Stationery
Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Aqaaqii Bara Baajataa 2019tti Seektaroota baajanni isaanii isa jalatti bulaniif Kan Tajaajilu Meeshaalee Isteeshineerii dhumataa biiroo, qulqullinaa, uffata seeraa hojj
StationeryOffice Supplies and ServicesCleaning and Janitorial Equipment and Service
Oromia
More tags
Textile, Garments and UniformsTextile, Garment and LeatherShoes and Other Leather ProductsSpare Parts and Car Decoration MaterialsEquipment and AccessoriesElectrical, Electromechanical and ElectronicsComputer and AccessoriesIT and TelecomOffice Machines and AccessoriesHome Appliance and SuppliesFurniture and FurnishingKitchen EquipmentOffice FurnitureTri Wheeler, Motorcycles and Bicycles PurchaseEnglish2merkatoGodina Shawaa Bahaatti Waajjira Maallagaa Aanaa Aqaaqii
Description
Beeksisa Caalbaasii Ifaa
Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Aqaaqii Bara Baajataa 2019tti Seektaroota baajanni isaanii isa jalatti bulaniif Kan Tajaajilu Meeshaalee Isteeshineerii dhumataa biiroo, qulqullinaa, uffata seeraa hojjettootaa, Gommaa Konkolaataa fi Motercyikilootaa (Doqdoqqee), Elektirooniksii fi feernicherootaa Bituu Barbaada. Haaluma kanaan dorgomtoonni ulaagaa armaan gadii guutuu danda'an akka dorgoman ni afeera.
- Dorgomtoonni Heyyama Hojii daldalaa haaromfame kan qaban/haarawa kan baafatanii fi ragaa kan dhiyeessan ta'uu qabu.
- Dorgomtoonni Galmaa'aa TIN kan ta'anii fi kaffalaa taaksii dabalata qabeenyaa VAT/galmaa'aa kan ta'an Kanaafiis Ragaa dhiyeessuu qabu.
- Dorgomtoonni Weeb-saayitii Galmee dhiyeesummaa Biiroo maallaqaa Federala irratti kan galmaa'anii fi yeroo ammaa weeb-saayitii irratti galma'aa ta'uu isaanii kan ibsu ragaa koppii isaa qabsiisuu kan danda'an ykn Biiroo Maallaqaa Naannooleetti Galmee dhiyeessitootaa irratti kan galmaa'an ta'ee, kanaafis raga dhiyeeffachuu qabu.
- Dorgomaan kamiiyyuu caal-baasicha irratti hirmaachuuf, kabachiisa caal- baasii Meeshaalee Isteeshineerii CPO Qar. 25,000.00 (kuma digdmii shan qofa), Meeshaalee dhumataa biiroo CPO Qar. 8,000.00 (kuma sadet qofa), Meeshaalee qulqullinaa CPO Qar.8,000.00 (kuma sadet qofa), uffata seeraa hojjetooootaa CPO Qar.10,000 (kuma kudhaan qofa) Gommaa Konkolaataa fi Doqdoqqee CPO Qar.20,000 (kuma digdama qofa) Meeshaalee Elektirooniksii CPO Qar.25,000 (kuma Digdamii shan qofa), Meeshaalee feernicheraa CPO Qar.10,000 (kuma kudhaan qofa lootii irratti daorgomanii adda adda basuun qofa qofattti qabsiisuu qaba. Haa ta'u malee, Dorgomicha kan hin mo'anne ykn osoo hin darbin hafaan yoo ta'e, mo'achuu dhabuun isaanii erga mirkanaa'ee booda CPO kabachiisa caal-baasiidhaaf qabsiisan yeruma sanitti kan deebi'uuf ta'a.
- Dorgomtoonni Sanada caal-baasii ittin dorgoman maallaqa hin deebine lotti irratti dorgomaniif Qar. 200.00 (Dhibba lama qofa) kaffaluun beeksifni Gaazexaa Addis Zamaniin guyyaa bahe irraa eegalee guyyoota hojii 15 (kudha shan) walitti aansudhaan sanada caal-baasi Waajjira Maallaqaa Aanaa Aqaaqii biiroo lakkoofsa 12 tti dhiyaachuun bitachuu ni danda'u
- Dorgomaan kamiiyyuu poostaa sanada caal-baasii ittin saamsamee dhiyaatu irratti maqaa dhaabbata isaa fi teessoo isaa qixa sirriin ibsee chaappaa dhaabbatichaa itti dhahuun sanada caal-baasiii irrattii mallatteessee chappaa itti dhahuudhaan sanada caal-baasii Orijinaala fi kooppii adda addatti poostaan saamsudhaan lootii lootiin dhiyeessuu qaba.
