Equipment and Accessories

Waajjirri Maallaqaa Kutaa Magaalaa Dhibaayyuu beeksisa caalbaasii ifaa bittaa meeshaalee adda addaa, baajaajii, mootor saayikilii fi uffata seeraa hojjettootaa kan bara baajataa 2019 baasee jira.

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa

Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu Kutaa Magaalaa Dhibaayyuutti Waajjirri Maallaqaa Kutaa Magaalaa Dhibaayyuu bara baajetaa 2019tti manneen hojii sadarkaa kutaa magaalaatti argamanii fi sekteroota aanaalee kutaa magaalaa keenya jala jiraniif bittaa meeshaalee adda addaa kanneen akka;-

1. Meeshaalee elektirooniksii

2. Meeshaalee biiroo keessaa (Furniture)

3. Meeshaalee dhumeeyyii biiroo keessaa (Isteeshinerii)

4. Meeshaalee qulqullinaa

5. Baajaajii fi moter saayikilii

6. Gommaawwanii fi baatiriiwwan konkolaataa adda addaa fi

7. Uffata seeraa hojjettoota mootumma caalbaasi i ifaatiin waldorgomsiisee bituu barbaada.

Ulaagaalee barbaachisan:

1. Heyyama daldalaa kan haroomfame dhiyeessuu kan danda'u.

2. Ragaa Galmaa'aa VAT ta'uu isaanii ibsu kan dhiheeffachuu dandahan.

3. Lakkoofsa eenyummeessaa kaffalaa gibiraa (TIN) kan dhiyeessuu danda'u.

4. Ragaa galmee dhiyeessummaa irratti galmaa'uu isaanii dhiyeeffachuu kan danda'an.

5. Gibira mootummaa kaffaluu isaaf waraqaa ragaa (kiliraansii) dhiyeeffachuu kan danda'an.

6. Sanada caalbaasii qophaa'e qarshii hin deebine qarshii 1000.00(kuma tokko qofa) Baankii Siinqee lakkoofsa akkaawuntii 1054553631214 maqaa Mana Qopheessaa Kutaa Magaalaa Dhibaayyuutiin banamee jiru irratti galii gochuun nagahee Waajjira Galii K/M Dhibaayyuutti jijjiiruun nagahee keessan qabattanii gamoo Waajjira Lafaa Mag. Bishooftuu Waajjira Maallaqaa Kutaa Magaalaa Dhibaayyuu darbii 4ffaa kutaa Bittaa irraa guyyaa hojiitti ganama sa'aatii 2:30-6:30 sa'aa booda 7:30-11:30tti argamuun fudhachuun dorgomuu ni dandeessu.

7. Dorgomtoonni sanada caalbaasii isaanii haqaa laaqa tokko malee sirriitti guutuun:-

7.1 Dokumantii Faayinaansii sanada dhiyeessa yaada dorgommii irratti maqaa dhaabbatichaa fi gosa sanadichaa barreessuun chaappaa fi mallattoo isaaniitiin mirkaneessaan Orijinaalaa fi kooppii adda
addatti poostaadhaan saamsuun dhiyeessuu qabu.

7.2 Dookumentii teeknikaa lak 1-5 ibsaman maqaa dhaabbatichaa fi gosa sanadichaa barreessuun chaappaa fi mallattoo isaaniitiin mirkaneessaan Orijinaalaa fi kooppii adda addatti poostaadhaan saamsuun guyyoota fi sa'aatii caalbaasichaan eeyyamame keessatti sanduuqa dhimma kanaaf qophaa'e keessatti galchuu qaban.

8. Dorgomtootni yaada fooyya'insaa sanada irrattis ta'e kanneen biroo irratti yoo qabaatan guyyaa baniinsa caalbaasichaa guyyaa shan(5) dursanii qaamaan kutaa bittaatti argamuun dhiyeessuu ni danda’u.

9. Dorgomaan kamiyyuu wabummaa kabachiisa caalbaasiitiif qabsiifamu sanadoota hundaafuu bakka tokkotti baankii beekamaa irraa CPO qarshii 90,000.00 (kuma sagaltama qofa) daangaan yeroo ji'a jaha (6) ol ta'e qabsiisuun dookumantii Orijinaala teeknikaa waliin saamsuun galchuu qaba. Haalli COP'n ittiin qophaa'u bakka tokkotti ta'ee sanadni fudhattan kan eeyyama irratti qabdan qofa ta'a.

10. Xalayaan wabummaaf dhiyaatu fudhatama hin qabu.

11. Caalbaasiin kun kan qilleensarra turu gaafa beeksifni kun gaazexaa irratti bahe irraa kaasee guyyoota walitti aanan 15'f banaa ta'ee kan turu ta'ee, caalbaasiin kun gaafa guyyaa 16ffaa sa'aatii 4:00 irratti cufamee guyyuma kana 4:30tti iddoo dorgomtootni ykn bakka bu'oonni isaanii argamanitti ifatti ni banama. Dorgomtoonnii ykn bakka bu'oonni isaanii baniinsa caalbaasii irratti argamuu dhabuun isaanii adeemsa caalbaasichaa kan hin gufachiifne ta'uu isaa ibsina. Iddoo caalbaasichi itti cufamee banamu gamoo Waajjira Lafaa Mag. Bishooftuu Waajjira Maallaqaa Kutaa Magaalaa Dhibaayyuu darbii 4ffaa kutaa Bittaatti ta'a.

12. Dorgomaan guyyaa fi sa'aatii jedhame dabarsee dhufe fudhatama hin qabu.

13. Guyyaan cufinsaa fi baninsa caalbaasii ayyaana ykn Sanbattan yoo ta'e guyyaa hojii itti aanu sa'aatii walfakkaatu irratti ni banama.

14. Waajjirichi filannoo biraa yoo argate caalbaasicha guutummaan guututtii ykn gar tokkeen haquuf mirga qaba.

Odeeffannoo dabalataaf: 09 12 19 61 55 ykn 09 61 95 29 70
Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuutti Waajjira Maallaqaa
Kutaa Magaalaa Dhibaayyuu


Tender details

  • Deadline: 2026-09-16
  • Bid closing time: 12:00
  • Bid closing (note): 16ffaa sa'aatii 4:00 irratti
  • Bid opening: 2026-09-16 12:00
  • Bid opening (note): 16ffaa sa'aatii 4:30 irratti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuutti Waajjiira Maallaqaa Kutaa Magaalaa Dhibaayyuu
  • Bid bond: Qarshii 90,000.00
  • Bid document price: Qarshii 1000.00
  • Published on: Addis Zemen (Sep 01, 2026)
  • Posted at: 2026-09-01T14:49:38.000Z
← Back to all tenders