Stationery
Naannoo Oromiyaatti Waajjirri Maallaqaa Godina Buunnoo Beddellee waajjiraalee godinicha jala jiraniif bara baajataa 2019 meeshaalee tajaajilaaf oolan kan akka meeshaalee barreessaa, elektironiksii, farnicharii, qulqullinaa, gommaa konkolaataa, motarsaayik
More tags
Description
Beeksisa Calbaasii Ifaa
Naannoo Oromiyaatti Waajjirri Maallaqaa Godina Buunnoo Beddellee waajjiraalee godinicha jala jiraniif bara baajataa 2019 meeshaalee tajaajilaaf oolan kan akka meeshaalee barreessaa, elektironiksii, farnicharii, qulqullinaa, gommaa konkolaataa, motarsaayikilii fi uffata seeraa hojjattootaa caalbaasii ifaan dorgomsiisee bituu barbaada. Kanaafuu, dhaabbatni ulaagaa armaan gadiitti ibsaman guuttan dorgomuu ni dandeessu.
1. Eeyyama hojii daldalaa kan haaromsee fi gibira waggaa kan kaffale ta'uu fi ragaa kan dhiyeessu ta'uu qaba.
2. Waraqaa ragaa dhiyeessummaa dhiyeeffachuu kan danda'u.
3. Ragaa VAT fi TIN dhiyeeffachuu kan danda'u.
4. Tokkoon tokkoon kabachiisa caalbaasiidhaaf:-
- 4.1 Meeshaalee barreessaaf Qarshii 60,000(kuma jaatama)
- 4.2 Meeshaalee elektironiksii Qarshii 60,000(kuma jaatama)
- 4.3 Farniichariif Qarshii 30,000(kuma soddoma)
- 4.4 Meeshaalee qulqullinaaf Qarshii 20,000(kuma digdama)
- 4.5 Uffata seeraaf Qarshii 60,000(kuma jaatama)
- 4.6 Mooter saayikilootaaf Qarshii 30,000(kuma soddoma)
- 4.7 Gommaa konkolaataaf Qarshii 60,000(kuma jaatama)lakkoofsa herregaa (account no) Baankii Siinqee Waajjira Maallaqaa Godina Buunnoo Beddellee 1051865771217tti galii gchuun galii godhee fi ragaa baankii (Bank Advice) dhiyeeffachuu kan danda'uu dorgomaan caalbaasicha erga mo'atee booda kabachiisa waliigaltee gatii meeshaalee mo'ate walii gala 10% qabsiisuu kan danda'u.
5.Dorgomaan caalbaasicha mo'ate dhiyaatee walii galtee mallatteessuuf fedhii kan qabuu fi meeshicha guyyaa 15 keessatti baasii mataasaatiin dhiyeessuuf fedhii kan qabu.
6. Dorgomichi meeshaa barbaadame baay'inaa fi qulqullina isaa kan eeggate dhiyeessuuf dirqama qaba.
7. Dorgomtootni uffata danbii hojjattoota mootummaa irratti dorgomtan samuda(Sample) carqii waajjiraan dhiyaatee sanada waliin bitattan ilaaluun gatiin dorgommiif kan guuttattan ta'ee, kanneen waajjirichi sample (saamuda) hin dhiyeeffanne dorgomaan kamiyyuu dursa poostaa caalbaasii waliin kan dhiyeeffatu ta'ee qulqullinni samuudaa tekinika caalbaasii kanaatti waan ilaalamuuf dorgomaan qulqullina samuudaan kufe gara dorgommii gatiitti kan hin darbine ta'uu beekuu qaba.
8. Dhaabbatni farnicharii irratti dorgomu yoo mo'ate hidhee kan dhiyeessuu danda'u ta'uu qaba.
9. Dorgomtoonni sanada caalbaasichaa irratti mallattoo teessoo fi chaappaa itti gochuudhaan sanada teeknikaa ibsu poostaa tokkoo (1) fi sanada gatii ibsu orjinaalaa fi koppii ibsu poostaa lama (2)adda addatti waliigala poostaa sadii saamsame dhiyeessuu qaba.
10. Sanada caalbaasii dorgomamu gatii irratti haqaa fi laaqa kan hinqabnee fi dubbifamuu kan danda’u taʼuu qaba.
11. Waajjirichi baay'ina gaafatame 20% daabaluuf ykn hir'isuuf mirga guutuu qaba.
12. Caalbaasichi guyyaa gaazexaa irratti bahee irraa eegalee guyyaa hojii 15(kudha shan) qilleensa irra turuun gaafa guyyaa 16(kudha jahaa) ganama sa'aatii 4:00tti cufamee sa'aatii 4:30tti banama.
13. Waajjirichi karaa filatamaa yoo argate caalbaasicha gartokkees ta'e guutummaan guutuutti hambisuu ykn haquuf mirgi isaa eegamaadha.
14. Bakka sanadni itti argamu Waajjira Maallaqaa G/B/ Beddellee Kutaa Adeemsa Hojii Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenyaa irraa ta'ee gatiin sanada tokkoo qarshii hin deebine 100(dhibba tokko) dha.
15. Ibsa dabalataa sanada bitattan irraa argattu.
Odeeffannoo dabalataaf: 047 445 1802 ykn 09 11 27 88 53
Waajjira Maallaqaa Godina Buunnoo Beddellee
Tender details
- Deadline: 2026-09-22
- Bid closing time: 12:00
- Bid closing (note): gaafa guyyaa 16(kudha jahaa) ganama sa'aatii 4:00tti
- Bid opening: 2026-09-22 12:00
- Bid opening (note): gaafa guyyaa 16(kudha jahaa) ganama sa'aatii 4:30tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Naannoo Oromiyaatti Waajjirri Maallaqaa Godina Bunnoo Beddellee
- Bid bond: Lootiidhaan adda addaa dha
- Bid document price: Qarshii 100.00
- Published on: Addis Zemen (Sep 04, 2026)
- Posted at: 2026-09-04T07:58:40.000Z