- Dorgomtoonni kamiyyuu gatii sanada caal-baasii Waajjirri Maallaqaa Aanaa Aqaaqii qopheesse irratti guutuu qabu.
- Dorgomaan kamiyyuu meeshaalee Isteeshineerii, dhumataa biiroo, qulqullinaa, uffata seeraa hojjettootaa,Gommaa Konkolaataa fi Motercyikilootaa (Doqdoqqee), Elektirooniksii fi Feernicherootaa ittiin dorgomu samuudaa qaamaan ykn fakkiidhan (Footoodhaan) Ispesifikeshiniitin karaa ifa ta'een deeggaramee caal-baasichi osoo hin banamin samuudaa poostaan saamsamee maqaa fi teessoo qixa sirriin chaappaa itti godhee dhíyeessuu qaba.
- Dorgomtoonni meeshaalee dhiyeessan guutumaan guututti orijinaala ta'uu qabu.
- Baay'ina meeshaalee barbaadamu kan isin beeksifnu gatiin Caal-baasii ittiin moo'atame erga adda bahee booda ta'uu beckuu qabu.
- Dorgomtoonni Manni hojii bittaa meeshaa raawwatu dorgomaa moo'ataa ta'ee filatame waliin waliigaltee mallatteessuun dura gatii ittiin moo'ate osoo hin jijjiirin baay'ina dhiyeessii ajaja itti kennu irraa %20 hir'isuu ykn dabaluu akka danda'u beekuu qabu
- Dorgomtoonni meeshaalee ittin moo'ataa ta'an geejjiba mataa isaanii fi baasii isaanitiin fe'anii dhiyeessudhaaf, waajjiricha waliin waliigaltee mallatteessuu qabu.
- Sanadni caal-baasii beeksifni Gaazexaa Addis Zamaniin guyyaa bahe irraa eegalee guyyoota hojii 15 (kudha shan) walitti aansudhaan sa'ati 2:30 hanga 11:30 tti gurguramuun dorgomtoonni sanadni caal-baasi guyyaa beeksifni caal-baasichaa bahee irraa eegale hanga guyyaa hojii guyyaa 16 ffaa (guyyaa kudha jahaffa) hanga sa'a 4:00 tti saanduqa caal-baasichaaf qophaa'e keessa galchuun guyyuma kana sa'a 4:00 tti saamsamee sa'a 4:30 tti iddoo dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni caal- baasicha irratti hirmaachuu barbaadan argamanitti banama.
- Dorgomaan caalbaasichaa dorgomee moo'ate mana hojii waliin waliigaltee kan mallatteessuu ta'uu isaa beckuu qaba.
- Waajjirri Maallaqa Aanaa Aqaaqii filannoo biraa yoo argate caalbaasicha gartokkeen ykn guutumaa guututti haquudhaaf mirgi isaa kan eegame ta'uun isaa beekamuu qaba.
Hubachisaa:-
- Dhaabbanni dorgomu kamiyyuu Dabalataan qajeelfama sanada bittaa waliin dhiyaate ulaagaa ittiin dorgoman guutummaa guutuutti qixa sirriin mirkaneeffatee hubachuu qaba. Yoo kana ta'uu baate dogongora uumamu kamiifiyyuu sirreeffamni kan hin godhamne ta'uu ibsina.
- Dorgomtoonni Gatiin dhiyyeesan VAT duraa ta'uu isaa fi VAT boodaa ta'uu isaa ifatti sanada caal baasii gatiin irratti dhiyaatu irratti ibsuu qabu.
Teessoon:- Magaalaa Bishooftuu K/M/Duukam Hotela BLUE NILE Fuuldura
Lakkofsa Bilbilaa 0913869014 ykn 0954692097 Bilbilanii dubbisuun ni dandeessu
Godina Shawaa Bahaatti Waajjira Maallagaa Aanaa Aqaaqii
Tender details
- Deadline: 2026-09-24
- Bid closing time: 10:00
- Bid closing (note): 16 ffaa (guyyaa kudha jahaffa) hanga sa'a 4:00 tti
- Bid opening: 2026-09-24 10:30
- Bid opening (note): 16 ffaa (guyyaa kudha jahaffa) hanga sa'a 4:30 tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Godina Shawaa Bahaatti Waajjira Maallagaa Aanaa Aqaaqii
- Bid bond: Lootiidhaan adda addaa dha
- Bid document price: Qarshii 200.00 tokkoon tokkoof
- Published on: Addis Zemen (Sep 06, 2026)
- Posted at: 2026-09-07T08:08:11.000Z
- Source: 2merkato