Equipment and Accessories
Godina Wallagga Lixaa Aanaa Qondaalaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Qondaalaa beeksisa caalbaasii ifaa bittaa meeshaalee adda addaa kan bara baajataa 2019 baasee jira.
More tags
Description
Beeksisa Caalbaasii Ifaa Bara 2019
Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godina Wallagga Lixaa Aanaa Qondaalaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Qondaalaa bara baajataa 2019 kana keessatti tajaajila sekteraalee mootummaa garaa garaa aanichaaf oolu meeshaalee adda addaa kanneen akka: meeshaalee qulqullinaa, meeshaalee barreeffamaa, meeshaalee elektirooniksii, meeshaalee jaarsaa, meeshaalee jijjiirraa konkolaataa, uffata seeraa, farniicharootaa fi motor saayikiloota garaa garaa caalbaasii ifaan waldorgomsiisee bituu barbaada. Kanaaf, dorgomtoonni dorgommicha irratti hirmaachuu barbaaddan waa'ee caalbaasichaa kan ibsu kaffaltii sanadaa qarshii hin deebine Qarshii 500 ( qarshii dhibba shan) gaafatu Waajjira Galii A/Qondaalaatti kaffaluun naga'ee kaffaluu keessan ibsu qabattanii guyyaa beeksifni caalbaasii kun ba'e irraa eegalee guyyoota hojii mootummaa walitti aanan 15 (kudha shan) keessatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Qondaalaa Kutaa Adeemsa Bittaatti qaamaan dhiyaattanii sanada caalbaasii bitachuu kan dandeessan ta'uu ibsaa:-
Ulaagaaleen dorgommichaas:-
1. Dorgomtoonni eeyyama hojii bara 2019 kan qaban ykn kan haareffatanii fi eeyyamichi qaama dhimmi ilaaluun kan galmaa'e waraqaa ragaa galmee dhiyeeffachuu kan danda'an, akkasumas eeyyamichi online kan ta'e, VAT (15%) kan galmaa'e akkasumas naga'ee ammayyaa'aa (QR) orijinaala ta'e kan qaban.
2. Dorgomtoonni kabachiisa caalbaasii maallaqa callaa qarshii 50,000 (kuma shantama) harkatti sanada caalbaasii yeroo dhiyeeffatan sanada waliin dhiyeeffachuu kan danda'an.
3. Dorgomtoonni Ministeera Maallaqaa yookiin qaama biroo beekamtii qabuun tarree dheeyessitootaa keessatti kan galmaa'an ta'uu waraqaa ragaa dhiyeeffachuu kan danda'an. guutan
4. Dorgomtoonni fuula sanadaa gatii meeshaalee guutan hunda irratti mallattoo fi chaappaa isaanii, dhuma sanadichaa irratti immoo maqaa isaanii, teessoo isaanii, chaappaa isaanii, mallattoo fi guyyaa guutuu qabu.
5. Dorgomtoonni sanada tekinikaa orijinaalaa fi koppii, sanada faayinaanshaalaa orijinaalaa fi koppii poostaa garaa garaa keessa kaa'uun, ergasii sanada tekinikaa lamaan poostaa tokko keessa, akkasuma sanada faayinaanshaalaa lamaan immoo poostaa kan biraa keessa kaa'uun poostaa lachan gagaan saamsanii guyyaa beeksifni kun ba'e irraa eegalee guyyoota hojii mootummaa walitti aanan 15(kudha shan) yeroo hojii mootummaaf adda ba'e keessatti saanduqa sanadaa dhimma kanaaf qophaa'e keessa galfachuu qabu.
6. Dorgomtoonni gatii meeshaalee yommuu guutan VAT waliin ta'uu isaa ibsuu qabu. yeroo banamu
7. Sanada caalbaasii keessatti ulaagaan hin kaa'amne xiinxala caalbaasichaaf hin oolu; akkasumas caalbaasiin walarrabsuu, dubbii kakaasuu fi kkf raawwachuun dhorkaadha.
8. Caalbaasichi guyyaa beeksifni ba'e irraa eegalee guyyoota hojii mootummaa walitti aanan 15 (kudha shan)f qilleensarra kan turu ta'a, guyyaa 15aa isaa sa'aatii 5:00 irratti saanduqiin sanadaa kan saamsamu yoo ta'u guyyuma kana sa'aatii 8:00 irratti bakka dorgomtoonni yookiin bakka buutonni seera qabeessi argamanitti Waajjira Maallaqaa A/Qondaalaa Kutaa Adeemsa Bittaatti kan banamu ta'a. Guyyichi guyyaa boqonnaa ykn guyyaa ayyaanaarra yoo oole yeroo walfakkaataa guyyaa hojii itti aanutti kan darbu ta'a.
