Stationery

Naannoo Oromiyaa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaala Sabbatatti Waajirri Maallaqa Aanaa Caffee meeshaalee Meeshaalee adda addaa bituu barbaada.

Description

Beeksisa Caalbaasii 001/bara baajata 2019

Naannoo Oromiyaa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaala Sabbatatti Waajirri Maallaqa Aanaa Caffee meeshaalee Meeshaalee adda addaa,(meeshaalee barreeffamaa,meeshaalee elektirooniiksii fi far nture qulqullinaafi uffata danbii(seeraa) waldorgomsiisee bu'uura qajeelfama labsii bittaa mootummaan Lakk.157/2002 seektaroota mootummaa aanichaatiif bituu barbaada. Kanaafuu dorgomtoonni ulaagaalee

armaan gadii guutuu dandeessan akka dorgomtan affeeramtaniittu.

1. Dorgomtoonni gosa meeshaalee dhiyeessuuf eeyyama daldaalaa seera qabeessa kan qabuufi gibira bara kanaa kanfaluu isaaf ragaa qulqullinaa dhiyeeffachuu kan danda'uu.

2. Galma'aa VAT kan ta'ee fi ragaa dhiyeeffachuu kan danda'u.

3. Gosa meeshaa kam irratti akka hirmaatan sanada isaan irratti adda baasanii barreessuu qabuu, eeyyama daladaalaa isaaniidhiyeessuu qabu

4. Meeshaa /mi'a /irratti dorgoman maqaa isaa /brand name/ iddoo itti hojjatame adda baasuu qabu.

5. Caalbaasiin erga banamee booda waanta sanada irratti guuttan jijjiiruu,fooyyessuu, fi dhiisuun hin danda'amu.

6. Waajirichi akkaataa barbachisummaa isaan meeshaalee xiqqeessuu fi dabaluu ni danda'a.

7. Akkataa guca dhiyaateen guutee yoo dhiyeessuu baate dogoggora uumamuuf kan itti gaafatamu qaama dhiyeessedha.

8. Saamuda /sample/ meeshaa sanaa yeroo hojii hunda waajira Maallaqaa aanaa caffee Adeemsa bittaa waajira maallaqaa lakkoofsa 01 dhiyeessuun ogeessaan mirkaneessisuu qabu

9. Gatiin tokkoo yeroo guutamu haqaa fi laaqaa kan hin qabne ta'ee gatiin dhiyaatus VAT15% waliin ta'uu kan qabuu ta'uu ibsuun sanadinni dhiyaatuu orjinaalaa fi koppii poostaa kophaa kophaattii Invilooppiin qabsiisuun saanduuqaa caalbaasiif qophaa'eetti guyyaa jedhameetti galchuutu irraa eegama.

10. Mo'ataan kamiyyuu meeshaalee mo'ate fe'ee fidee mana meeshaa waajirichaatti galii taasisa. 

11. Dorgomaan kabachiisaa caalbaasiif Qarshii 100,000( kuma dhibba tokkoo ) CPO maqaa waajiraa Maallaqaa Aanaa Caffeetiin qabsiisuu n sanadaa waliin dhiyeessuu qaba, dugdaa CPO irrattii chaappaa fi Lak BilbilaaBaankichaa yoo hin qabannee fudhatama hin qabu.

12. Dorgomaan tokko mo'amuu isaa yoo beeke dorgommichaaf maallaqa wabummaa qabsiise yeroo sanatti fudhata

13. Sanadinnii Caalbasiin kun gaafaa guyyaa Gaazexaa Kallacha Oromiyaa bahe irraa eegalee guyyaa hojii 15(kudha shan) keessatti maallaqa hin deebine qarshii 500/dhibba sham/ waajira Galii Aanaa Caffectti kanfaluun raga kanfaluu keessaan ibsauu qabachuun sanada caalbaasii waajjira maallaga Aanas Caffee sanada bitachuun gaafa gaafa guyyaa 16ffaa sa'aa 4:00 tti saanduuqinni cufamee gaafuma sana Sa'aa 4:30ti banama.

14. Guyyaan Olitti ibasee(guyyaan cufinsaa fi Baninsaa) Guyyaa Ayyaanaa, Sanbataa fi dilbata irraa bu'ee guyyaa hojii itti aanuu isa jalqabaa ta'a.

15. Waajirichi carraa fooyya'aa yoo argate caalbaasicha guutumaan guutuutti ykn gartokkeen haquu ni danda'a Hub Dorgomtoonni mi'oota yeroo jedhame keessatti xumuree dhiyeessuu qaba Odeffannoo Dabalataaf 0910069344 ykn 0923126954.

Waajjira Mallaqaa Aanaa Caffee


Tender details

  • Deadline: 2026-09-21
  • Bid closing time: 10:00
  • Bid closing (note): Guyyaa 16ffaa Sa,aatti 4:00ttii
  • Bid opening: 2026-09-21 22:30
  • Bid opening (note): Guyyaa 16ffaa Sa,aatti 4:30ttii
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjira Mallaqaa Aanaa Caffee
  • Bid bond: Qarshii 100,000.00
  • Bid document price: Qarshii 500.00
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Sep 03, 2026)
  • Posted at: 2026-09-07T10:07:04.000Z
  • Source: 2merkato
← Back to all tenders