi Qulqullina 2.Meeshalee ElektIroonksii 3.Farnicherootaa. adda-addaa 4.Meeshaalee Ijaarsaa 5.Meeshaalee KBLTO 6.Uffaata seeraa Hojjetootaa 7,Jenerateroota adda-addaa 8.Mootersaayikilii gosa adda adda 9.Gommaa konkolaataa fi Gommaa doqdoqqee caal-baasii Ifaa dhan bittaa raawwachuu waan barbaaduuf hayyema seera kan qabdaan fi ulaagaa gaditti tarreeffamee kan guuttaan dhiyaatanii akka dorgomtan isiin beeksifna.

Ulagaa Caalbaasichaa

  1. Heyyama seeraa kan qabaniif gibira bara 2018 kan kaffalan eyyama isaanii kan harreeffatan.

2. Dorgomtoonii caalbaasii kanaa Tin, VAT kan galma'an ta'uu qabu. Ragaa VAT,TOT, fi Tiinii Abbaa Taayitaa Galiiwwani irraa kan dhiyyeeffatu ta'ee (yoo bittichi 100,000.00 gadii ta'ee TOT kutuuf fedii kan qabu ta'ee bittichii Qarshii 100,000.00(kuma dhibba tokkon )ol ta'e immo raga VAT,bitticha kaffaluuf fedha kan qabu.

3. Dorgomtootni sanada caal baasii isaanii poostaa orginaalii tokko fi koppii tokko dhiyeessu qabu.

4. Dorgomtooni gosa meeshaa irratti dorgoman sirritti beekuu qabu.

5. Dorgomtoonii Kam iyyuu Gati Isaanii Periformaa ofi isaanii irratti guutanii dhiyeeffachuu qabu.

6. Kabachiisnii caalbaasii bifa wabummadhaan kan dhiyaatu yoo ta'e akkumaa filannoo dorgomichaatti baankii irra kan kennamuu cheekii mirkana'een,leeteer of kireeditiidhaan gatii bittaa irraa % 1 wabummaa baankitiin ta'uu qaba.Dhabbileen Inteeriipiraayiizii Maayikiroon haaraa ijaaraman kabachiisaa fi wabummaa ilaalchisee xalayaan wabummaa qaama isaan ijaaree irraa dhiyeeffatan fudhatama ni qabaata.buleeyii hir ilaallatu.

7. Dorgomtoonni sanadaa yaada dorgommii dhiyeessan irratt maqaa,,teessoo,,mallattoo,,chaappaa fi bilbila dhabbaticha qabachuun dirqama.

8. Dorgomtoonii tarree dhiyeessummaa keessatti kan galmaa'ani fi ragaa Galmee dhiyeessummaa Ministeeraa Mallaqaa irra ykn qaama inni bakka buuserra dhiyeeffachuu kan danda'uu.

9. Saanadaa caal-basichaa Godinaa Wallaggaa Lixaa Aanaa Jaarsoo Wajjira Maallaqaa Kutaa Hojii Lakk.5tti tokko tokkoo saanadaatiif qarshii hin deebinee Qr.500 kaffaluudhaan sanadaa caalbaasichaa bittachuu ni danda'u.

10. Caal-baasiin kun Qajeelfama bittaa M/N/O Lakk.02/2004 ba'ee jiruun kan raawwatuu ta'a.

11. Waajjirichii caal-baasii kana filannoo biroo yoo argatee gar- tokkeen ykn guutumaa gutuuttii haaqudhaaf mirgaa ni qaba.

12. Dhiyyeessaa fi qaa maa bittaan raawwatuu gidduti yoo yeroo walii galtee dabarsee gatii bittaa waii harkaa fudhinsi hin godhamn irratti guyyaa guyyaan persentii 0.1 ykn 1/1000 addabaa akka kaffalamu ni ta'a.Addabiin haala kanaan murta'u persentii 10 yeroo caaluu qamni bittaa raawwatuu haquuf mirgaa kan qabu ta'u isaa.

13. Caal-baasichi guyyoota hojii walitti fufee jiru 15 niif bakkee taa'ee gaafa guyyaa 21/12/2018 hanga 3/1/2019tti kan turu ta'ee guyyuma sana gaafa guyyaa 15ff ganama keessaa sa'a 5:00 irratti cufamee guyyuma sana sa'a 8:00 irratti dorgomtootni ykn bakka bu'oonni seeraa bakka argamanitti caal-baasichi kan banamu ta'ee guyyichi Ayyaana ykn cufaa yoo ta'ee guyyaa hojii itti aanutti kan banamu ta'a...

14. Dorgoomtootnni caal baasii guufachisuuf yaalan caal-baasii ala akka ta'an gara fuula durattis bittaa mootummaa akka hin hirmaannee fi kabachisa caal baasii fi kabachiisa walii galtee kan dhaalaman ta'aa.

15. Dorgomaan caal-baasii kana mo'atee meeshaalee gaafatamee hangaa Godinaa Wallaggaa Lixaa Waajjiraa Mallaqaa Aanaa Jaarsootti dhiyeessuu dirqama qaba.

16. Bakka sanduuqi caal baasii itti argamuu Waajjiraa Mallaqaa Aanaa Jaarsoo ti.kanaaf erga caal baasiin cufamee sanada yaada dorgommii dhiyaatu fudhatama hin qabu.

17. Sanadi caal-baasii haqaa fi laaqa yoo qabaate fudhatama hin qabu.

18. Meeshaalee bittaman ibsituu dhiyaateen ta'ee kanneen saammuda(sample) barbaadan irratti manni hojii kan dhiyeessu ta'a. Kanaaf Qajjelfamaa bittaa MNO 02/2004 Keww.18/4 Qubee I ibsuun ta'a. yeroo ilaalamuu fi turtii keessatti yoo miidhame kan hin gaafachiifnne ta'uu isiin hubaachiifnna. Odeffannoo dabalataaf Lakk. Bilbila 09 01 85 54 59, 09 17 29 76 19 ykn 09 17 29 44 89

Godina Wallaggaa Lixaatti Waajjira Mallaqaa Aanaa Jaarsoo


Tender details

  • Deadline: 2026-09-13
  • Bid closing time: 11:00
  • Bid opening: 2026-09-13 14:00
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Godina Wallaggaa Lixaatti Waajjira Mallaqaa Aanaa Jaarsoo
  • Bid bond: 1%
  • Bid document price: Qarshii 500.00 tokkoon tokkoon
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 27, 2026)
  • Posted at: 2026-08-29T09:02:37.000Z
← Back to all tenders