Textile, Garments and Uniforms

Waajjirri Maallaqa Kutaa Magaalaa Kuraa Jiddaa beeksisa caalbaasii ifaa bittaa meeshaalee fi tajaajila suphaa lootii adda addaa kan bara baajataa 2019 baasee jira.

Description

Beeksisa Caalbaasii

Waajjirri Maallaqa kutaa magaalaa kuraa jiddaa /WMKMKJ/

  1. Lootii 1 Uffataa Seeraa,
  2. Lootii 2 meeshaalee Isteeshinarii,
  3. Lootii 3 Qulqullinaa
  4. Lootii 4 Elektirooniksii,fi
  5. Lootii 5 Furniture fi
  6. Lootii 6 Gommaa konkolaata
  7. Lootii 7 Golgaafii Afataalee Biiroo Keessaa

Lootii 8 Suphaa Konkolatotaa adda addaa caalbaasii ifaatin bituu waan barbaanuuf dhaabbileen/namoonni fedhii qabdan ulaagalee dorgomtootaa armaan gaditti caqafaman hordofuun hirmaachuu kan danderssan ta'uu isin beeksifna.

Haaluma kanaan guyyaa caalbaasiin kun gaazexaa Addis Zaman irratti bahee jalqabee guyyoota hojii 15/kudha shan/f sanbata xiqqaa hanga sa'aatii 6 dabalatee Waajjira Maallaqa kutaa Magaalaa kuraa

Jiddaa lakkoofsa herrega baankii Siinqee 1064942521214 itti tokkon tokkoon lootitiif maallaqa hin

deebine qarshii 1000 /kumaa tokko/ galii taasisuun ragaa galii/deposit slip/ Waajjira Galiiwwan kutaa

Magaala kuraa jiddaa Lakk 18 dhiyeefachuudhan nagahee ergaamursiifattanii bood WMKMKJ

Lakk 8 kutaa Adeemsaa bittaa, bulchiinsa fi Dhabamsiisa Qabeenyaa fi Tajaajila Maraa irraa sanada

caalbaasii bitachuu kan dandeessan ta' uu isin yaadachiifna.

Ulaagaalaee Dorgommii

  1. Gosa dhiyeessii itti dorgomu irratti heyyema haaromfame kan qabu, gibira barichaa kan kaffalee fi ragaa dhiyeefachuu kan danda'u;
  2.  Lakkoofsa kaffalaa gibiraa /TIN/ kan qabanii fi kanaafis ragaa dhiyeefachuu kan danda'an;
  3.  Galmaa'aa VAT kan ta'ee akkasumas tarreefama dhiyeesitootaa meeshaalee fi tajaajilaa /supplier list/ Ministeera Maallaqaa yookan Biiroo Maallaqa Oromiyaa keessatti galmaa'aa ta'uu isaatiif ragaa dhiyeefachuu kan danda'u ta'uu qaba;
  4.  Dorgomaan kamiyyuu kabachiisa caalbaasichaatiif CPO tokkon tokkon Lootiitif qar. 50,000 (kumaa shantamaa) xalayaa baankiidhaan mirkanaa'e qofa qopheessuun sanada yaada dorgommii caalbaasii waliin dhiyeefachuu qaba;
  5.  Mo'attoonni caalbaasii kabachiisa waliigaltee gatii waliigalaa ittiin moo`atan irraa %10 bid bondii ykn CPO baankiidhan mirkanaa'ee qabsiisuu qabu;
  6. Dorgomtoonni yaada dorgommii/gatii isaanii sanada orjinaala caalbaasichaaf qophaa'e irratti qofa guutuudhan Orjinaalaa fi Kooppii adda adda baasun poostaadhan saamsamee saanduqa caalbaasii dhimma kanaaf qophaa'etti galchuu qabu;
  7. Caalbaasichi guyyaa 16ffaa ganama sa'aatii 4:00 irratti cufamee guyyuma kana sa'aatii 4:30 (Sanbata Xiqqaa dabalatee) bakka dorgomtoonni yookan bakka bu'uunni seera qabeessi argamanitti kutaa Adeemsaa Bittaa fi bulchiinsa Qabeenyaa fi Tajaajila Maraa Lakk 8 fulduraattii ni banama. Haata'u malee guyyichi guyyaa hojii mootummaa yoo hin taane guyyaa hojii mootummaa itti aanu ta`a.
  8.  Manni hojichaa filannoo fooyya'aa yoo argate caalbaasicha walakkaadhan yookan guutumaa guututti haquu ni danda'a.

Odeefannoo dabalataatiif lakkoofsa bilbilaa 0922834549/0910600308 bilbiluun

hubachuu ni danda'u.

Teessoo

Wajjiraa Mallaqaa kutaa Magaala kuraa jiddaa Moraa Bulchinsaa kutaa

Magalaa kuraa jiddaa

Keessaatti argamnaa.

Wajjiraa Mallaqaa kutaa Magaala kuraa jiddaa


Tender details

  • Deadline: 2026-09-17
  • Bid closing time: 10:00
  • Bid closing (note): 16ffaa ganama sa'aatii 4:00
  • Bid opening: 2026-09-17 10:30
  • Bid opening (note): 16ffaa ganama sa'aatii 4:30
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Wajjiraa Mallaqaa kutaa Magaala kuraa jiddaa
  • Bid bond: Qarshii 50,000.00 tokko tokkoon
  • Bid document price: Qarshii 1000.00 tokko tokkoon
  • Published on: Addis Zemen (Aug 31, 2026)
  • Posted at: 2026-09-01T11:58:56.000Z
← Back to all tenders