9. Dorgomaan kamiyyuu caalbaasiin erga banamee booda sanada caalbaasii irratti kan ibsame haalota kamiiniyyuu jijjiruu, fooyyessuu ykn dorgommicha dhiiseera jechuu hin danda'u.
10. Sanadi caalbaasichaa haqaa fi laaqa iddoo tokkottillee kan hin qabne ta'uu qaba.
11. Sanadi caalbaasii yeroon hin dhiyaanne saanduqa caalbaasiitiin ala kan ture abbaa dhimmaa ykn bakka bu'aa seera qabeessa ta'etti kan deebi'u ta'a.
12. Qodaan kan bitamu akkaataa gaafannoo keenyaatiin ta'a, akkaataa gaafannoo keenyaatiin ala yoo dhiyaate dhiyeessaan meeshicha kaffaltii ofii isaatiin kan oldeebifatu ta'a.
13. Waajjirri dorgomsiise meeshaa dorgomsiise baay'ina isaa akka barbaachisummaa isaatti dabalee ykn hir'isee ajajachuu/ bitachuu/f mirga guutuu ni qabaata.
14. Dorgomaan meeshaalee mo'ate irratti walii galtee uumuu qaba; walii galtichis akka barbaachisummaa isaatti hanga xumura bara baajataatti kan turu ta'uu danda'a.
15. Dorgomtoonni gatii meeshaalee dhiyeessanii mo'ataa ta'aniin gatiin meeshichaa guyyaa baniinsa caalbaasichaa irraa eegalee hanga xumura bara baajatichaatti utuu hin jijjiiramiin kan turu ta'a.
16. Mo'ataan caalbaasii mo'ataa ta'uu isaa erga beeksifamee booda guyyaa beeksifame irraa kaasee guyyoota walitti aanan 15 keessatti qaamaan dhiyaatee walii galtee mallatteessuu qaba.
17. Mo'ataan caalbaasichaa ulaagaalee ibsaman irratti hundaa'ee mo'ataa ta'uun isaa erga beeksifamee kabachiisa waliigaltee barbaachisaa ta'e 10% (persentii kudhan) kan walii galaa meeshaalee mo'atee qabsiisee W/Maallaqaa A/Qondaalaatti dhihaatee waliigaltee mallatteessuu qaba. Mo'ataan caalbaasichaa guyyoota kudha shan (15) kana keessatti qaamaan dhiyaatee waliigaltee hin mallatteessine mo'ataa ta'uun isaa haqamee kabachiisi caalbaasii isaatii mootummaaf galii ta'a.
18. Waliigaltee mo'ataa caalbaasichaatii fi qaama dorgomsiise gidduutti raawwatu irratti abbaan baajataa meeshaalee irratti waliigalteen uumame irraa ykn irratti 20% (parsentii digdama) dabalee ykn hir'isee ajajachuuf mirga guutuu qaba.
19. Dorgomaan caalbaasii meeshaalee mo'ate hunda guyyaa waliigaltee uumuuf waamame saamuuda meeshaalee mo'atee qabatee dhiyaachuu qaba.
20. Mo'ataan qodaa mo'ate geejiba dhuunfaa isaatiin W/Maallaqaa A/Qondaalaatti dhiheessuu qaba.
21. Gatiin qodaa kan kaffalamu qodaan erga dhufee mana kuusaatti galii ta'ee booda, kan kaffalamus qodaa galii ta'een walqixa kaffaltiin kan raawwatamu ta'a.
22. Dorgomaan hundiyyuu akkaataa damee daldala isaaniitiin irratti hirmaachuuf mirga qabu.
23. Kabachiisi caalbaasii kan deebi'u mo'ataan erga adda ba'ee waliigaltee mallatteessee booda yommuu ta'u kabachiisi waliigaltee kan deebi'u akkaataa sanada waliigaltee irratti kaa'ameen ta'a.
24. Waajjirichi filannoo biraa yoo argate caalbaasicha guutummaanis ta'e gartokkeen haquuf mirga guutuu qaba.
Odeeffannoo dabalataaf lakkoofsa bilbilaa: 0910207681 ykn 0921178511 irratti bilbiltanii gaafachuu dandeessu.
Godina Wallagga Lixaa Aanaa Qondaalaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Qondaalaa
Tender details
- Deadline: 2026-09-16
- Bid closing time: 12:00
- Bid closing (note): guyyaa 15aa isaa sa'aatii 5:00 irratti
- Bid opening: 2026-09-16 14:00
- Bid opening (note): guyyaa 15aa isaa sa'aatii 8:00 irratti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Godina Wallagga Lixaatti Waajjira Maallagaa Aanaa Qondaalaa
- Bid bond: Qarshii 50,000.00
- Bid document price: Qarshii 500.00
- Published on: BARRIISAA (Aug 30, 2026)
- Posted at: 2026-08-31T08:29:02.000Z