Cleaning and Janitorial Equipment and Service

Waajjirri Maallaqaa A/Booraa bara baajataa 2019tti  seektaroota baajanni isaanii isa jalatti bulaniif kan tajaajilu Meeshaalee barreeffamaa fi dhumeeyyii biiroo, Meeshaalee elektirooniksii, Meeshaalee dhaabbii /furniture/, Meeshaalee qulqullinaa, Gommaa k

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa

Waajjirri Maallaqaa A/Booraa bara baajataa 2019tti  seektaroota baajanni isaanii isa jalatti bulaniif kan tajaajilu:-

  1. Meeshaalee barreeffamaa fi dhumeeyyii biiroo,
  2. Meeshaalee elektirooniksii,
  3. Meeshaalee dhaabbii /furniture/,
  4. Meeshaalee qulqullinaa,
  5. Gommaa konkolaataa fi
  6. Uffata seeraa hojjettoota mootummmaaf caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bituu barbaada.

Haaluma kanaan dorgomtoonni ulaagaa armaan gadii guutuu danda'an akka dorgoman ni affeerra.

1. Dorgomtoonni heyyama hojii daldalaa haaromfame kan qaban/haarawa kan baafatanii fi ragaa kan dhiyeessan ta'uu qabu.

2. Dorgomtoonni galmaa'aa TIN kan ta'anii fi kaffalaa taaksii dabalata qabeenyaa /VAT/ galmaa'aa kan ta'an. Kanaafis ragaa dhiyeessuu qabu.

3. Dorgomtoonni weeb-saayitii galmee dhiyeessummaa Biiroo Maallaqaa Federaalaa irratti kan galmaa'anii fi yeroo ammaa weeb-saayitii irratti galmaa'aa ta'uu isaanii kan ibsu ragaa koppii isaa qabsiisuu kan danda'an ykn Biiroo Maallaqaa Naannooleetti galmee dhiyeessitootaa irratti kan galmaa'an ta'ee, kanaafis ragaa dhiyeeffachuu qabu.

4. Dorgomaan kamiiyyuu caalbaasicha irratti hirmaachuuf, kabachiisa caalbaasii:- Meeshaalee barreeffamaa fi dhumeeyyii, meeshaalee qulqullinaa fi uffata seeraa hojjettoota mootummmaa fi meeshaalee hojii lootii lootidhaan addatti CPO Qarshii 5000 (kuma shan) qabsiisuu qabu. Kanamalees, meeshaalee elektirooniksii, meeshaalee dhaabbii /furniture/ fi gommaa konkolaataa lootii lootidhaan addatti CPO Qarshii 6000 (kuma jaha) qabsiisuu qaba. Haata'umalee, dorgommicha kan hin mo'anne ykn osoo hin darbiin hafan yoo ta'e, mo'achuu dhabuun isaanii erga mirkanaa'ee CPO kabachiisa caalbaasiidhaaf qabsiisan yeruma sanitti kan deebi'uuf ta'a.

5. Dorgomtoonni sanada caalbaasii ittiin dorgoman maallaqa hin deebine Qarshii 500 (dhibba shan) kaffaluun beeksifni gaazexaatiin guyyaa bahe irraa eegalee guyyoota hojii 15 (kudha shan) walitti aansuudhaan sanada caalbaasi Waajjira Maallaqaa A/Booraa biiroo lakkoofsa 7tti dhiyaachuun bitachuu ni danda'u.

6. Dorgomaan kamiiyyuu poostaa sanada caalbaasii ittiin saamsamee dhiyaatu irratti maqaa dhaabbata isaa fi teessoo isaa qixa sirriin ibsee chaappaa dhaabbatichaa itti dhahuun sanada caalbaasiii irratti mallatteessee chaappaa itti dhahuudhaan sanada caalbaasii orijinaalaa fi kooppii adda addatti poostaan saamsuudhaan dhiyeessuu qaba.

7. Sanadni caalbaasii beeksifni gaazexaatiin guyyaa bahe irraa eegalee guyyoota hojii 15 (kudha shan) walitti aansuudhaan sa'aatii 2:30 hanga 11:30tti gurguramuun dorgomtoonni sanadni caalbaasii guyyaa beeksifni caalbaasichaa bahee irraa eegalee hanga guyyaa hojii guyyaa 16a (guyyaa kudha jahaffaa) hanga sa'aatii 6:00tti saanduqa caalbaasichaaf qophaa'e keessa galchuun guyyuma kana sa'aatii 6:00tti saamsamee sa'aatii 8:30tti iddoo dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni caalbaasichaa irratti hirmaachuu barbaadan argamanitti banama.

8. Dorgomaan kamiiyyuu meeshaalee ittiin dorgomu meeshaalee barreeffamaa fi dhumeeyyii, meeshaalee qulqullinaa fi uffata seeraa hojjettoota mootummaa fi meeshaalee hojii sanadni caalbaasii osoo hin banamiin samuudaa qaamaan dhiyeessuu qabu. Kana malees, meeshaalee elektirooniksii fi meeshaalee dhaabbii / furniture/ samuudaa qaamaan ykn fakkiidhaan (footoodhaan) ispesifikeshiniitiin karaa ifa ta'een deeggaramee caalbaasichi osoo hin banamiin samuudaa poostaan saamsamee maqaa fi teessoo qixa sirriin chaappaa itti godhee dhiyeessuu qaba.

9. Waajjirri Maallaqaa A/Booraa filannoo biraa yoo argate caalbaasichagartokkeen ykn guutummaa guututti haquudhaaf mirgi isaa kan eegame ta'uun isaa beekamuu qaba.

Hubachiisa:-

Dhaabbanni dorgomu kamiiyyuu ulaagaa ittiin dorgoman guutummaa guututti qixa sirriin mirkaneeffatee hubachuu qaba. Yoo kana ta'uu baate dogongora uumamu kamiifiyyuu sirreeffamni kan hin godhamne ta'uu ibsina.

Dorgomtoonni gatiin dhiyyeessaan VAT duraa ta'uu isaa fi VAT boodaa ta'uu isaa ifatti sanada caalbaasii gatiin irratti dhiyaatu irratti ibsuu qabu.

Dorgomtoonni meeshaalee mo'atan hundaa baasii ofii isaaniitiin kan fidan ta'uu isaa beekuu qabu.

Teessoon:- Magaalaa Bootee Bulchiinsa Aanaa keessaa

Lakkoofsa bilbilaa: 0932170959/0923671111 bilbiltanii dubbisuu ni dandeessu.

Godina Shawaa Bahaatti Waajjira Maallaqaa A/Boorga


Tender details

  • Deadline: 2026-09-23
  • Bid closing time: 12:00
  • Bid closing (note): 16a (guyyaa kudha jahaffaa) hanga sa'aatii 6:00tti
  • Bid opening: 2026-09-23 14:30
  • Bid opening (note): 16a (guyyaa kudha jahaffaa) hanga sa'aatii 8:30tti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Godina Shawaa Bahaatti Waajjira Maallaqaa A/Boorga
  • Bid bond: Lootiidhaan adda addaa dha
  • Bid document price: Qarshii 500 (Dhibba shan)
  • Published on: Addis Zemen (Sep 05, 2026)
  • Posted at: 2026-09-05T09:08:20.000Z
← Back to all tenders