Stationery
Waajjira Maallaqaa Aanaa Liiban Meeshaalee Aadadaa bituu barbaada.
More tags
Description
Beeksisa Caalbaasii Bittaa Meeshaalee Marsaa 1ffaa Bara 2019
Godina Boorana Bahaatti Waajjirri Maallaqaa Aana Liiban manneen hojii mootummaa Aanicha keessatti argamaniif 1.Meeshaalee Barreessaa 2,Meeshaalee Qulqulleessaa 3, Meeshaalee Dhaabbii Xixiqqaa Biiroo keessaa 4, Bittaa Uffata hojii fi Gatii Hodhaa 5, Meeshaalee Dhaabbii 6, Meeshaalee Elektirooniksii.Motooraa fi Korboo Konkolaataa Bara Baajataa 2019tiif Caalbaasii ifaatiin Wal-dorgomsiisee bituu barbaada. Kanaafuu kanarratti dorgomtoontni hirmaachuu barbaadan, bu'uuruma kanaa gaditti ibsameen dhiyaatanii dorgomuu nii dandeessu.
1. Dorgomtootni kallattii hojii daldala isaaniitiin hayyama daldalaa isaanii seera qabeessa ta'e gibira hojii baara kana itti kaffalan, facaatii (list) kenna tajaajilaa keessaa ragaa sanadoota ittiin galmaa'anii fi Galmaa'aa faayinaansii ta'uu isaanii footoo koppii isaa sanada caalbaasii waliin qabsiisanii dhiyeessuu qabu.
2. Dorgomtoonni dhiyaatan galmaa'aa taaksii dabalataa (VAT) galmaa'uu isaaniitiif raga dhiyeeffachuu kaan danda'an ta'uu qaba.
3. Dorgomtoonni sanada caalbaasii guyyaa beeksfni kunn Gaazexaa Kallacha Oromiyaatiin maxxanfamee bahee eegalee yeroo hundaa sa'aatii hojii maallaqa hin deebine qarshii 200.00 kaaffaluun kutaa bittaa waajjira keenyaa lakk.02tti dhiyaachuun gaafa 28/12/2018 irraa jalqabee hanga sa'aatii 11:30tti sanadicha bitachuu nii dandeessu.
4.Dorgomaan kamiyyuu kabachiisa caalbaasiif kan oolu gatii tilmaama bittaa waliigalaa %2 maqaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Liibanitiin cheekii (CPO) Baankiitiin mirkanaa'e sanada Orijinaala caalbaasichaa waliin qabsiisee dhiyeessuu qaba.
5. Dorgomtoonni sanada caalbaasii Meeshaalee, Qulqulleessaa fi dhaabbii xixiqqaa poostaa saamsamnii orjinaalaafi koppii adda baasuun gaafa guyyaa 06/01/2019sa'aatii 4:00 hanga 6:00tti Waajjira Maallaqa Aanaa Liibanitti saanduqa caalbaasichaaf qophaa'e keessa galchuu qabu.
6. Caalbaasichi Meeshaalee, qulqulleessaa fi dhaabbii xixiqqaa gaafa guyyaa 06/01/2019tti sa'aatii 8:30tti dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni seera isaanii, akkasumas taajjabdoonni bakka argamanitti galma Waajjia Maallaqaa Aanaa Liiban keessatti nii banama.
7. Dorgomtoonni sanada caalbaasichaa Meeshaalee dhaabbiifi, Elektrooniksii poostaa samiin saamsameen, orijinaalaa fi koppii addaan baasuun gaafa guyyaa 07/01/2019 sa'aatii 4:00 hanga sa'aatii 6:00tti Waajjira Maallaqaa Aanaa Liibanitti saanduqa caalbaasicha kanaaf qophaa'e keessa galchuu qabu.
8. Caalbaasichi meeshaalee dhaabbi gaafa guyyaa 07/01/2019tti sa'aatii 8:00irratti Meeshaalee Elektirooniksii 07/01/2019 sa'aatii 10:00irratti dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni seera isaanii, akkasumas taajjabdoonni bakka argamanitti galma Waajjia Maallaqaa Aanaa Liiban keessatti nii banama.
9.Caalbaasichi Meeshaalee Korboo Konkolaataa, Motorsaayikilii, Uffata Seeraa fi gatii Hodhaa poostaa samiin saamsameen Orijinaalaa fi koppii addaan baasuun hanga gaafa guyyaa 08/01/2019 sa'aatii 4:00 hanga sa'aatii 6:00tti Waajjira Maallaqaa Aanaa Liibanitti saanduqa caalbaasichaa kanaaf qophaa'e keeessa galchuu qabu.
10. Caalbaasichi Meeshaalee Korboo Konkolaataa, Motor Saayikilii Uffata Seeraa fi gatii Hodhaa gaafa Guyyaa 13/01/2019 sa'aatii 8:00irratti dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni seera isaanii, akkasumas taajjabdoonni bakka argamanitti galma Waajjira Maallaqaa Aanaa Liibanitti keessatti nii banama.
11. Mo'ataan caalbaasiitiif qarshiin kaan kaffalamuuf Meeshaalee mana kuusaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Liibanitti Moodela 19 erga galchee fi Nagahee seera qabeessa erga dhiyeesseen booda kaan kaffalamuuf ta'a. Mo’aataan caalbaasii meeshaalee ittiin mo'ate hunda hanga Waajjira Maallaqaa Aanaa Liibanitti dhiyeessuu qaba.
12. Afaan Caalbaasiin ittiin gaggeeffamu Afaan Oromootiin
Waajjirichi filannoo fooyya'e yoo argate caalbaasicha guutummaa guutuutti ykn gar-tokkee isaa haquudhaaf miirgi isaa seeraan kaan eegameedha.Odeeffannoo Dabalataaf Lakk. Bilbilaa 0464450641 Lakk.Bilbilaa 0912198352 ykn 0911096002
Waajjira Maallaqaa Aanaa Liiban.
Tender details
- Deadline: 2026-09-18
- Bid closing time: 12:00
- Bid closing (note): Lootii Lootii dhaan garagaraa
- Bid opening: 2026-09-23 14:00
- Bid opening (note): Lootii Lootii dhaan garagaraa
- Region: Oromia
- Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Aanaa Liiban.
- Bid bond: 2%
- Bid document price: Qarshii 200.00
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Sep 03, 2026)
- Posted at: 2026-09-07T08:33:55.000Z
- Source: 2merkato