Computer and Accessories
Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Suluula Fincaa'aa bara baajata 2019tti beeksisa caalbaasii ifaa baasuudhaan bittaa meeshaalee adda addaa raawwachuu barbaada
Computer and AccessoriesIT and TelecomOffice Machines and Accessories
Oromia
More tags
Office Supplies and ServicesOffice FurnitureFurniture and FurnishingHouse FurnitureSpare Parts and Car Decoration MaterialsStationeryCleaning and Janitorial Equipment and ServiceTextile, Garments and UniformsTextile, Garment and LeatherEquipment and AccessoriesElectrical, Electromechanical and ElectronicsTri Wheeler, Motorcycles and Bicycles PurchaseShoes and Other Leather ProductsEnglish2merkatoGodina Horroo Guduruu Wallaggaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Suluula Finca'aa
Description
Beeksisa Caalbaasii Ifaa
Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Suluula Fincaa'aa bara baajata 2019tti beeksisa caalbaasii ifaa baasuudhaan bittaa meeshaalee adda addaa raawwachuu barbaada:-
Gosa bittaa dhiyaate:
- Lottoo 1ffaa. Meeshaalee elektironiksii, farnicherii, gommaa konkolataa fi gommaa motorsaayikilii.
- Lottoo 2ffaa. Meeshaalee barreeffamaa, qulqullinaa fi dhumataa biiroo keessaaf.
- Lottoo 3ffaa. Uffata seeraa hojjettoota mootummaaf.
Kanaafuu, namoota eeyyama isaa qaban dorgomsiisee bituu waan barbaadeef, namoon- ni eeyyama isaa qabdan ulaagaalee armaan gadii guutuu dandeessan akka dorgom- tan isin affeerra.
Ulaagaalee barbaachisan:
- Eeyyama daldalaa haara'e kan bara 2019 kan qabuu fi gibira bara 2018 kan kaffalee fi kaffaluu isaa waraqaa ragaa A/T/Galiiwwanii irraa kan dhiyeessu.
- Tarreeffama dhiyeessitootaa keessatti galmaa'aa kan ta'e.
- Galmaa'aa VAT kan ta'ee fi TIN No. kan qabu.
- Sanada caalbaasichaaf barbaachisu qarshii 1,000.00 (kuma tokko) n W/ra Galii Aanaa Suluula Fincaa'aatti kan hin deebine kaffalee W/ra Maallaqaa kutaa adeemsa garee bittaa, bulchiinsa qabeenyaa, dhabamsiisa qabeenyaa fi tajaajila waliigalaa irraa bitachuu kan danda'u.
- Lottoo 1ffaa kabachiisa caalbaasii meeshaalee elektironiksii, farnicherii fi gommaa konkolaataa fi gommaa motorsayikiliif qarshii 150,000 (kuma dhibba tokkoo fi kuma shantama) CPO qabsiisuuf fedha kan qabu; Lottoo 2ffaa kabachiisa mee- shaalee dhumeeyyiif qarshii 80,000 (kuma saddeettama) CPO qabsiisuuf fedha kan qabu; Lottoo 3ffaa kabachiisa caalbaasii uffata seeraa hojjettoota mootummaaf qa- rshii 50,000 (kuma shantama) CPO qabsiisuuf fedha kan qabu.
- Maallaqa kabachiisa sanadaaf maqaa Waajjira Maallaqaa Aanaa S/Fincaa'aa, Baankii
Daldala Itoophiyaa godhanii kan galchuu danda'an ta'ee, caalbaasiin calalamee mo'atan erga adda bahee guyyaa 10 (kudhan) booda kan deebi'u ta'a. - Kabachiisa waliigalteef qarshii waliigalaa keessaa 10% kan qabsiisuuf fedha kan qabu ta'ee meeshaaleen inni mo'ate yeroo fi qulqullinaan erga dhiyeessee booda kan deebi'u ta'a.
- Dorgomaan meeshaalee mo'ate yeroo fi qulqullinaan yoo dhiyeessuu baate kabachi- ifni waliigaltee fi kabachiifni caalbaasii dorgomaan qabsiise kan dhaalamu ta'a.
- Dorgomaan meeshaalee mo'ate meeshaalee qulqullinaa, meeshaalee barreeffamaa, uffata seeraa fi akkasumas kan barbaachisaa jedhee itti yaade samuda/sample dhiy- eessuu qaba.
- Dorgomaan meeshaalee mo'atetti qaamaan dhiyaatee waliigaltee mallatteessuu qaba. •Dorgomaan sanada kamiyyuu orjinaalaa fi waraabbii (koppii) qofaa qofaaatti poostaa gaggabaabaa saamsee, hunda isaa bakka tokkotti poostaa guddaan gaggabaabaa saamsee dhiyeessuu qaba.
- Dorgomaan kamiyyuu ulaagaalee barbaachisaa ta'e hunda guutuu qaba.
Daldalaan meeshaalee mo'ate hanga man-kuusaa W/ra Maallaqaa A/S/Fincaa'aatti kan dhiyeessu ta'a. - Sanadi caalbaasii guyyaa beeksifni kun bahee kaasee guyyoota hojii mootummaa 21f kan gurguramu ta'ee, saanduqni caalbaasii gaafa guyyaa 21ffaa sa'aatii 8:00tti kan cufamu ta'a.
- Caalbaasichi guyyaa 21f qilleensa irra erga turee booda gaafa guyyaa 21ffaa bak- ka dorgomaan/bakka bu'aan seeraa jirutti W/ra Maallaqaa Kutaa I/G/Waajjiraatti sa'aatii 8:30tti kan banamu ta'ee, dorgomaan sanada galchee baninsa isaa irraa yoo hafe caalbaasicha banuuf kan hin gufachiifne ta'uu isin beeksifna.
Hubachiisa:
- Waajjirichi gatii fooyya'aa ykn filannoo biroo yoo argate caalbaasicha guutummaanis ta'ee gar-tokkeen haquuf mirga guutuu qaba.
- Dorgomaan baninsa caalbaasii irratti yoo hin argamne caalbaasicha banuuf hin gufachiisu.
- Odeeffannoo dabalataaf Gaazexaa Bariisaa Qaam'ee 1 bara 2018 bahe irraa dubbisu-
un ni danda'ama.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Suluula Fincaa'aa
Tender details
- Deadline: 2026-09-30
- Bid closing time: 14:00
- Bid closing (note): gaafa guyyaa 21ffaa sa'aatii 8:00tti
- Bid opening: 2026-09-30 14:30
- Bid opening (note): gaafa guyyaa 21ffaa sa'aatii 8:30tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Suluula Finca'aa
- Bid bond: Lootiidhaan adda addaa dha
- Bid document price: Qarshii 1000.00
- Published on: BARRIISAA (Sep 06, 2026)
- Posted at: 2026-09-07T08:39:56.000Z
- Source: 2merkato