Textile, Garments and Uniforms

Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Gafarsaa Gujeetti Waajjira Maallaqaa Aanaa Gudduu Uffata seeraa hojjettootaa, meeshaalee dhumeeyyii, meeshaalee barreeffamaa, meeshaalee qulqullinaa, meeshaalee elektirooniksii, farnicheroota biiroo keessaa fi me

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa

Lakkoofsa Caalbaasii 01/2019

Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Gafarsaa Gujeetti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gudduu manneen hojii Aanaa fi Waajjira Mana Qopheessaa bara baajataa 2019tti kan ooluuf meeshaalee gosa adda addaa: Uffata seeraa hojjettootaa, meeshaalee dhumeeyyii, meeshaalee barreeffamaa, meeshaalee qulqullinaa, meeshaalee elektirooniksii, farnicheroota biiroo keessaa fi meeshaalee haaromsaa gommaa konkolaataa caalbaasii ifaadhaaan dorgomsiisee bituu barbaada.

Ulaagaalee/Qajeelfama Dorgomtootaa:

  1. Dorgomaa gibira haala qajeelfamni kaahuun kaffaluun eeyyama daldalaa isaa kan haaromsee fi ragaasaa dhiyeessuu kan danda'u.
  2. Dorgomaan kamiyyuu tarree dhiyessitoota bittaa mootummaa irrattii kan galmaa'e ta'uu isaa ragaa dhiyeessuu kan danda'u.
  3. Dorgomtoonni sanada bitachuu barbaadan guyyaa beeksifni kun gaazexaa irratti maxxane irraa eegalee guyyoota hojii walitti aanan guyya 11 (kudha tokko) keessatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Gudduu Kutaa Adeemsa Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenyaa irraa sa'aatii hojii mootummaatti qarshii hin deebine 500 (dhibba shan) kaffaluun bitachuu ni dandeessu.
  4. Dorgomtonni lakkoofsa eenyummaa kaffalaa gibiraa /TIN / fi galmaahaa VAT kan qabuu fi ragaasaa dhiyeessuu kan danda'an.
  5. Sanada dhiyaatu irratti waan sanadichi gaafatu maqaa oomisheessaa, bara oomishamee fi moodelli meeshaa kan hin guutamne yoo tahe guutamuu qaba.
  6. Dorgomtoonni sanada dorgommii dhiyaatu irratti maqaa, teessoo, lakkoofsa bilbilaa, chaappaa fi mallattoo isaanii guutuu qabu.
  7. Dorgomaan hundi kabachiisa caalbaasii deebi'uu danda'u 100,000(kuma dhibba tokko) CPO baankiidhaan mirkanaa'e ykn ragga'e ta'uu isaa xalayaadhaan mirkaneessuun dhiyeessuu danda'u.
  8. Mo'ataan kamiyyuu meeshaalee moo'ate baay'inni isaa itti himame irratti waliigaltee gochuu fi meeshaalee itti himame hunda moodela isaa osoo hin jijjiiriin meeshaa orginaala qofa dhiyeessuu qaba.
  9. Dorgomtoonni gatii ittiin dorgomuudhaaf sanada yaada dorgommii irratti guutan orjinaalaa fi koppii isaa adda baasuun samiidhaan saamsuudhaan caalbaasiin guyyaa gaazexaa irratti bahee eegalee guyyaa hojii walitti aanan hanga 11tti ganama keessaa sa'aatii 4:00tti Waajjira Maallaqaa Aanaa Gudduutti sanduuqa dhimma kanaaf qophaahe keessa galchuu dandeessu..
  10. Dorgomaan kamiyyuu gatii ittiin guutan VAT kan dabalate ta'uu isaa adda baasuun guutuu qaba.
  11. Caalbaasiin gaafa gayyaa 5/01/2019 ganama keessaa sa'aatii 4:00 irratti cufamee guyyaama kana sa'aatii 4:30 irratti bakka dorgomtoonni ykn bakka bu'iinsi seeraa isaanii jiranitti Waajjira Maallaqaa Aanaa Gudduu keessatti saanduuqni caalbaasichaa ni banama. Dorgotoonni ykn bakka bu'ootni dorgomtootaa seera qabeessa ta'an hundi baniinsa caalbaasi irratti yoo hinargamne caalbaasicha hin gufachiisu.
  12. Dhaabbanni caalbaasicha mo'ate meeshaalee mo'ate gatii baasuu fi buusuu, akkasumas gatii geejjibaa hunda danda'uun hanga Waajjira Maallaqaa Aanaa Gudduutti dhiyeessuu qaba.
  13. Waajjirichi meeshaalee dorgommiif dhiyaatan keessaa 20% dabaluu ykn hir'isuu danda'a.
  14. Dorgomtoonni mo'attoota ta'an yommuu waliigaltee mallatteessan kabachiisa waliigaltee 10% qabsiisuu qabu.
  15. Waajjirichi mala/ tooftaa /carraa/ biraa argannaan caalbaasicha gartokkee isaas ta'u guutummaan guutuutti haquudhaaf mirga guutuu qaba.

Ragaa dabalataa yoo barbaaddan lakkoofsa bilbilaa: 09 17 73 52 96/ 09 13 33 03 83 bilbiluun gaafachuu ni dandeessu

Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Gafarsaa Gujeetti Waajjira Maallaqaa Aanaa Gudduu


Tender details

  • Deadline: 2026-09-15
  • Bid closing time: 10:00
  • Bid opening: 2026-09-15 10:30
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Gafarsaa Gujeetti Waajjira Maallaqaa Aanaa Gudduu
  • Bid bond: Qarshii 100,000.00
  • Bid document price: Qarshii 500.00
  • Published on: Addis Zemen (Aug 31, 2026)
  • Posted at: 2026-09-01T10:16:50.000Z
← Back to all tenders