Stationery
Godina Harargee Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Odaa Bultuum bara bajataa 2019tti waajjiroota mootummaa aanichaa keessatti argamaniif meeshaalee barreeffamaa adda addaa, meeshaalee qulqullinaaf oolan, meeshaalee dhumoo adda addaa fi meeshaalee dhaabboo
Description
Beeksisa Caalbaasii Ifaa
Godina Harargee Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Odaa Bultuum bara bajataa 2019tti waajjiroota mootummaa aanichaa keessatti argamaniif meeshaalee barreeffamaa adda addaa, meeshaalee qulqullinaaf oolan, meeshaalee dhumoo adda addaa fi meeshaalee dhaabboo (elektironiksii fi farnicharaa) caalbaasii ifaatiin waldorgomsiisee bituu waan barbaaduuf dorgomtotni ulaagaa armaan gadii guuttan dorgomuu nidandeessu.
1. Dorgomtootni hayyama daldalaa hojii kanaan walqabatu irratti bobba'anii fi ragaa kaffalaa gibiraa (TIN) fi galmaa'aa VAT kan ta'an gibira mootummaa bara kanaa kaffaluun hayyama hojii isaanii kan haarome dhiheeffatuu kan danda'anii fi akkasumas facaatii dhiheessaa meeshaalee Waajjira mootummaA (supplier list) irratti hirmaAtuuf ragaa dhiheeffatuu kan danda'an.
2. Dorgomtootni sanada caalbaasii guyyaa beeksisni kun gaazeexaatiin ba'ee irraa eegalee guyyoota hojii walitti aanu guyyaa 15 gidduutti Waajjira Maallaqaa Aanaa Odaa Bultuum adeemsa bittaa fi bulchiinsa qabeenyaatti argamuun sa'aatii hojii mootummaatti dhihaatuun maallaqa hin deebine Qr- 500 (dhibba shan) kaffaluun bitachuun ni danda'ama.
3. Dorgomtootni kabachiisa caalbaasii qarshii 280,000 (kuma dhibba lamaa fi kuma saddeettama) CPO baankiidhaan mirkanaa'een osoo caalbasichi hin banamiin dura dhiheeffatuu qaban.
4. Dorgomtonni caalbaasii irratti kan hirmaatan ammaan dura waajjira mootummaaf meeshaa dhiheessuu isaanii waraqaa ragaa kan qabanii fi ragaa dhiheessuu kan danda'an ta'uu qaban.
5. Dorgomtootni sanada yaada dorgommii gatii isaanii guutuun poostaa lamaan orijinaalaa fi koppii isaa addaan baasuun samisen sumuda dhaabbatichaa itti dhahuun hanga guyyaa 18/1/2019 sa'aatii 4:00tti kutaa bittaa fi bulchiinsa qabeenyaa sanduqaa caalbaasii kanaaf qophaa'e keessa galchuu qaban. Caalbaasichis guyyuma kana ganama irraa sa'aatii 4:00ttti cufamee sa'aatii 4:30 bakka dorgomtootni ykn bakka bu'oonni argamanitti nibanama. Haata'u malee dorgomtootni ykn bakka bu'ooni argamuu dhabuun adeemsa caalbasichaa hin gufachiisu. Guyyaan heerame kun ayyaana ykn waajjirri cufaa yoo ta'e caalbaasichi guyyaa hojii itti aanu sa'aatii wal-fakkaataatti nibanama.
6. Dorgomtootni caalbaasii irratti mo'ataman kabachiisa caalbaasii qabsiisan yeroo dhumaa sanitti kan deebi'uuf ta'a.
7. Qulqullina meeshaa ilaaluuf meeshaalee samsaman erga banamanii booda rakkoo qulqullinaa kan qabaatu yoo ta'e dhaabbatni mo'ataa ta'ee meeshaa qulqullina qabu bakka buusuuf dirqama qaba.
8. Dhaabbatni mo'ataa ta'ee mo'ataa ta'uun isaa itti himame guyyaa 5 (shan) keessatti amma maallaqa mo'ate irraa 10% qabsiisuun waliigaltee mallatteessuu qaba.
9. Dhaabbatni mo'ataa ta'ee meeshaalee mo'atee dhihessuuf waliigaltee mallatesse guyyaa waliigaltee mallatteesse guyyaa 15 keessatti meeshaalee mo'ate dhihessuu qaba. Yoo guyyaa jedhametti dhihessuu baate guyyaa xumura waliigaltee irraa eegalee guyyaa guyyaan 0.1% kan adabamu ta'a.
10.Dhaabbatni mo'ataan meeshaalee mo'ate kaffaltii geejjibaa fi korsiisee buusaa baasii mataa isaatiin hanga Waajjira Maallaqaa Aanaa Odaa Bultuumitti dhiheessuu qaba.
11.Dhaabbatni mo'ataa ta'ee waliigaltee mallatteessee meeshaa waliigaltee irratti ibsameen ala gosaa meeshaa biraa jijjiiruun ykn meeshaan magaala irra hinjiru jechuun yaadni dhihaatu waajjira biratti fudhatama hin qabu.
12. Waajjirri caalbaasii kana gar tokkeen ykn guutummaa guututti haquuf mirga guutuu qaba.
Teessoon: Godina Harargee Lixaa Aanaa Odaa Bultuum Baddessaa
Bilbila: 0910119778/0913767333
Godina Harargee Lixaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Odaa Bultuum
Tender details
- Deadline: 2026-09-28
- Bid closing time: 10:00
- Bid opening: 2026-09-28 10:30
- Region: Oromia
- Publishing entity: Godina Harargee lixaattii Wajjirii MWD Aana Odaa Bultuum
- Bid bond: Qarshii 280,000.00
- Bid document price: Qarshii 500.00
- Published on: Addis Zemen (Sep 05, 2026)
- Posted at: 2026-09-05T07:31:03.000Z